Waancaa Awurooppaa Liigii Maanchister Yuunaayitid moo Tootenhaamtu mo'ata?

Maanchister Yuunayitid v Tootenhaam

Madda suuraa, Getty Images

Kileboonni Ingilizii lamaan Piriimer Liigii keessaa balaarra jiran Maanchister Yuunaayitidii fi Tootenhaam waancaa Awurooppaa Liigiif darban.

Caamsa 21 taphni waancaa kun kan gaggeeffamu taha. Gareen Ruuben Amoorim Atileetiikoo Bilaa'oo tapha dhaqaa galaan 7-1 mo'atee waancaaf darbe.

Maanchister Yuunaayitid Piriimer Liigii keessaa sadarkaaa 14ffaa irra jira.

Miidhama taphattootaan kan rakkataa jiru kilebni kun taphattoota gahumsa isaanii agarsiisuu hin dandeenye akka Raashfoordi, Aantoonii fi Saanchoo garuu ergisa kenneera.

Isaan hunduu kileba deeman keessatti haala gaariin taphataa jiru. Garuu Yuunaayitid keessatti kufaatiin isaanii kilebicha qabxii argatee hin beekne akka galmeessu taasise.

Ruuben Amoorim garee mataa isaanii ijaaruu hin dandeenye. Taphataa galchii hedduu lakkoofsisu hin qaban.

Amooriimiif kun jalqabbii gaarii tahuu mala. Maanchister Yuunaayitid yoo waanca mo'ate waan lama milkeessa. Hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii fi bara kana ammoo waancaa tokko.

Amma Caamsa 21 fuuldura keenyaa Tootenhaam waliin waancaaf kokkee wal qabu. Lameenuu waancichaan garasitti qeeqa kilebicha irratti ka'aa jiru callisiisuu barbaadu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tootenhaam ammoo kileba Noorwey Boodoo/Gilimit waliigalaan 5-1 mo'atee waancaaf dhaqabe.

Leenjisaan Tootenhaam bara leenjusmmmaa koo waggaa lammaffaan yeroo hundayyuu waancaa nan mo'adha jedhe.

Tootenhaam keessa waggaa lammaffaa kan turan Anji Poostekoogeluu waancaa Awurooppaa Liigii mo'achuun hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii bara dhufuu argachuuf yaadaa jiru.

Bara dhufu Shaampiyoonsi Liigii keessa kileboonni Ingilizii jaha taphatu.

Tootenhaam waggaa 17 booda yeroo jalqabaaf waancaa mo'achuuf jedha. Bara kana Tootenhaam yeroo sadii Maan Yuunaayitidiin mo'eera.

''Yoo adda gootee yaadde kileba tokkoon bara tokko keessatti yeroo afur mo'amuun ni ulfaata. Akka kanatti yaadnee qophoofna'' jedhe.

Taphataan duraanii Tootenhaam Gileen Hoodil Tootenhaam ammas Maan Yuunaayitidiin mo'achuun itti ulfaata jedhe.

''Kileba Piriimer Liigii keessa jiru tokko waggaa tokko keessatti yeroo afur mo'uun hedduu ulfaata'' jedhe.

''Waraana cimaa kileboota lamaan gidduutti gaggeeffamudha. Tootenhaam harka caalmaa qaba. Yuunaayitid ammoo haloo bahuuf taphata,'' jedhe Gileen.

Maan Yuunaayitid yeroo dhumaaf waancaa Awurooppaa Liigii kan mo'ate bara 2016-17 Joosee Mooriniho jalattidha.

Gahumsi isaan Piriimer Liigii keessatti qaban laafaa tahus waancaa kana mo'achuuf Yuunaayitid humna qaba kan jedhe ammoo taphataa duraanii kilebichaa Pool Iskoolsidha.

Sababoota adda addaa kaasnee yoo ilaalle Maan Yuunaayitid seenaa guddaa akka Riyaal Maadirid fakkaatu qaba. Yerooma haala gaariin dorgommiiwwan Awurooppaa keessatti hin taphanneyyuu duubumaa ka'anii mo'atanii bahuu danda'u'' jedhe.

''Seenaan Maanchister Yuunaayitid kan sitti himu mo'achuu danda'u kan jedhudha. Akkamiin akka dorgommicha mo'atan beeku. Tootenhaam kana gochuu hin danda'u'' jedhe.

Tootenhaam Maan Yuunaayitid irratti rikardii gaarii qaba. Taphoota jaha darban keessaa taphoota afur mo'ateera.

Maan Yuunaayitid isa dhumaaf Tootenhaamiin kan mo'ate Onkoloolessa 2022 keessa ture. Ragaan Opta garuu Maan Yuunaayitid carraa xinnoo waancicha injifachuu qaba jedha.

Opta Yuunaayitid 50.7% carraa waancicha injifachuu qaba jedha. Tokkoon isaanii yeroo waancicha mo'atan waggoota 15 keessatti kileba jalqabaa qabxii xiqqaa hagasii qabatee waancaa fudhate tahu.

Dorgommii Awurooppaa Liigii keessattis qabxii xiqqaa kileba qaban garuu hirmaachuuf carraa argatan jalqabaa tahu.

Barri Kun Shaampiyoonsi Liigii irraa kan hafe kaan kileboota Ingilziif mijateera.

Cheelsiin waancaa Konfirensi Kaappii xumuraaf darbeera.