Harargeetti mucaan maatii qeerransa ofirratti ajjeesanii waan keessa jiru

Madda suuraa, Bushira Ali
Torbee dura Godina Harargee Lixaa aanaa Shanan Dhuugoo, Araddaa Abbaa Najaat keessatti qeerramsi halkan mana namaa seene mucaan ganna 14 ajjeesuun maatiisaa lubbuu oolchuu isaa gabaasuun keenya ni yaadatama.
Balaa kanaan haati ilmaan lama waliin lubbuun oolan, Aadde Maaliyaa Adam mucaan isaanii umuriin ganna 14 ta'e qeerramsa galaafatee maatiisaa lubbuu baraaruutti hedduu gammaduu himanii ture.
Haata'u malee, mucaan Aadde Maaliyaa kan umuriin isaa ganna 13 gaafas isaan waliin rafaa turee fi qeerramsi miidhaa irraan gahe yeroo ammaa haala rakkisaa keessa jiraachuu isaa BBC'tti himan.
Akka isaan jedhanitti, maatii durumaa harka qalleessaa fi rakkoo adda addaa keessa jiru qeerramsi kun dhufee rakkoo haaraa nutti fide jedhan.
Lubbuudhaan ooluu isaaniitti gammachuu qabaatanilleen, mucaan isaanii ergasii yaala argachaa turus sababa yaala gahaa argachuu hin dandeenyeef miidhamnisaa dabalaa deemuu himu.
"Hanga ammaa nuun roobne reefu nuuf roobuu jalqabe. Waan takka waan harkaa qabaannee hakiima gaarii geessinuun dhabne. Qarshii dhabaaf callisnee buufatuma as jiru kanatti deddeebisaa jirra."
"Harki kun madaa'etuma bishaan yaasa. Irraa dhiqaniituma dawaa itti godhu. Sirritti qoratamee ni fayyamoo hin fayyu kan jedhuu adda hin bane," jedhan.

Madda suuraa, Bushira Ali
Mucaan isaanii Qananiisaa Ahmad yeroo ammaa torbee tokkoo oliif buufata fayyaatti madaa yaalamaa jiraatulleen, madaan isaa fayyuurra daranu hammaachaa deeme jedhu aayyoon isaa.
Sababa kanaafis erga gaafa qeerramsi qeensaa fi ilkaaniin isa miidhe sanii kaasee harka lamaanuu ajajachuu akka hin dandeenyee fi sooratas namumatu afaan kaa'a jedhan.
"Harka lamaanuu baayyee miidhame. Waan itti hambise maal qaba mucaan jiruu tokko hin qabu" jechuun mucaan isaanii haala rakkisaa keessa jiraachuu himu.
Miidhaan harka mucaa isaaniirra gahe madaan isaa fayyuu caalaa dabalaa deemuunii fi yaala fooyya'aa akka argatu gochuuf ammoo humna dhabuun yaaddoo jabaa keessa isaan galchuu himan Aadde Maliyaan.
Hanga ammaattis namni rakkoo isaan keessa jiran kana ilaalee mucaa isaanii gargaaruuf gaafate akka hin jirree fi deeggarsa yaala isaa nu barbaachisa jechuun dhaammatan.
'Utaaletuma naqabate, dhiiga nadhuguuf narra gadi taa'e'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kibxata Adooleessaa 22, 2025 Galgala biyyi nagaadha jedhanii ijoollee isaanii lama waliin ulaa cufatanii rafan. Lafa barii jalaa naannoo sa'aatii kudha tokkoof cinaatti garuu waan isaan hin eegnee tokko mana isaanii seenuu torban darbe BBCtti himan Aadde Maliyaan.
Qeerransi bakkuma isaan rafanii jiranitti ulaa xiqqoo kan sareen ittiin ol seentuun tokkoon jalumaan loo'ee manatti itti ol seene.
"Halkan sa'aatii 11:30tti nutti seene. Sareen dutaa waan turteef ani waraabessatu ol-seenee se'een 'hin badduu bada harree' jedheen arrabse. Qeerransis utaaletuma na qabate. Darbee dhiiga na dhuguudhaaf narra gadi taa'e" jechuun haala ture BBCtti himan Aaddee Maaliyaan.
Yeroo kana daa'imni xiqqaan isaan waliin rafee ture amma miidhaan irra gahe itti hammaate kun waan ta'e kanatti rifachuudhaan akka iyye yaadatu.
"Ummaan tiyya duute jedhee daa'imni na cinaa rafee ture lafaa utaalee iyye. Yeroo kana mucaan kiyya kan biraa kan diinqa rafee jiruu fi umuriinsaa waggaa 14 ta'e iyya dhagahee nutti dhufe" jedhan Aaddee Maaliyaan.
Mucaan isaanii iyya dhagahee dhufe qeerramsa ta'uu yeroo baru uleedhaan qeerramsicha rukutuu jalqabe.
"Madabiidhuma irratti lafaan nadhahee morma na barbaada. Jalaan gadi ciisa. Yeroo mucaan kiyya ulee qabatee nutti dhufu ani gaggabee of wallaaleyyuu. Bakka miilaan narra ejjete ammayyuu na dhukkuba" jedhan haatii tun.
"Mucaan kiyya kun uleedhaan halaalumatti qeerransa kana rukuta. Qabachuu hin dandeenye yeroo itti utaalu halaalumatti ofirraa rukute. Kanuma keessa yeroo deddeebisee rukutu keessa funyaan dhoofnaan qeerransi kufe" jechuun attamiin akka mucaan isaanii maatii oolche dubbatan.
Mucaa xiqqaa haadha bira rafee ture kan qeerransichi harkaa fi qamasaa bakka adda addaarraan miidhaa irraan gahee amma mana yaalaatti yaalii argachaa jiraachuus himu.
Isaanis lafatti kuffisee dhidhiituurraa qaamni isaanii yeroo sana dhukkubbii akka qabu himu Aadde Maaliyaan.
Harmeen kun ''Waaqumatu lubbuu nu oolche'' jechuun haala taatee sanirraa itti hafan dubbatan.
"Mucaanuu xiqqaadha waan nama qeerransa ajjeesu hin geenye. Waaqumatu lubbuu keenya oolche. Silaa ganamuma reeffa keenyatu argama tureyyu" jechuun haala ajaa'ibaa ittiin balaa qeerramsaa kanarraa itti oolan himanii ture.












