Marii waraana Yukireen dhaabuu US gaggeessituuf Saawdiin maaliif filatamte?

Daawwannaa Ministira Haajaa Alaa US Saawdii

Madda suuraa, Reuters

Bulchiinsi Tiraamp marii murteessaa waraana Yukireen dhaabsisuu danda'u akka keessummeessitu Saawdii Arabiyaa filateera.

Kunis ajjeechaa sukkaneessaa gaazexessaa Jamaal Kaashoogjii isa hariiroo biyyoota lameenii hammeesse booda Saawdiifi US michummaa cimsachaa dhufeef agarsiistuu ta'eera.

Ammallee darbee darbee dhimma qabinsa mirgaa biyyattiirratti foramiiwwan idila addunyaarratti qqqeqni kan ka'u ta'us ilmi mootii biyyattii bulchuuf harkaa qabu Mohaammed biin Salmaan dhiibbaa gaarii uumaa jira.

Biyyattiin dameewwan adda addaan keessumaa ammoo gama bashannanaafi ispoortiin maallaqa hedduu baasuun waltajjii addunyaarratti dhiibbaa uumuuf fedha qabdu galmaan gahuutti jirti.

Gama dippiloomasiitiinis hooggansi Saawdii gahee olaanaa taphachaa jiru. Bara bulchiinsaa Baayidan Saawdiin michummaa US irraa fuula naanneffattee ture.

Saawdiin ifatti fedha isheef dursa akka kennitu beeksifeetti. Sababa kanaattis US caala masaanuuwwan US kan ta'an Chaayinaafi Raashiyaatti siiqxee ture.

Amma Tiraamp Waayit Haawusitti deebi'uu isaanii faara gaariin waan simatte fakkaata.

Tiraamp bara jalqaba pirezidantii ta'an biyyi jalqaba daawwatan Saawdii turte. Imaammatni alaa Tiraamp adeemsisanis hooggansa Saawdii amma jiruuf mijataadha.

Tiraamp hooggansa isaanii keessatti milkahaina guddaa ittiin boonan kan ta'u Saawdiifi Israa'eliin walitti araarsuudha. Kuniis xumura ergama bara bulchiinsa isaanii jalqabaatti eegalan the Abraham Accords jedhamu ta'a.

Haata'u malee waraanni Gaazaa gidduutti dhalachuun waliigaltee Israa'el waliin godhamuuf Saawdiin gatii dabalataa baasisuu malti.

Tiraamp Filisxeemota Gaazaa keessaa baasuun riizoortii gochuun ijaaruuf karoora qaban yoo himan Saawdiin biyya atattamaan ibsa baastee balaaleffattedha.

Karoora kana caala filannoo biraa qabatamaan hojjechuu danda'u michootashee Arabaa waliin bocuutti jirti. Kunis jiraattotni Gaazaa achuma turanii iddichi akka deebi'ee ijaaramu achiis furmaatni biyya lamaa (two state solution) waraana Baha Gidduugalaaf xumura akka godhu kan hayyamuudha.

Ilaalchi Tiraamp amma jiru faallaa ejjennoo Saawdiiti. Keessumaa ammoo imaammatni Gaazaafi Weesti Baank irratti qabatan.

Yaadotni gamaafi gamanaa kunniin akkamiin araaramu kan jedhu hariiroon biyyoota lamaanii cimaa jiru kan deebisaa deemu ta'a.

Wanti ifatti beekamu garuu Saawdiin abjuu dippiloomasii addunyaa keessatti biyya dhiibbaa uumtu ta'uuf qabdu laamishessuu kan hin barbaanne ta'uudha.

BBC

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.