Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Niwu Ziilaandi deeffuu horiitiif horsiisee bultoota gibira kafalsiisuufi
Niwu Ziilaandi deeffuu loonii fi hoolotaaf horsiisee bultoota gibira kafalchiisuuf karoora baafatte ifa goote.
Tarkaanfiin kun gaazii qilleensa faalu loon wayita deeffatan gadi dhiifamu to'achuufi.
Gaazii Miiteen (CH4) jedhamu horiin isaanii wayita deeffatan qilleensatti gadi dhiisaniif jecha biyya jalqabaa horsiisee bultoota maallaqa kafalchiisuuf jettus taati.
Uummata miliyoona shanii ol kan qabdu Niwu Ziilaandi, loon miliyoona 10 fi hoolota miliyoona 26 qabdi.
Biyyattii keessatti gaazii faalamaa gara atimoosfeeriitti gadhiifamu dhibbeentaa 50 kan ta'u damee qonnaa irraati. Gaaziin kunis irra caalaan deeffuu horii kan ta'e Miteeniidha.
"Hamma Miteenii gara atimoosfeeriitti gadi dhiisnu hir'isuu akka qabnu gaaffiin hin jiru. Sana milkeessuuf damee qonnaa gaazii kana gadi dhiisurratti sirna kafaltii sirrii qabaachuun qooda ni qabaata," jedhu ministirri jijjiirama qilleensaa Niwu Ziilaandi Jeems Shoowu.
Akka karoora biyyattiin qabatteetti qonnaan bultoonni bara 2025 irraa eegalee gaazii horiin isaanii gara qilleensaatti gadi dhiisaniif ni kafalu.
Karoorichi qonnaan bultoota gaazii faalama gadi dhiifamu xiqqeessuuf hojjetan ammoo ni jajjabeessa. Kunis waan horii isaaniif laatan filachuu fi biqiltuu dhaabuu fa'i ta'uu danda'a.
Bu'aalee horii kan omishuu fi pireezidantii Federeeshinii qonnaan bultoota Niwu Ziilaand kan ta'e Andiriiwu Hoogaard, karooricha kan simatan ta'uu BBC'tti hime.
Hojiin qonnaa fi horsiisa loonii guutummaatti akka hin dhaabbanne mootummaa fi qaamolee kaan waliin hojjechaa turre kan jedhu Andiriiwu, karoora amma qophaaa'etti waliigaluu hima.
Maallaqni haala kanaan qonnaan bultootarraa walitti qabamu hojiilee qorannoo fi gorsaa qonnaan bultoota fayyadaniif oolfama jedha Ministeerri Naannoo biyyattii.
Deeffuun horii akkamiin qilleensa faala?
Kaarbon Daayooksaayidiitti aanuun Miiteeniin gaazii qilleensa faalu isa lammataadha. Deeffuun horii ammoo sadarkaa olaanaan gaazii kana of keessaa qaba.
Jijjiirama qilleensaa ykn ho'a sababa sochii dhala namaatiin uumamaa jiru keessaa gaaziin qooda tokko sadaffaa qaba. Molokiyuulonni Miteen kan CO2 caalaa qilleensa ho'isuu danda'u.
Kora jijjiirama qilleensaa addunyaa COP26 bara darbe Gilaagootti taa'ame irratti US fi EUn hanga bara 2030tti hamma gaazii kanaa qilleensatti gadi dhiisan dhibbeentaa 30n xiqqeessuuf waadaa galanii turan. Niwu Ziilaandi dabalatee biyyoonni biroo 100 ta'anis akkanuma.
Miteeniin dhibbeentaa 40 ta'u maddeen uumamaa akka lafa caffaa'aa irraa argama. Amma garuu dhibbeentaan olaanaan sochii dhala namaa akka qonna keessattuu horsiisa loonii fi omisha ruuzii irraa dhufa.
Dabalataan omishaa fi itti fayyadama gaazii uumamaa irraas Miteen ni omishama.
Bara 2019 hammi Miteenii atimoosfeerii keessa jiru rikoordii olaanaarra gahee ture jedhu saayintiistonni.
Hamma CO2 atimoosfeerii keessa jiruun yoo madaalamu xiqqaa ta'ullee Miteen ykn CH4 dandeettiin ariitiin pilaaneetii ho'isuu isaa jabaa waan ta'eef saayintiistotatti yaaddoo ta'eera.