Shaampiyoonsi Liigii: Arsenaal 2-1'n PSG'dhaan mo'amuu isaaf eenyuun abaare?

Arsenaal PSG'n waliigalaan 3-1 mo'amee Shaampiyoonsi Liigii keessaa bahe.

Madda suuraa, Getty Images

Paaris Arsenaaliif ammas lafa abaarsaa taateetti. Arteettaan ammoo mo'amuu isaaniif karra eegaa PSG Jiijii Doonaaruumaa abaare. Garuu PSG akka waancicha mo'atun deeggara jedhe.

Arteettan erga PSG mo'amanii booda waancaa Shaampiyoonsi Liigii PSG akka mo'atuuf nan deeggara jedhe.

Tarii kilebni inni Arsenaalii ala deeggaru Baarseloonaan waancicha keessaa waan baheef tahuu mala.

Arteettaan Baarseloonaa fi PSG keessa taphateera. Baarseloonaa keessa Laa Maasiyaa keessa yoo tahu PSG garuu ergisaan deemee taphatee ture.

Leenjisaan PSG Luwis Eneriikee Baarseloonaan waancaa Shaampiyoonsi Liigii bara kanaa mo'achuu qaba ture jedhe.

Baarseloonaan kileba ajaa'ibaati kan jedhe Eneriikeen waancichi kan maluuf Baarseloonaafi. Amma garuu kilebni koo keessa waan jiruuf mo'achuuf waan hundaa goona jedhe.

Baarseloonaan yeroo PSG waliin taphatu osoo hin taane osoo kileb abiraa wlaiin waancaaf gahe tahee nan deeggaranii ture jedhe.

Baarseloonaa morkachuun baay'ee ulfaata. Tapha isaanii ilaaluun garuu baay'ee nama bashannansiisa jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Eneriikeen taphataa fi leenjisaa tahee Baarseloonaa keessa waggaa baay'ee dabarseera.

Arsenaal akkamiin PSG'n mo'ame?

Bara 2006 Arsenaal yeroo jalqabaaf xumura waancaaf yeroo dhaqabe Baarseloonaadhaan mo'amuun waancaa dhabe. Taphichi Paarisitti gaggeeffame.

Deeggartoonni Arsenaal yaadannoo kana sammuudhaa qaban kaleessa yeroo Paaristti PSG waliin kilebni isaanii morkatu sodaachuu hin hafne.

PSG mallattoo fi bakka bu'aa Paaris isa guddaa taheera. Gaggeessitoota biyyattii dabalatee kilebni kun akka shaampiyoonaa tahu barbaadu. Faransaayiin bakka bu'a waan taheef.

Gareen Mikeel Arteettaa Arsenaal ammoo seenaa hojjenna, waancaaf darbuun maqaa keenya galmee haaraa Arsenaal irratti galmeessine jechuun imalan.

Garuu hin taane. Luwis Eneriikeen, leenjisaa jabaa lammii Ispeen, garee cimaa tokko ijaaraniiru.

Kileboota Ingilizii akka Maanchister Siitii, Liiverpuulii fi Aston Viilaa mo'achuun kan darban yoo tahu, Arsenaaliin dirree isaanii irratti mo'achuuf qophii turan.

Arsenaal taphni jalqabee daqiiqota 20 gara jalqabaa yaalii galchii gurguddaa taasise.

Jiijii Doonaaruumaa, tarii PSG waancaa Shaampiyoonsi Liigii yoo mo'ate karra eegaa cimaa waggaa kanaa jedhamuun badhaafamuu kan danda'u dhukaasa Arsenaal tokko dabarsuu dide.

Haguma yeroon adeeme yaaddoo fi dhiphinni Arsenaal dabalaa deeme. Kana irratti ammoo Faabiyaan Ruwiz galchii lakkoofsisuun PSG dursuu jalqabe.

Arsenaaliif akka gaara guddaa bahuuti.

Yeroo PSG 2-1 waliigalaan 3-1'n Arsenaal mo'atu iyyi guddaan Park Des Piriinses keessaa dhagahame gurra taphattootaa kan duuchu ture.

Arteettaan ''mo'achuutti baay'ee dhiyaannee ture. Qabxii mul'atu caalaa itti dhiyaannee ture. Akka carraa tahee mo'amnee keessaa baaneerra'' jedhe.

Faabiyaan Ruwizii fi Ashraaf Hakiimii abjuu Arsenaal dirree isaanii keessatti awwaalan.

''Taphattoota koon baay'een boona. Waanan arge irraa ka'ee yoon ibsu %100 dorgommii kana keessaa garee keenya kan caalu tokkoyyuu hin jiru. Garuu mo'amnee keessaa baane.''

''Dorgommii kun dhimma sarara dhumaa keessatti hojii hojjetamuuti. Achi keessatti taphattoota sarara duraa fi karra eegaatu jira. Gama lameeniinuu isaan keenya irra baay'ee cimoodha,'' jedhe.

Erga bara 2006 as xumura waancaaf gahee kan hin beekne Arsenaal bara kana ni milkaa'a jedhamee eegamus hin taane. Taphattoonni koo baay'ee gaddaniiru.

Kutaa uffannaa keessa galanii boo'aa turan jedhe Arteettaan.

Innis qabxicha gargalchuu dadhabuu isaaniin akka ''gaddee fi aare'' ibseera.

Luwis Eneriikeen yaada Arteettaatti waliigaltaa? Arteettaan xumuraaf gahuu kan qabu garee keenya tahuu qaba ture jedhe jedhamuun yoo gaafataman, ''Arteettaan hiriyyaakooti.

Garuu yaada isaatti gonkumaa wlaii hin galu. Haala gaariin taphatanii ture. Sababni isaa ammoo taphni kun yeroo gaariitti isaaniif gaggeeffame. Akka barbaadanii fi falaasama taphaa isaan jaalatan keessatti waan taphataniif haala gaariin taphataniiru. Garuu tapha marsaa lamaaniinuu isaan mooneerra'' jedhan.

Jalqaba taphni isaanii nu rakkisee ture.

Deklaan Raayis, Gabri'eel Maartineelii fi Odeegaardi yaalii guddaa taasisanis Doonaaruumaan galchii irraa deebiseera.

Saakaanis galchii lakkoofsiseen dura yaalii gurguddaa taasiseera.

Karra eegaa PSG Jiijii Doonaaruumaa

Madda suuraa, Getty Images

''Tapha lamaaniyyuu yoo ilaalte taphataa cimaa taphichaa tahee kan filame karra eegaadha.

Shaampiyoonsi Liigiin kan murtaa'u waan sarara dhumaa garee fallaa keessatti gootuunidha. Lanadanittis daqiiqaa 20 booda kan taphicha akka mo'atan godhe Doonaaruumaadha,'' jechuun ibse Arteettaan.

Kanaaf waan gaarii hedduu tapha kana irraa fudhadheera. Taphattoota koon nan boona,'' jedhe.

Tapha akkasiif garee guutuu, miidhama malee akkasumas miira gaariin dhiyaachuu qabna ture. Sana hin arganne. Mee waan kanas cinatti haa dhiisnu'' jechuun haala Arsenaal amma itti jiru ibse.

''Anaaf gareenkoo har'a arge kun Awurooppaa keessaa garee isa cimaadha. Hammam akka mo'achuu barbaadan argeera. Imimmaan isaanii irraa dubbisuu dandeessa. Nama miidha garuu homaa jechuu miti. Danda'uudha'' jedhe.

Kana jechuun waggoota shaniif Arsenaal walitti aansee waancaa tokko malee xumuruu isaatu.

Arsenaal waggoota lamaan darban Piriimer Liigii keessatti sadarkaa lammaffaan xumure.

Haamileen isaanii waan cabeef taphoota hafan irratti Arsenaal ni rakkataa jedhamee kan gaafatame Arteettaan, ''sodaadhaan kubba hin taphattu. Fakkeenya gaariin PSG keessaa Maarkoniyoos ilaaluudha.

Yeroo 11 waancaa Shaampiyoonsi Liigii mo'achuuf yaalee hin milkoofne. Amma kunoo darbeera,'' jedhe.