Waancaa Piriimer Liigii waggoota lamaan darbanii Arsenaaltu mo'ate- Arteettaa

Madda suuraa, Getty Images
Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa waancaa Piriimer Liigii darban lamaan jechuunis kan bara darbee fi waggaa lama dura Maanchister Siitiin fudhate Arsenaaltu mo'ate jedhan.
Abjuu keessa jiramoo jechuu dandeessu. Eeyyee Arteettaan ofitti amanamummaan guutameema miidiyaaleef ibsa kana kenne.
''Waancaa mo'achuun dhimma yeroo murteessatti bakka murteessaa irratti argamuuti. Liiverpuul qabxii nuyi waggoota lamaan darbe galmeessinee gadi fiduun waancicha mo'ate. Akkasiin yoo ilaalle qabxii waggoota lamaan darbe arganneen waancaa Piriimer Liigii lama mo'anneerra jechuudha'' jedhe leenjisaan Arsenaal kun.
Tarii nama kofalsiisuus ykn haalli isaa namatti bitaacha'uus danda'a.
Arteettaan Liiverpuul bara kana shaampiyoonaa kan tahe qabxii Arsenaal waggoota lamaan darbe galmeesseen gadi fiduun akka tahe ibse.
Arsenaal qabxii fooyyee qabu waggoota lamaan darbe yeroo galmeesse Maanchister Siitiitu waanicha mo'ate.
Dhugaa jiru yoo ilaalle garuu Liiverpuul ammayyuu bara dorgommii Piriimer Liigii bara kanaa xumuruuf taphoota sadii qaba. Kana jechuun sadan isaa kan mo'atu yoo tahu qabxii amma qabu 82 irratti sagal yoo argate qabxii Arsenaal bara darbe galmeesse 89 caaluu danda'a.
Bara 2022-23 ammoo Arsenaal qabxii 84 fide. Akkasis yoo tahe Liiverpuul taphoota hafan mo'atee qabxii Arsenaal kana caaluu danda'a.
Tarii Arteettaan qabxii 97 Liiverpuul walitti qabatee waancaa dhabe dagatee laata?
Arteettaan erga Arsenaal leenjisuu jalqabee waggoonni jaha darbanis waancaa FA tokko akka dhufeen mo'ateera.
Pirojeektii Arteettaan Arsenaal keessatti jalqabe garee duraan ture irraa fooyyee haa qabaatu iyyuu malee waancaa tokkollee osoo hin mo'atiin waggoonni shan darban.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Liiverpuul bara kana taphoonni afur osoo hafanii waancaa injifachuu mirkaneessan.
Arsenaal bara kana dorgomaa waancaa jabaa taha jedhamee eegamus qabxii 15niin Liiverpuul biraa duubatti hafeera.
Taphoota hafan keessaa Arsenaal hammam mo'ata kan jedhus homaa hin beekamu. Torban darbe Barnimooziin mo'ame. Amma immoo Shaampiyoonaa bara kanaa Liiverpuuliin Aanfiildi irratti morkata.
Kun ammoo waancaa Shaampiyoonsi Liigii keessaa bahuu isaanii erga mirkaneessanii waan taheef haamilee taphattoota Arsenaaliif yeroo gaarii hin fakkaatu.
Arteettaan tapha PSG dursee yaada kana kenne. Erga Paaristti mo'amanii ammoo Awurooppaa keessaa Arsenaal kileba guddaaa jalqabarra jirudha jedhe.
Bara darbe erga nuusa xumuraaf darbanii bara kana ammoo walakkaa xumuraaf darbaniiru. Kun erga bara 2009 as yeroo jalqabaaf walakkaa xumuraaf darban.
Shaampiyoonsi Liigii tasumaa injifatee kan hin beekne Arsenaal dorgommicha keessatti taphoota 201 taasiseera.
Kilebni haga kana Shaampiyoonsi Liigii keessa taphatee waancicha hin mo'anne Arsenaal qofa.
Bara 2006 yeroo waancaaf gahan Baarseloonaadhaan Paarisitti mo'amuun waancaa dhaban.
Waancaa Piriimer Liigii erga mo'atees waggoonni 20 darbaniiru. Arteettaan erga bara 2020 Arsenaal leenjisuu jalqabee kilebicha morkataa gaarii godhus abaarsa waancaa injifachuu garuu cabsuu hin dandeenye.
Arsenaal pirojeektii Arteettaa kana eegamoo yerootti Arteettaa gaggeessurra gaheera?












