Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Netaniyaahuun waraanni Israa'el Hamaas waliin itti jirtu“gatii guddaa ishee baasisaa jira" jedhan
Ministirri Muummee Israa'el Benjaamiin Netaniyaahuun waraanni biyyisaanii Gaazaatti gaggeessaa jiru ''gatii baay'ee ulfaataa'' akka isaan baasisaa jiru dubbatan.
Waraanni biyyattii guyyoota lamaan darban loltoonni Israa'el hedduun ajjeefamuu isaanii kan beeksise yoo ta'u, Israa'el humna waraanaashee lafoo gara Gaazaatti erga galchitee as loltoonni 154 ta'an ajjeefamaniiru.
Jimaatarraa eegalee loltoota kudhanii ol ta’an naannoo sana keessatti ajjeefamaniiru.
Sambatni guyyoota hamoo baayyeen lubbuu ittti dhaban keessaa isa tokko ture – ta’us garuu waraanicha itti fufuu malee "filannoon hin jiru” jedhan MM Israa’el Benjaamiin Netaniyaahuu.
Kun osoo kanaan jiruu, ministeerri fayyaa Gaazaa kan Hamaasiin hooganamu, Wiixata darbe kaampii baqattootaa irratti haleellaa raawwatameen namoonni 70 ajjeefamaniiru jedheera.
Gaazaatti Onkoloolessa 7 irraa eegalee namoonni 20,000 ol ajjeefamaniiru - irra caalaan isaanii dubartootaafi daa’imman yoo ta’u, 54,000 ammoo madaa’uu ministeerichi beeksiseera.
Loltoota Israa'el yeroo dhiyoo asitti du'an ilaalchisee yaada kennaniin, Mr Netaniyaahuun, guyyaa lola baayyee rakkisaa Gaazaa keessatti taasifameen booda ''guyyaan kun guyyaa rakkisaadha, '' jedhan.
Garuu humnoonni isaanii ''hanga dhumaatti humna guutuudhaan'' akka itti fufan ibsuun, kaayyoo Hamaas dhabamsiisuufi namoota butamanii Gaazaa jiran nagaan akka deebi'an mirkaneessuu irra deebi'anii dubbataniiru.
Wanti ifa ta'uu qabu, waraana kun yeroo dheeraa fudhata,” jedhan Ministirri muummee Israa’el itti dabaluun“.
Ibsa addaa kenneen humni waaraanaa Israa’el duula hanga har’aatti geggeessaa tureen loltoota Filisxeem kuma 8 ol ajjeesuu ibseera.
Duulli Israa’el kun kan eegale loltoonni Hamaas Onkoloolessa 7 Gaazaa irraa gara kibba Israa’elitti qaxxaamuranii namoota 1,200 ajjeesuufi gara 240 ammoo butanii erga fudhataniin boodadha.
Michuu jabaa Netaniyaahuu kan ta’an Prezidaantiin US Joo Baayidan Sambata darbe ministira muummee waliin haasaa bilbilaan taasisaniin namoota nagaatiif eegumsa taasisuun "baayyee murteesssaa" ta'uu dubbachuu isaanii Waayit Hawus beeksiseera.
Hoogantonni lamaan dhukaasa dhaabuun Hamaasiif carraa kan uumu akka ta'e waan waliigalaniif namoota nagaaf eegumsa taasisuuf dhukaasa dhaauun akka filannootti hin kaane jedhameera.
Torban darbe gara dhumaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Manni-maree Nageenyaa (UNSC) gargaarsi namoomaa gahaan Gaazaa akka seenu yaada murtee abarsullee, waliigaltee dhukaasa dhaabuurra haa ga'amu kan jiraatti garuu osoo waliif hin galamiin hafeera.
Guyyoota darban keessas Masiriitti humnoota wal waraanan lamaan waraanicha yeroof akka dhaabaniif yaaliin walitti fiduuf taasifamaa ture osoo hin milkaa'iin hafeera.