FBI mana Donaald Tiraamp sanadoota icciitii gurguddaa qaban fudhate

Madda suuraa, Getty Images
Ajaja sakatta’insa pireezidantii duraanii Donaald Tiraamp irratti bahe hordofuun Biiroon Basaasaa Federaalaa Ameerikaa(FBI) rizoortii Tiraamp Maar-a-Laag jedhamuufi bulchiinsa Filooriidaatti argamurraa sanadoota icciitii guddaa qaban fudhachuu hime.
Hojjettoonni waajira kanaa tuuta sanadaa 11 barreefama gabaajee ‘’TS/SCI jedhuun adda baafaman kan nageenya biyyaalessaa US irratti ''badii hamaa'' qaqqabsiisuu malan jedhan harka galfataniiru.
Tiraamp badii tokkollee raawwachuu yoo waakkatan, sanadnis icciitii hin qabu jedhaniiru.
Manni pireezidantii duraanii tokko dhimma yakkaaf yeroo sakatta’amu kuni yeroo jalqabaati.
Jimaata kaleessaa waraqaa ajaja sakatta’aa riisoortii Tiraamp Maar-a-Laagoo irratti bahe dabalatee sanadni abbaa fuula torbaa uummataaf ifa taasifameera.
Wiixata darbe yaadannoo harkaan barreefame, odeeffannoo waa’ee ‘Pireezidaantii Firaans himuufi,’’ xalayaa araaraa michuu yeroo dheeraa Tiraamp Roojar Istooniin bakka bu'uun barreefame dabalatee miya sanduuqa 20 fudhatame.
Akkasumas tuuta sanadaa afur,f udhataman keessaa sadii ''sanada icciitii qaban,'' yoo tahu kaan immoo ''miya icciitii qabu sadii'' dabalataas jarri waajira basaasaa kuni fudhachuun ibsameera.
Ajaja sakatta’insaaf baherratti qondaaloti FBI dhimmi seerri basaasaa odeeffannoo nageenya biyyaalessaaf sodaachisu dabarsuufi qabachuu dhorku cabee yoo jiraate soqaa akka turan agarsiisa.
Sanada ykn miya icciitii fudhachuun seera biyyattiin dhorkaa dha. Tiraamp yeroo pireezidantii turanitti immoo adabbiin yakka kanaa akka cimu gochuu isaaniin amma hidhaa waggaa shaniin adabsiisa.
Ibsi ajaja sakatta’insa kanaa akka jedhutti yeroo rizoortii Maar-a-Lagootti sakatta’insi taasifamu mana kuusaa ''45 office'' jedhamutti geggeefame malee kutaa keessummaa itti hin buune.
Gaafa Kamisaa waajirri haqaa manni murtii dhimma kana uummatatti akka baasu gaafate, kunis yeroo qorannoon taasifamutti tarkaanfii hin baratamne dha.















