Harargeetti ga'eessi ilmaan isaa baraaruuf qeerransaan wallaansoo qabe maal hima?

Madda suuraa, Komunikeeshinii Anaa Gursum
Taateen kun Godina Harargee Bahaa Aanaa Gursum Araddaa Goobaa ganda Haroo Dhoqqee jedhamtutti kan mudate. Yeroon isaa ammoo torbee darbe gara jalqabaarra.
Obbo Musxafaa Rashiid Abduu guyyaa hojii idilee isaaniirra oolanii mana galan. Mana gahanii akkuma aara galfachuuf ofirra taa'aniin manuma isaanis keessa jiran garuu ulaa biraa keessaa sagalee waywaannaa dhagahan.
Musxafaan Taatee isaan mudate kana yeroo BBCtti himu akka jedhetti, sagaleen naaf qaqqabaa kana kan dhageessise haadha manaa obboleessa isaati.
Innii fi obboleessi isaa manuma tokko kan ulaa gara garaa qabdu keessa jiraatu. Yeroo sagaleen iyyaa kun dhagahamu ijoolleen isaas kan obboleessa isaas mana keessa turan.
"Ooyiruu keessaa dalagaa ooleetin dadhabee gale. Anumaa miila ofirraa dhiqee gadi taa'ee ulaa obboleessa kiyyaa keessaa iyya dhagahe. Manni ulaa qaba. Qeerransatu ulaadhaan ol seenee siree ol dheertuu takkatu mana keessa jira ishumarra ol utaalee koree taa'e," jedha.
Iyya dhagahee yeroo ulaa haati warraa obboleessasaa ilmaan waliin keessa jiran kana ol seenu qeeransi sireerra tolfatee taa'eera.
Musxafaan waan ija isaan arge amanuu hin dandeenye. "Ulaa fallaq godhee bane Yoo hiriyaa qabaatte nurraa gadi bahi" jedhee qeerransi akka bahuuf kadhachuutti ka'e.
Qeerransichi garuu balbala inni bane kanaan bahuurra baaxii qorqoorroo jala mukarra qucum jedhee daa'ima haadha harkaa butuuf gadi eeguutti ka'e jedha.
"Qorqoorroo jalatti ol maxxaneetuma taa'e. Sagalee akka bookkisuu wayii ta'ee dallanee loluu eegale. Itti aansee gara intala mucaa xiqqaa qabattee kanatti adeemuu eegale," jedha Musxafaan.
Yeroo kanatti lubbuu daa'imaa baraaruuf lubbuu ofii balaarra buusee aarsaa kaffaluun dirqama ta'e.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qeerransi intala daa'ima qabatte kanatti qajeellaan innis ulee harkatti qabatee intalaa fi daa'ima duubatti dabarsee qeerransa kanaan ijaaf ijatti walqiyyaafatan.
Qeerransichi dallansuu keessa jiru Musxafaa irratti tarkaanfii fudhachuu eegale.
"Bineensi kun loleetuma mataarratti na utaale. Natti ol dheerateetuma miilarra na ejjetee harkaan onnee kana na diree mataas na qabate. Achirraan harka kiyya ilkaaniin miidhaa narraan gahe," jedha.
Yeroo kana mucayyoo daa'ima xiqqaa qabatte kanaan ala namni mana keessa jiruu fi isa qaqqabe hin turre.
Uleen Musxafaan lola qeerransa dallane kana waliin eegaluuf harkatti qabate eessa akka bu'eyyuu hin yaadatu.
"Gaafa natti utaale ulee na harkaa darbe. Ulee sana bakka geesseyyuu hin argine. Bineensichi akkuma nama ispoortii qabuutti narratti utaalaa ture. Gaafan inni natti utaale, luka isaa qabeen ofirraa darba gaafan jedhu akka muka hundeedhaan lafa ejjutti jabaata, " jedha.
Qeerransichi Musxafaa erga lafaan dhahee harka isaa miidhee humnasaa agarsiisee lubbuu baasuutti hin deemne waan garaa laafeef fakkaata.
Bakkuma kuffisetti dhiisee utaalee siree jalqaba irra yaabe sanarratti deebi'ee taa'e.
Musxafaan miidhama harkaa fi qaamasaa kaanirra gahe waliin dafee mana gadhiisee bahuun ollaan birmannaan isa qaqqaban.
Yeroo kana qeerransi ittuu dallanee mana keessa asiif achi utaale. Ulaan waan cufameef gara alaatti bahu garuu hin dandeenye.
Qeerransicha harkaan to'atanii ajjeesuun akka hin danda'amne kan hubatan hawaasni naannoo qeerransa galgalaan ulaa namaa seenee miidhaa geessise kana manuma keessatti ulaadhaan itti qiyyaafatanii rasaasaan ajjeesan.
Musxafaan guyyaa sana carrumatu bineensa kana manatti itti fide malee qeerransa waanuma inni fakkaatu isaniin dura qaamaan argee hin beeku jedha.

Madda suuraa, Ko munikeeshinii Annanaa Gursuma
Ijoollee xixiqqaa kana mana keessatti osoo inni ijaan arguu nyaachurra jedhee bineensa kana dura bahee ijoolleesaa fi obboleessa isaa miidhaarraa oolchuutti garuu gammaduu hima.
"Rabbumatu naaf laaffise malee bineensi kun waan ofirraa qabanii danda'amu miti. Qooda ana jalatti ilmaan na harkatti nyaatu anuma haa nyaatu jedheetin itti seene malee bineensichi waan namni itti bu'u miti" jedha.
Itti dabaluunis, "silaa qofaa kiyya ta'ee qeerransi mana seenee manichuma dhiiseen achii sokka malee maal hojiin itti bu'a? jechuun ilmaan isaa baraaruuf qeerransa waldhaansoo qabuuf akkaataa itti murteesse hima.
Naannoo isaaniitti bosonni waan jiruuf qeerransi akka jiru quba qaba. Garuu lafuma bosonaatti re'eefaa yoo nyaate jedhamu dhagahama malee kan mana namaa seenu kun naannoo isaaniitti taatee jalqabaati.
Musxafaan miidhaa qeerransaan irra gahe kana buufata fayyaa naannoo isaa jirutti yaala hordofaa turulleen harka qeerransi ciniine kana hanga ammaalleen sochoosuu akka hin dandeenyee fi hin ajejamneef dubbata.
Ji'uma darbe keessas Godina Harargee bahaa aanaa Shanan Dhuugootti qeerransi maatii rafanii turanitti halkan seenuun miidhaa geessisuuf ture daa'imni ganna 13 ajjeesuun haadhaa fi obboleessasaa balaarraa baraaruu gabaasnee turre.












