Maaliif beelofna, quufnee osoo jirruu miirri beelaa maaliif nutti dhagaahama?

Nyaata gosa adda addaa

Madda suuraa, Getty Images

Waan nyaataniifi yeroo itti nyaatan karoorsanii waan salphaa irra kaasee nyaata baay'ee nyaachuun namoota gariiniif wanta gammachuu itti argatan ykn itti tolu ta'uu danda'a.

Namootni gariin yeroo gammadanis yeroo aaranis miirri beelaa itti dhagaahamuu yoo baateyyuu nyaata nyaachuu filatu. Kaan ammoo hiree ta'ee waan nyaatan dhabanii ni beela'u. Osoo qabanii warri miira beela'uuf saaxilamaniis jiru.

Ofii maaliif beelofna, yeroo quufnee jirruyyuu nyaata akka barbaannu wanti godhu maali?

Ogeeyyiin damee fayya gaffii bu'uuraa garuu ammoo deebiin isaa walxaxaadha jedhu.

Yunivarsitii oof Liidsitti barsiistuu appitaayitiifi furdina hangaa olii kan ta'an Dooktar Kiristiin Biyoolee ''damee qorannoo kootti beelli fedha baayolojikaalaaf deebii kennuuf waa soorachuuf wanta dhiibbaa uumu jedhamee ibsama'' jedhu.

Yaada kana bifa salphaa ta'een yoo ibsan ammoo beela'uu jechuun qaamni keenya kuusaa anniisaa keenya guuttachuuf ykn hojiin qaamni keenya dalagu akka itti fufu gochuuf nyaachuu qabdu jedhee ergaa nuuf dhaamuudha jedhu.

Ogeettiin kun qorannoon waayee miira beela'uu yunivarsiitiin Liids gaggeesse kan agarsiisu, miirri beelaa kan dhufu fedha nyaachuuf jiru irraa akka ta'e agarsiisa jedhu.

Fedhiin waa soorachuu ammoo sirna meetaabolizimii kan anniisaa qaamni keenya tajaajila lubbuu namaa jiraachisuu kennuu itti fuufsiisu irratti hundaa'a jedhu.

Sadarkaa xiqqaa jedhamuttis fedhiin waa soorachuu miira beela'uu uumuu danda'u sochii qaamaan walqabatee akka dhufu Doktar Kiristiin ni dubbatu.

''Mallattooleen akka garaan keenya duwwaa ta'uu, gulukoosiin dhiigaa xiqqaachuufi hormooniiwwan appitaayitiin walqabataniis akka beelofnu ykn miira beelaa uumuu danda'u.''

Akka Doktar Kiristiin jedhanitti mallattooleen armaan olitti akka agarsiistuu sorata fedhuu namaatti dhiyaatan wiirtuu appitaayitii sammuu keenya keessa jiruutti miira beela'uu dhaamu.

''Sirna baayyee walxaxaadha''

Beelofnee osoo hin nyaatiin miirri beelaa inni baduhoo maali?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namoonni tokko tokko ''nan beela'e'' jedhanii erga himatanii, osoo hin sooratiin turtii muraasa booda ''beelli koo narra darbe'' yeroo jedhan isin mudatee beekaa.

Doktar Kiristiin ''miirri beela'uu osoo hin nyaatiin turtii booda baduu danda'a'' jedhu.

Sababa beelli keenya nurraa baduuf yoo ibsan ''wayita sooma yeroo dheeraa ykn hanqina nyaataa fedha waa soorachuu hacuucuuf qaamni keenya ketone bodies qopheessa'' jedhu.

Keytone bodies wanti jedhamu qaama keenya keessa gulukoosiin gahaan wayita hin jirre madda anniisaa dabalata akka ta'uuf Tiruun keenya kan maddisiisudha.

Miirri beela'uu wantoota keessoo qaama keenyaa keessatti ta'aniin qofa hin murtaahu.

Akka Dooktar Kiristiin jedhanitti ta'iiwwan qaama keenyaan ala jiran ''miira beela'uu keenya akka dagannu nu gochuu danda'uu'' jedhan.

Haata'u ibsi beelarratti kennamu kamuu kn nama hundaaf hojjetuudha jehcuun hin danda'amu jedhu.

Akka fakkeenyaattis namootni gariin nyaata akka malee waan jaalataniif miira beelaa isaanii hin dagatan jedhu.

Osoo hin beelaiin maaliif nyaachuu barbaanna?

Sammuu dhala namaa keessa sirnoota appitaayitii hedduutu jira. Isaan keessaa tokko sirna hedoonik jedhamuudha.

Sirni kun osoo beela'uudhaa baanneeyyuu miira nyaataan gammachuu argachuu uuma, miira quufuus namarraa dhiiba.

Namootni tokko tokko gosa nyataa osoo quufanii jiraniiyyuu bira darbuu hin dandeenye murtaahan kan qabaatan sababa sirna hedooniik jedhamu sammuu keenya keessa argamuufi.

Kanaaf miirri bela'auu waanuma sammuu keenya keessatti uumamu qofaa?

Piroofeesar Chaarlees Ispers Yunivarsiitii Okisfoorditti qorataa laabraatorii mala kiroosmoodel jedhamuuti.

Akka isaan jedhanitti miirri beela'uu wanta sammuu keessatti uumamu qofa(xiinsammuu) osoo hin taane dhimma qaama namaa guutuu isaatii jedhu.

Ogeessi kun miira beela'uu keessatti kanneen dhiibbaa alaa jedhamanii hubataman keessaa tokko foolii fedha nyaataa kakaasaniidha jedhu.

Yeroo waayeen nyaataa qalbii keenya keessa hin jirre osoo daandiirra imalluu ykn bakka tokko teenyuu fooliin fedha nyaataa keenya dammaqsu dhufee tasa nyaata fooliin isaa nutti dhufe nyaachuu barbaanna jedhu.

Fedhiin nyaataa kun sirna mil'uu wajjin akka walqabatuufi wanti ijaan ilaallu sammuu keenya keessatti fedhiin wanta argine sana akka feenu godhuu akka jirus dubbatu.

''Sammuun keenya atattamaan xiyyeeffannoo itti kenna. Nyaatni sun sochiirra jira taanaan ammoo xiyyeeffannoon sammuu keenyaa baayyee dabala.''

Dhaabbileen daldala nyaataa dhimma kana hubachuun itti fayydamaa jiraachuu taajjabus himan.