Baqattuu naannoo Tigiraay Beeljiyeemitti giiftii miidhaginaa taate

Raawaan Tigiraayii baqachuun Beeljiyeem kan galte bara darbe ture

Madda suuraa, Raawwaa Kinfe

Shamarreen tibba waraana Naannoo Tigiraay baqachuun Beeljiyeem galtee turte dorgommii bareedinaa gurraachotaa ‘Miss Black Belgium' jedhamuun gaggeefame irratti sadarkaa lammaffaan xumurte.

Raawwaa Kinfee aadaa fi duudhaa Tigiraay sadarkaa idil-adunyaatti beeksisuukoof nan boona jette.

''Dorgommii kana irratti hirmaachuu koof hedduu gammadeera. Keessumaa bakkatti miidhaa saalaa shammarranii fi haadholii Tigiraay irra gahu itti dubbachuu danda’u tahuu isaa ergan hubadhee hedduun gammade,’’ jetti.

Raawwaan akka jettutti dorgomtootni hedduun biyya isanaii bakka bu’anii dorgoman. Aruu isheen akkas miti.

Raawwaan garuu naannoo ishee Tigiraay akka bakka buutee dorgomuu dandeessu isheef eeyyamamuu himte.

Warra dorgommicha qindeessanittis naannoon Tigiraay alaabaa mataa ishee, aadaa fi seenaa dhuunfaa isaa akka qabu amansiifuu himte.

Dargaggoonni Tigiraay hedduun akkuma Raawwaa, waraana waliinii naannichatti gaggeeffameen booda eenyummaa Tigiree guddaa horataniiru.

''Namoonni baay'een Tigiraay keessatti maaltu akka tahe hin beekan,'' jette.

Itti dabaluun yeroo waraana Sadaasa bara 2020 jalqabe sana keessa miidhaa dubartoota Tigiraay irra gahe dubbachuuf carraa argachuu isheefis akka gammadde dubbatti.

Qaamoleen wal waraanaa turan lameen, mootummaa Itoophiyaa fi humnoonni TPLF, yakka sanyii balleessuu (ethinic cleasing) fi yakka waraanaa raawwachuun himatamu.

Waraanni Kaaba Itoophiyaa waliigaltee Piriitooriyaan Sadaasa bara darbee xumura argate lubbuu namoota nagaa walakkaa miliyoonaa ol galaafachuu himama.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dubartoonnii fi shammarran hedduun yeroo waraanaa kana gudeedamaniiru, miidhaan saalaa hamaan irra gaheera, akka gabaasa dhaabbilee mirga namoomaaf falamniitti.

Raawwaan bara darbe ji'a Bitootessaa keessa ture kan baqattee Beeljiyeem galte. Dhalattee kan guddatte ammoo magaalaa seenaa qabeettii taate naannoo Tigiraay keessatti argamtu Aksum keessattidha.

Waggoota shan tahaniif daandii qillensaa Itoophiyaaf keessumeesituu [hostess] tahuun hojjechaa turteetti.

Raawwaan ishee fi hiriyyoonni ishee yeroo waraanaa sanas magaalaa Finfinnee keessa jiraachaa akka turan himte. Magaalota kaan keessatti ''sababa sabummaan Tigiree tahuu isaaniif namootni baay'een to'atamaa turan'' jetti.

“Hiriyyoonnikoo hedduun hidhamaniiru, karaatti baanu dhabnee ture. Yeroon gadhiifamu lubbuukoo oolfachuuf jecha gara Beeljiyeemin dhufe,'' jette.

Dorgommiin kun carraa haaraa akka isheef bane himte. Dorgommii 'Miss Belgium' irratti kallattiin hirmaachuuf tikkeetiin "Golden Ticket" tahe akka isheef kenname himte.

Mootummaan Itoophiyaa fi TPLF erga waliigalteerra gahuun waraana dhaabanii naannoo Tigiraay keessatti bulchiinsi yeroofii hundaa'uun hojii jalqabeera.

Tajaajilootni bu'uuraa waggoota lamaa oliif naannichaa adda citanii turanis akka deebi'an hojjetamaa jira.

Dabalataan naannicha deebisanii bayyaannachiisuuf baajatni kallattii adda addaan barbaadamaa akka jiru himama.

Sababoota wal dhabdee isaanii keessaa tokko kan tahe filannoonis waggaa dhufu naannicha keessatti akka adeemsifamu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa himeera.

Garuu ammas TPLF filannoo irratti hirmaachuuf beekamtii seeraa irraa molqamee ture deebisee waan hin arganneef gaaffii dhiyeessaa jira.