Humnoonni galaanaa Masiriifi Sudaan shaakala waraanaa waloo taasisan

Humnoonni galaanaa Masiriifi Sudaan Galaana Diimaa irratti shaakala waraanaa waloo taasisuu isaanii ministeerri ittisaa Masirii beeksise.

Biyyoonni kunneen lamaan shaakala waraanaa guyyoota baayyeetiif ture kan gaggeeffatan humna galaanaa safara Ulaa Galaanaa Sudaan (Port Sudan) jirutti akka ta'e ministeerichi ibseera.

Shaakalli waraanaa Masiriifi Sudaan waliin taasisan kun adda durummaan nageenya galaanaa eegsisuufi yaaddoo nageenyaa humna diinaa irraa itti aggamamu qolachuurratti kan kaayyeffate akka ta'e ibsa kenname keessatti eerameera.

Shaakalli waraanaa waloo gaggeeffame kun, "bu'uura karoora waraanni Masirii biyyoota obbolaafi michuu ta'an waliin tumsa loltummaa guddifachuuf qopheesseenidha," jedhameera.

Shaakalli waraanaa waloo biyyoota lamaanii Galaana diimaa irratti nageenya humna galaanaa mirkaneessuuf, sochii godaansa seeraan alaa to'achuudhaaf, farra shororokeessummaafi diina waloo waliin qolachuu irratti kan xiyyeeffate akka ta'e Ministeerri Ittisaa Masiriis beeksiseera.

Gama Kaaba-baha Afrikaatiin Galaana Diimaa kan waliin qooddatan biyyoonni hollaa kunneen-Masiriifi Sudaan, tumsa waraanaa waliin qabaachuun michummaa bara dheeraa qabu.

Keessumaa ammoo sababa Hidha Haaromsaa Laga Abbayaa Itoohiyaan xumuraa jirtu ilaachisee ka'u hordofee ammoo Masiriifi Sudaan waggoota muraasa darban tumsa waraanaa akka cimsanii itti fufan waliigaltee taasisaniiru.

Laga Abbayaa bishaan isaa harki caalu Itoophiyaa keessaa bahu garuu Masiriifi Sudaan adda-durummaan itti fayyadaman irratti Hidhaan Guddicha ijaaramaa jiru ilaalchisuun biyyoonni sadan (Ioophiyaa, Masiriifi Sudaan) atakaaroo keessa galuun isaanii ni beekama.

Hidhaan Haaromsaa Itoophiyaa ijaarsi isaa waggaa kudhanii ol ta'eefi xumuratti dhiyaachaa jiru bishaan Laga Abbayaa irraa argatan nu jalaa hir'isa jechuun Masiriifi Sudaan Itoophiyaa mormaa turaniiru.

Biyyoonni lamaan Itoophiyaan hidhaa Abbay kana bishaan guutuu jalqabuushee hordofee waggoota darban keessa yeroo gara garaatti shaakala waraanaa Sudaan keessatti gaggeeffachuun isaaniis gabaafamee ture.

Shaakalli waraanaa amma gaggeeffatan kun karaa humnoota galaanaa isaannitiin Galaana Diimaa irratti kan gaggeeffaatan yoo ta'u, kaayyoon isaas yaaddoo nageenyaa waloo waliin ittisuuf akka ta'e ibsameera.