Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gareen mootummaa TPLF waliin mari'atu hojiisaa eegaluu beeksise
Koreen marii nagaa mootummaa, waraana mootummaafi TPLF jidduutti baatiiwwan kudha sagaliif gaggeeffamaa ture karaa nagaatiin xumuruu dandeessisu hojiisaa eegaluu beeksise.
Gorsaa Dhimmoota nageenya biyyaalessaa Ministira Muummeefi miseensi korichaa Ambaasaadar Reediwaan Huseen, koreen nagaa kun walgahiisaa jalqabaa Kibxata Adooleessa 12, 2022 gaggeeffachuu ibsan.
Ambaasaadar Reediwaan fuula tiwitara isaanii irratti akka beeksisanitti, korichi marii hoggansa Gamtaa Afriikaa jalatti gaggeeffamuuf sirna adeemsaafi hojiimaata isaa irratti mari’achuun murtee dabarsuu himeera.
Kana malees dhimmicharratti koreewwan birkii kan hundeeffaman yoo ta’u, haaluma caasaa kanaatiin itti gaafatamummaa hirachuun hojii eegaluu Ambaasaadar Reediwaan tiwitara isaanitiin beeksisaniiru.
Haata’u malee mariin kun aanga’oota Tigray waliin yoom akka eegalamu, eessatti ta’a kan jedhurratti hanga yoonaatti gareewwan lamaan irraayyuu kan dhagahame hin jiru.
Waraana Sadaasa 4, 2020 Tigraay keessatti eegale karaa nagaatiin xumura itti godhuuf gama mootummaa Itoophiyaatiin gareen marii hundeeffamuun kan ibsame torban lamaan dura ture.
Koreen kun Ittaanaa MM fi Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa Dammaqa Makonniniin kan durfamu yoo ta’u, miseensoota torba qabaachunis ibsamee ture.
Obbo Damaqa Makonii fi Ambaasaadar Reediwaaniin alatti Ministirri Haqaa Dr Geediyoon Xiimootiwoos, Daareektarri Olaanaa Eejjansii Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaaleessaa Obbo Tamasgan Xirunah, Ittigaafatamaa Nageenya Odeeffannoo Raayyaa Ittisaa Jeeneeraal Birhaanu Baqalaa, Ittaanaa Pirezidaantii Naannoo Amaaraa Dr Geetaacho Jambaree, Ittigaafatamaa Olaanaa Damee Jidduugala Dimokiraasii Paartii Badhaadhiinaa Ambaasaadar Hasan Abdalqaadiir miseensummaan hammatamaniiru.
Gama naannoo Tigraayi ammoo hanga ammaatti namoota maricha irratti hirmaatan ilaalchisuun kan jedhame homtuu hin jiru.
Mootummaan Itoophiyaa marichi gamtaa Afriikaatiin akka gaggeeffamu ejjannoosaa kan beeksiise yoo ta’u, aanga’oonni Tigraay kan kana dura gamticha irratti komii qbaaachu ibsaa turan dhimma kanarra hanga ammaatti wanti jedhan hin jiru.
Motummaan Itoophiyaafi humnootiin Tigraay lamaanuu waraanicha dhaabuun mar’achuuf fedhii akka qaban kan ibsan yoo ta’u, haata’u malee gareewwan kunneen hanga yoonaatti marii eegalusaanii ilaalchisuun ifatti kan himame hin jiru.
Waraanni baatiiwwan kudha sagaliin booda Tigrayiitti eegalameen wal qabtee badiin lubbuu fi namoomaa olaanaan qaqabeera.
Waraanichi Tigraayin alattis naannoolee ollaa Affaariifi Amaaraa keessattis babal’achuun buqqaatii miiliyoonotaafi badii lubbuu fi qabeenya hedduuf sababii ta’unsaa ni yaadatama.