Biyyoonni Afrikaa waraana Israa'el fi Filisxeem irratti ejjennoo garaagaraa qabatan

Madda suuraa, Reuters
Aanga'oonni biyyoota Afrikaa haleellaa tasaa gareen hidhattootaa Filisxeem- Hamaas, Israa'el irratti raawwate hordofee lola deemaa jiru akka dhabbatu qaamolee walwaraanan gaafataniiru.
Ejjennoon biyyoota Afrikaa garuu guutummaatti kan walfakkaatu miti.
Zaambiyaa, Keeniyaa fi Gaanaan Hamaasiin balaaleffatan. Israa'el akka deeggaranis ibsaniiru.
Sudaan, Jibuutii fi Afrikaan Kibbaa ammoo deeggarsa Filisxeemiif qaban ibsaniiru.
Israa'el waggoota kurnan darban keessatti hariiroo biyyoota Afrikaa waliin cimsiteetti.
Biyyoonni Afrikaa hedduun imbaasii isaanii Teel Aviiv irraa gara Jerusaalemitti geeddaruuf karoorsaniiru.
Kun garuu yeroo walitti bu'iinsaa kanatti deeggarsa Israa'el biyyoota Afrikaarraa barbaaddu argamsiisuufii hin dandeenye.
Gamtaan Afrikaa ibsa afaan Ingilizii fi afaan Faransaayiin baase keessatti ka'umsi walitti bu'iinsa kanaa ''mirgi uummata Filisxeemiif mootummaa walabaa fi birmaduu ta'e hundeessuun walqabatee jiru sarbuudha,'' jedhe.
Dura taa'aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii gareen lamaanuu walitti dhukaasuu dhaabuun, dhimmasaanii marii nagaan furachuu akka qaban dhaaman.
Fedhii uummata Filisxeem fi Israa'el kabachiisuuf ulaagaan qaamoleen lamaanuu gaafatan karaa walqixa ta'ee fi haqa qabeessa ta'een hojiirra ooluu qabas jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kanaan dura Israa'el Gamtaa Afrikaa keessatti taajjabduu ta'uun akka hirmaattuuf fedhii agarsiiste biyyoonni gariin mormaniiru.
Pireezidantiin Yugaandaa Yuweerii Museveenii gareen wal qoccolan, ''gara furmaata waloo barbaaduutti'' akka deebi'an waamicha dhiheessaniiru.
Aab Museveeniin bara 2016 fi 2020 Ministira Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaanayaahuu waliin walarguun akkaataa hariiroo biyyoota lameenii cimsuun danda'amurratti mari'ataniiru.
Bara 2020 keessa hariiroo Sudaan fi Israa'el fooyyessuu keessatti hojii guddaa hojjetaniiru.
Lola amma dhalaterratti garuu Ministirri Dhimma Alaa Sudaan warra Filisxeem akka deeggaran ibsaniiru.
''Yeroo ammaa haala hammaataa fi balaafamaa Filisxeemitti raawwataa jiru itti dhiheenyaan hordofaa jirra.
Uummanni Filisxeem biyya walabaa fi mootummaa of danda'e akka qabaatan Sudaan ni tumsiti. Akka addunyaatti seeronni walitti bu'iinsa akkasii ittiin furan hojiirra ooluun mirgi lammiilee akka eegamu ni gaafanna,'' karaa feesbuukii miidiyaa mootummaa biyyattii SUNA ergaasaanii dabarsan.
Afrikaan Kibbaas ''hatattamaan dhukaasi dhaabbachuu qaba,'' jechuun dhaamte.
Biiroon dhimma hariiroo idiladdunyaa biyyattii ''Israa'el fi Filisxeem gidduutti nagaan akka bu'uuf murteewwan nageenyaa Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii dabarse hojiitti hiikuu feesisa,'' jedhe.
Naayijeeriyaan gamasheen ''walitti bu'iinsi amma hammaate kun akkanaan yoo itti fufe uummata gidiraa walirraa hin citne keessa galcha,'' jechuun yaaddoo qabdu ibsite.
Pireezidantiin keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo ''miidhaan hammaataa deemuun gatii hin barbaachifne waan kaffalchiisuuf gareen lamaanuu kana hubatanii of qusachuu qabu,'' jedhan.
Ministirri Dhimma Alaa Zaambiyaa Istaanlii Kaakuuboo haleellaa Hamaas balaaleffachuun Israa'el deeggaraniiru.












