Shaampiyoonsi Liigii: Taphattoonni Baarseloonaa 'erga mo'anii mo'aman' waa'ee taphichaa maal himatan?

Inter Miilaan Baarseloonaa mo'achuun xumura waancaa Shaampiyoonsi Liigiif darbe

Madda suuraa, Getty Images

''Baay'ee gaddeera. Waan qabnuu fi dandeenyu hundaa kennineerra. Carraan nu waliin hin turre. Hanga kileba kana kabaja isaa duraaniitti deebisutti takkaa hin boqadhu. Waan dandahu hundaa nan godha. Kana ammoo waadaan isinii gala,'' jedhe Lamiin Yamaal.

''Yoon kufu deebi'e kan ka'a. Sababni isaas yeroo homaa hin qabne sanayyuu jabaadhee hojjedhee argadheera. Osoon si'a baay'ee kufeyyuu homaa miti. Akka loltuu jabaatti deebi'ee nan ka'a, isan barbaadus nan milkeessa,'' jedhe.

Saan Siiroo! Istaadiyeemii guddicha Xaaliyaanii magaalaa Miilaan keessatti argamu keessatti diraamaa namni hin eegne hedduutu raawwate.

Baarseloonaa, kileba abdii fi ol adeemtotaan guutamee fi Inter Miilaan kileba taphattoota muuxannoo guddaa qabanii fi umuriin bilchaatan gidduutti falmii jabaatu gaggeeffame.

Nuu Kaampi iratti taphni marsaa jalqabaa akkuma 3-3 xumurame edas daqiiqaa 90 akkasuma 3-3 xumurame.

Boqonnaa dura Inter Miilaan salphumatti xumura waancaa Shaampiyoonsi Liigiif darbeera jedhamaa ture. 2-0 dursaa waan tureef.

Boqonnaa booda Baarseloonaan 2-2 wal qixa tahuun taphichi hawwiin akka eegamu tahe.

Erik Gaarshiyaa fi Daanii Oolmoo galchii lakkoofsisuun Baarseloonaan amma injifata jedhame. Miirri taphattoota Inter Miilaan jeeqameera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Leenjisaan isaanii Simoonee Inzaagii kuni dhufa jedhanii hin eegne. Waan abdii kutatan fakkaatan.

Daqiiqaa 87ffaa irratti galchii sadaffaa Baarseloonaan yoo lakkoofsisu eenyutu Inter Miilaantu darba jedhee tilmaama?

Amma hunduu dhumate jedhamee Saan Siiroon callisaan guutame. Baarseloonaan olaantummaa taphaa 70% tahu fudhateera.

Karra Inter Miilaan irratti waraanuma banan. Karra eegaan Inter Miilaan Soomer garuu kubba 20 yaalaman keessaa kubba 10 qiyyeeffannaa isaanii eeggatan keessaa torba ofirraa deebiseera. Sadii galchii tahaniiru.

Lamiin Yaamaal galchii waan hundaaf xumura gootu waan lakkoofsise fakkaate. Soomer gahumsa ajaa'ibaan deebise.

Daqiiqaa tokko yoo hafu [daqiiqaa 94] taphataan sarara ittisaa Baarseloonaa Roonald Aruhoo sarara isaa keessatti taphataa Inter Miilaan cimsee dhaabuu dadhabuu isaa irraa kan ka'e Acheerbiin galchii lakkoofsise.

Mee yaadaa! Firaansiiskoo Acheerbii taphataa ganna 37ti. Lamiin Yamaliin waggaa 20 caala. Waggaa haga kana taphatee dorgommii Awurooppaa keessatti galchii jalqabaa isaa lakkoofsise.

Amma Saan Siiroo keessaa hanga lafti socho'utti gammachuu guddaan dhagahame.

Sa'a dabalataa irratti jijjiiramee dirree kan gale Firaatesiin galchii injifannoo lakkoofsise. Yeroo kana Kubaarsii irraa kan hafe taphattoonni Baarseloonaa sarara ittisaarra taphatan kaan dhaabatanii ilaalaa turan.

Galchii laphee isaanii fi deeggartoota isaanii cabsitetu lakkaa'ame. Bir-qabaan ittisni Inter Miilaan jabaa waan taheef Baarseloonaan salphaatti galchii lakkoofsisuu hin dandeenye.

Leenjisaan duraanii Arsenaal, Arsene Weeneger ''rukuttaa peenaaliitii Kubaarsii irratti kenname gonkumaa sirrii miti. Kubaarsiin kubbaaf deeme. Kubbas argateera. Viidiyoo sochii hundumaayyuu suuta taphachiiftee ofitti buttee yoo ilaalte waanuma hundaa keessatti balleessaa argatta. Daanyaan tapha kanaa waan sirrii hin murteessine'' jedhan.

Tapha keessattis tahe alatti dubbachuu caalaa kubba aartiidhaan taphachuun kan beekamu Peedriin ''Waldaan Kubba Miilaa Awurooppaa dhimma daanyaa kanaa ilaaluu qaba. Waan inni murteessu tokko tokko hubachuuf nama rakkisa'' jedhe.

Bara kana osoo Baarseloonaan xumura waancaa Shaampiyonsi Liigiif gahee mo'ate shakkii tokko malee badhaasa Ballon d'Or mo'ata jedhamee kan eegamu Raafiinaan ''Cimnee deebina. Deeggarsa nuuf kennitaniif galatoomaa. Haguma guyyaan darbaa deemu uffata Baarseloonaa kana uffachuun hedduu na boonsa,,'' jedhe.

Taphataan duraanii Niwk Kaastilii fi galchii hedduu lakkoofsisuun rikardii Piriimer Liigii qabatee waggaa hedduuf ture Alan Shiirer amma Inter Miilaan dorgommicha keessaa baheera jechaa ture.

Kana gidduutti galchii biraa Inter yoo lakkoofsisu ''ani takkaa waan akka kanaa argee hin beeku'' jedhe.

''Inter Miilaan galatoomaa. Baarseloonaa galatoomaa. Kubba akka kanaa waan nutti agarsiiftaniif galatoomaa. Dhugumatti walakkaa xumuraaf gahanii kubba bashannansiisaa akka kanaa arguu keenyaaf carroomneerra'' jedhe.

Inter Miilaan galchii waliigalaa 7-6 mo'achuun darbe. Sadarkaa walakkaa xumuraa akka kanaatti galchii hedduu akkasii kan argame bara 2018 yeroo Liiverpuul Roomaa galchii waliigalaa 7-6 mo'ate ture.

Inter Miilaan tapha Shaampiyoonsi Liigii 12 irratti galchii iratti hin lakkaa'amne, Baarseloonaan tapha lama irratti irratti lakkoofsise.

Alan Shiirer dhugumatti tapha bareedaa argina jennee eegneerra. Kun garuu adda. As taa'ee ilaaluukoof hedduu gammada jedhe.

Kubba miilaa ammayyaa keessatti kun isa bakka olaanaa qabudha.

Erga bara 2010 yeroo Joosee Moorinihoon Inter Miilaan leenjisuun waancaa Shaampiyoonsi Liigii mo'atanii as kilebni Xaaliyaanii tokkoyyuu waancicha hin mo'anne. Waggaa 15 booda Inter Miilaan waancicha mo'achuu danda'a.

Simoonee Inzaagii bara 2023 xumuraaf dhaqqabuun akkasuma Maanchister Siitiidhaan mo'amuun ture waancaa kan dhaban.

''Qabxii ajaa'ibaati. Taphoota afur [Baayern Munikii fi Baarseloonaa] dhaqaa galaan taphannee mo'annee darbuun waan addaati. Kun taphattoootaaf, kileba kanaafi maatii keenyaaf seenaa gaariidha'' jedhe.

Lamiin Yamaal taphataa addaa ture. Waan danda'u hundaa godheera. Yeroo murteessatti miidhamaan taphattoota kan dhabe Baarseloonaan waan danda'u hndaa godheera. Garuu galchii isaa irratti of eeggannoo hin qabu. Kun akka malee isaan saaxile.

Fuuldura isaanii El Kilaasiikoo jira. Innis waancaa Laaliigaa mo'achuu fi dhiisuuf tapha murteessaadha.