Harargeetti miidhaa qeerransi geessisaa jiruufi furmaata

Madda suuraa, Bushira Ali
Godina Harargee Lixaa aanaa Shanan Dhuugootti yeroo dhihoo asitti qeerransi Bosonaa bahuun mana namaa seenee miidhaa geessisuun taatee irra deddeebiin dhagahamaa jiru.
Aanichatti taateen qeerransi halkan mana dubartii ilmaan lama waliin mana keessa turtetti seenee miidhaa qaamaa geessises ammaan dura gabaasuun keenya ni yaadatama.
Eegasiis ta'ee saniin duratti garuu beelladoota akka re'ee fi hoolaa halkan mana seenuun akka jalaa nyaachaa jiru jiraattonni himu.
Sambata darbe kanas aanuma kana Magaala Molee jedhamtutti qeerransi halkan mana namaa seenuun re'oota torba erga ajjeeseen booda sochii hawaasni qeerransa kana ajjeesuuf taasiseen namoota torba irraan miidhaa geessiseera.
'Halkan qe'ee seenee re'ootan sooraa jiru najalaa nyaate' kan jedhan jiraataan aanichaa Obbo Muusaa Yusuuf Abdullee, sambata darbe qeerransi golatti seenee re'oota torba jalaa ajjeesuu himu.
"Halkan naannuma sa'aatii 10 gola seenee re'oota torba ajjeesee dhiiga dhuge. Gola keessaa re'ootuma lama iraa hafe. Isayyuu osuma ajjeesee dhiiga dhuguu sa'aatiin gahuu didee itti bari'eeti" jedhan.
Re'oonni nyaataman tumaaleyyii gabaaf dhiheessuuf turan ta'u himu.
Jiraattonni qeerransa kana duuka bu'anii ajjeesuuf yeroo jedhanitti ammoo namoota torba iraan miidha geessisuus himan.
"Uummanni duuka bu'eetuma ajjeese. Meeshuma aadaatiin ajjeesne. Harkumaa fi harkaan walqabannee ajjeesne jechuu dandeessa. Gidduu tanatti nama torba miidhaa cimaa fi salphaan irra gahe," jedhan.
Torbee lamaan duras ganduma kana keessatti halkan mana namaa seenuun re'oota sagal nyaachuus himu Obbo Muusaan.
Yeroo dhihoo asitti miidhaan qeerransaan hawaasarra gahu irra deddeebi'aa akka jiruu fi yaaddoo guddaa uumuus himu jiraataan kun.
Qeerransi maalif hawaasa miidhuu eegale?
Dhaabbata Bosonaa fi Bineensa Bosonaa Oromiyaatti ogeessa misoomaa fi itti fayyadama Bineensa Bosonaa kan ta'an Obbo Ashannaafii Mangistuu, miidhaa qeerransi geessisu kanaaf ka'umsi sirnakkoon bineensota bosonaa tuqamuurraa madda jedhu.
"Bineensota akka qeerransaa fi waraabessaa rakkoo uuman kanaaf ka'umsi bakka jireenya isaaniirratti jeequmsi yeroo uumamu. Bakka jireenya isaaniitti ijaarsaan, qonnaan, seeran ala qubatamee jeeqamuudha," jedhu.
Bineensonni jeeqaman ammoo amala jijjiirachuun, mufachuun tarkaanfii fudhachuutti akka cehuu malan himu.
Gama kaaniin bineensonni akka qeerransaa fi waraabessaa garmalee baay'achuunis gara hawaasaatti bahanii miidhaa akka geessisaniif sababa ta'uu mala jedhu.
Miidhaa Harargeetti qeerransi geessisaa jiru kana quba qabaachuu kan himan ogeessi kuni, sababani sirriin beekamee tarkaanfii fudhachuuf garuu qorannoo gochuu akka feesisu dubbatu.
"Harargeetti rakkoo gahaa jiru kana qoratamee akka furamu qaama federaalaa dhimmi ilaalu beeeksisneerra. Ka'umsa rakkinichaas isaan waliin taanee ni qoranna" jedhan.
Bineensota Bosonaa namootatti dhiheessuu fi madaqsuun seeran ala ta'uu fi rakkoo hamaaf kan nama saaxiludha jechuunis akeekkachiisu.
"Akka seeraatti bineensa waliin ofbarsiisanii nyaata itti kennuun, sooruun, hin heeyyamamu. Naannoo sanatti bineensa ofitti siksanii walumaan jiraatu. Yeroo hedduu miidhaas irraan hin geesiisu ture" jedhan.
"Amalli bineensotaa ammoo nijijjiirama. Qeerransas ta'e Waraabessi aaruu mala. Kanaaf of eeggannoo barbaada," jedhu.
Qeerransa ajjeessuu ija seeraa fi dinagdeetiin

Madda suuraa, SM
Akka Obboo Ashannaafiin jedhanitti, bineensota bosonaa karaa adamoo seeraa heyyamameen alatti ajjeesuun seeraan dhorkaadha. Haata'u malee, lubbuu namaarra yeroo miidhaa geessisu isa baraaruuf ajjeesun inuma jira jedhu.
"Lubbuun namaa kan beelladaarra qaaliidha. Haala addaa ittiin ajjeefamuu danda'ulleen jira. Yoo badii uume qoratamee ajjeefamuu danda'a" jedhan.
Hawaasni rakkoo bineensota boosonaatiin gahu kana ofirraa ittisuuf bakka jireenya bineensota kanaa seeran ala qabachuu, fooniif adamsuu irraa ofqusachuun of eeggannoo gochuu akka qaban dhaamu.
"Naannoo amma Qeerransi miidhaa geessisu kana nan beeka. Paarkiin nijira. Namootni seeran ala paarkii kana qabachuutu jira. Naannoo shanan dhuugoo kana paarkii baayyee jira. Bakki adamoo seeraalleen achi jira. Gadamsi baddaa achitti ni adamfama" jedhan.
Adamoo qeeransaatiif ogeessi hin jiru
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Iddoowwan qeerransi baayyachuun hawaasatti bahee miidhaa geessisu kanatti adamoo seeraa qeerransa irratti taasisuun madda galii biyyaa gochuun akka danda'amu himu ogeessi kun.
Garuu akka biyyaatti adamoo Qeeransaa kana raawwachuuf ogeessi jiru nama lama qofa ta'uu himu.
" Adamoon Qeerransaa ofeeggannoo cimaa barbaada. Karaa tuuristii fi uummata irrattillee miidhaa hin geessisneen adamsama" jechuun ibsan.
"Mala 'Care Blind' jedhamuun kan adamfamu. Boolli qotamee boolla sanarra baalli godhamee, foon jaldeessaa yooka kan karkarroo muka gubbaatti fannisu. Yeroo Qeerransichi muka sanarraa foon sooratu boolla sana keessaa suuta jedhanii adamsu" jedhan.
Saayinsii Kanaan ogeessi Qeerransa adamsuu danda'u garuu akka biyyaatti namoota lama qofti jiraachuus himu.
Qeerransa tokkicha birrii Kuma 600 caalu baasu hawaasni tolumaan ajjeesu
Adamoon seeraa Qeerransa irratti taasifamu galii guddaa kan argamsiisu akka ta'ee fi tuuristiin tokko Qeerransa tokko adamsuuf Doolaara 4,600 yookaan Birrii Itoophiyaatti kuma 600 caalaa baasa.
Kaffaltiin kun xiqqaa kan jedhamu waan ta'eef taarifnisaa akka guddatuuf qaama dhimmi ilaalatu waliin mari'atamaa jiraachuus himu.
"Qeerransa tokkichi birrii kuma 600 caalaa baasu kana uummanni naannoo ammoo baasii tokko malee ajjeesa. Gadamsaa fi bineensota kaanis akkasuma. Adamoon seeraan alaa galii argamuu malu miidha," jedhan.












