Dammi sukkaara bakka bu'uu danda'a?

Madda suuraa, Getty Images
Dammi sukkaara nyaataa fi dhugaatii keenya mi’eessuuf fayyadamnu bakka bu’uun nu tajaajiluu danda’aa?
Joo Lowiin UK'tti ogeettii sirna nyaataati dammi akkatti qaama keenya faayyaduufi haala kamiin soorachuu akka qabnu nutti himti.
Dhangala’aan cunqoo kuni nyaata kannisni habaaboorraa oomishuun yeroo gannaa soorachuuf gaagura keessa keewwattuu dha.
Warri Giriik durii ‘’nyaata waaqolii’’ ittiin jedhu dammaan, Chaayinaafi kutaalee addunyaa baayyeetti akka qorichaatti fudhatama.
Maal fa’i of keessaa qaba?
Dammi gagaasaa adda baasuu dabalatee mala ammayyaawaa saamsuuf taasifamuun dura qabiyyee qaama fayyadan, amiinoo asiidii, antioxidant(kan seeliin dafee akka hin duuneef gargaaru), vitaaminii, albuudaafi sukkaara of keessaa qaba.
Damma maankaan sukkaaraa tokko(g20) irraa:
Annisaa kilookaalorii: 58
Kaarbohaayidireetii giraama: 15.3
Sukkaara giraama: 15.4
Pirootiinii giraama: 0.1
Faatii giraama: 0
Gosoota dammaa

Madda suuraa, Getty Images
Dammi saamsamee gabaaf dhiyaatu adeemsa calallii keessa darba. Kunis dammicha ho’isuun kan adeemsifamu yoo tahu sukkaarri gara jajjabootti akka hin geeddaramne godha.
Kuni yerooo dheeraaf otoo hin badiin akka turu gochuurra darbee, qaruuraan saamsamee yoo dhiyaatu miidhagaa taha.
Dammi otoo hin badiin ji'a jahaa hanga waggaa tokkoo turuu danda'a.
Tahus adeemsi kuni qabiyyee antioxidant(waanta seeliin akka miidhamne gargaaru), irratti dhiibbaa qaba, bu’aalee fayyaa irraa argannus ni hir’isaa jechuu dha.
Akka addunyaatti gosti dammaa filatamaa Maanuukaa jedhamu nadhii habaaboo muka maanukaa jedhamurraa Niiwziilaandiifi Awustiraaliyaatti kan hojjetamu yoo tahu, keemikaala Meetiilgilaayoksaal jedhamu kannof keessaa qabu yoo tahu, amala dammaa farra baakteeriyaa taheef gumaacha.
Dammi dhugumaan fayyaa gaarii dha?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bu’aan dammi fayyaaf qabu habaaboo irraa hojjetameefi adeemsa calallii keessa bahe irratti hundaa’a.
Dammi hin ho’ifamne ykn hin calalamne wantoota qaamaaf faayidaa qaban of keessatti hambisuu danda’a.
Dammi gogaa qaamaa irratti madaa fayyisuuf, gubaa fi dhukkuba garaachaa fayyisuuf faayidaarra oolaa tureera.
Dammi gosoota sukkaaraa gulukoosii fi furuktoos jedhaman qaba, isaan ammoo bishaan of keessatti xuuxu waan taheef bishaan madaa keessatti hafuun fangasiin akka gogaa irratti hin biqile godhaa jechuu dha.
Dammi halluu gurraacha keemikaala filaavoonooyid jedhmu qaba. Keemikaalli kuni ammoo farra vaayirasii, baakteeriiyaa fi alarjikiis nurraa ittisa. Sababa kanaan dammi sukkaara bukkeetti akka filannootti faayidaarra ooluu mala.
Haatahu malee, sukkaara irra kaarboohaayidireetii gadi-aanaa waan qabuuf,qaama keessatti daddafee hin caccabu kaaloorii olaanaa waan qabuuf dhiiga keessatti sukkaarri akka baay’atu waan godhuuf madaalaan fudhatamuu qaba.
Dammi sukkaara irra wayyaa?
Dammi sukkaara irra kaarbohaayidireetii gadaanaa waan qabuuf dhiiga keessatti hamma sukkaaraa ol hin kaasuu jechuu dha. Dammi sukkaara caala mi’aawa jechuun hanga xiqqootu nu barbaachisa jechuu dha. Tahus kaalooriin maankaa tokko keessa jiru garuu xiqqoo waan tahuuf ilaalchuun barbaachisaa dha.
Damma fayyadamtu taanaan isa hin saamsamnee otoo fayyadamtanii bu’aalee fayyaa irraa argachuu maltan argattu.
Dammi nama hundaaf gorfamaa
Dammi sukkaara ''bilisaa'' jedhamuun beekama, namni ga'eessi tokko damma soorachuun rakkoo qabaachuu baatullee,qajeelfamaa ogeeyyiin kan daangeffame tahuu qaba.
Namoonni dhukkuba sukkaaraa qaban ykn hamma sukkaaraa dhiiga isaanii keessatti argamu daangeessuu qaban sukkaara fudhatan dammaan bakka buusuun faayidaa isaaniif hin qabu,sababiinsaas hammi sukkaaraa dhiiga keessaa dabaluun hin oolu.
Dabalataan daa'imman ji'a 12 gadi damma gosa kamiyyuu soorachuu hin qaban. Yoo sooratan summaa'uu nyaataa botulism jedhamuuf saaxilamuu malu.
Namni baayyee damma nyaachuu jaalatullee warreen biqiloota qofa sooratan, (Viigaan) kannisni yeroo gannaa keessa bahuuf nyaata oomishan jalaa nyaachuun miidhaa irraa gahuu dha jedhanii amanu.












