Afrikaan rakkoo goginsaaf waliigaltee deeggarsa hatattamaa maaf argachuu dhabde?

Waaggootii lamaan darban qofa keessatti Afrikaan hongee hamoo 14’n miidhamteetti – kun ardii kamiyyuu caalaa isa olaanaadha. Dhabbatni Mootummoota Gamtoomaniis bara kanatti roobni ammas waan hin roobneef Afrikaa Bahaa keessatti namootni miiliyoona 20 ta’an balaaf saxilamuu akka malan akeekkachiiseera.

Kanaaf mariin UN, dhimma Hongee, gammoojjummaa fi miidhama lafaa irratti xiyyeefatu Ayivorii Koost keessatti ta'aamuun isaa sirriidha.

Ta’us garuu, mariin magaalaa gudditti Abijaan keessatti torban lamaaf rakko kan furuuf gaggeeffama ture furmaata ga’aa hin arganne.

Biyyootiin Afrikaa hedduu hongee dhaabsisuuf waliigalteen idil-addunyaa seera qabeessa ta’e kan isa bara 1997'tti gaazii qilleensa faalu dhaabuuf waliigalame,'Kyoto protocol' fakkaatu akka kaa’amuuf gaafachuu isaanii maddeen BBC’tti himaniiru.

Yugaandaa fi Angoolaan biyyootii fedhii Afrikaa ibsuuf waamicha godhan keessatti argamu.

Garuu rakkoon kun akka rakkoo Afrikaa qofa akka ta'etti akkhin ilaalamne mirkaneessuu barbaadu– xiyyeeeffannoo addunyaa argachuuf hongeen akka rakkoo addunyaatti ilaalamu akka qabu ibsu.

Dabaluunis hongeen kun sababa jijjiirama qilleensaan akka hamaachaa jiru ibsuun, rakkoon kun haala kana keessatti kan hammaate ta’us kanaaf tarkaanfii addunyaa qofaatu jijjiirama fiduu akka danda’amu ibsaniiru.

''Kun rakkoo addunyaadha, kan Afrikaa qofa miti,'' jechuun bakka bu’aan Yugaandaa Kabaangoo Fireedii dubbataniiru.

Ta’us garuu yaadni kun kutaalee addunyaa biroO irraa deeggarsa hin arganne. Sababni isaaniis rakko kana furuuf ykn jijjiruuf waligalteewwan addunyaa fi malootni biroo kan akka Marii Gammoojjummaa furuu UN, Galma Guddina Itti fufiinsaa fi darbeeyyu waligaltee Jijjiirama Qilleensaa Paaris waan jiraniif mala kan biraa uumuun homaa hin gargaaru kan jedhudha.

Laatin Ameerikaa fi Kaarebiyaan bakka bu’uun – Arjantiinaa fi Rippaablika Dominikaani, biyyootiin hongeen akka lolan gargaaruuf teeknikaa fi maallaqaan dabalatee hojiin guddaa barbaachisaa akka ta’e yoo himan, Gamtaan Awurooppaa (EU) ammo malootni amma dura jiran hojiirra ooluu qabu jedhaniiru.

Dhumaratti waligalteerra ga’ameera – kunis gartuu biyyoota irraa walitti dhufeefi hongee dursanii to’achuun danda’amu irraatti xiyyeeffatee hojjetu hundeessuudha.

Gartuun kun bara 2024tti deebi’ee gabaasa isaa kan dhiyeessuu yoo ta’u, yeroo sanatti garuu rakkoon kun ni hammaata jedhamee eegama.

Dabalataanis waliigaltee kana irratti, addunyaa irratti lafa heektara biiliyoona tokko ta’u bara 2030 dura deebisanii misoomsuuf waliigalameeera. Ta’us, akkuma galma kanaan dura kaa’amanii, karoorri galma ifa hin taasifamne akkanaa hin milkaa’iin hafu mala sodaan jedhu jira.

Lafti baduun isaa waldhabdee uuma

Gabaasi marii kana irratti dhiyaate, 'Drought in Numbers', akka mul’isetti waggootii lamaan darban keessatti biyyoota 23 hongeen isaan mudate keessa harki caalaan, 14 – biyyootii Afrikaa keessa jiranidha.

''Bara 2000 fi 2019 gidduutti Afrikaan ardilee kaan caalaa hongeen hubamteetti, hongee 134 uumame keessaa 70 Baha Afrikaa keessatti uumame,'' jedha.

Afrikaa keessaa %75 gammoojjii fi lafa gogaadha, kanaaf lafti misoomaaf ta’u murtaa’aadha. Kan kana hammeessuu ammo, lafa misoomaaf ta’u keessaa %65 kan ta’u badaa jira, akka UN jedhutti.

Lafa Qonnaan bultootaaf kennaa

Bara 1999 irraa eegalee, biyyootiin Afrikaa miidhama biyyee fi gammoojjummaa loluuf tarkaanfii fudhachaa turaniiru.

Ta’us garuu gabaasi bara darbe Dhaabbata Qonnaa fi Nyaataa fi Ejensii Guddinaa Gamtaa Afrikaan ba’e akka ibsutti, furmaata fiduuf hojiin ga’aan hojjetamaa hin jiru.

Gabaasi biraa marii kana dura ba’e akka ibsutti ammo sochii Greet Green Wall keessa bara 2020tti kan milkaa’eeru %4 fi %20 gidduu kan ta’u qofadha.

Sochiin kun bara 2007 irratti lafa heektara miiliyoona 100 ta’u deebisanii misoomsuuf karoora Senegaalii hanga Jibuutiitti biyyootii 11 keessatti hanga bara 2030’tti mukeen miliyoonaan dhaabuuf, lafeen margaa, jiidhoo fi biqiltoota deebisanii misoomsuu kan kaa’ee ture.

Dhaabbata gargaarsa World Vision’tti gorsaan dhimma jijjiirama qilleensaa Toonii Rinuwaado akka jedhanitti mootummoonni lafa qonnaa abbaa qabeenyummaan isaani kan mootummaa osoo hin taane kan qonnaan bultoota ta’e dabaluu qabu.

''Ummatni baadiyyaa lafa ofii hin dhuunfannee fi seeraan bu’aa irraa hin arganne misoomsuuf fedhii qabaachuu dhisuun isaanii waan nama ajaa’ibsiisu miti,'' jedhani.

Ta’us garuu abbaa qabeenyaa ta‘uun qofa rakkoo kana hin furu. Jijjiiramni qilleensaa hongee irratti ga’ee guddaa qabaachaa jira.

Hongeen amma Afrikaa Bahaa fi Gaanfa Afrikaa keessa jiru, namoota miiliyoona 20 ta’an beelaaf saaxiluu mala.

Biyyootii gogiinsa kanaan miidhaman keessaa tokko Itoophiyaadha, biyyattiin gogiinsa uumamuuf qophii kan gootee turte ta'us, amma garuu hongee hamaa walakkaa jaarraa keessatti argamee hin beekne furuuf rakkachaa jirti.

''Itoophiyaan sababa lafa deebistee misoomsiteen hongee gara waggaa shaniif ofirraa ittisuu dandeesseetti,'' jetti qondaalli UNCCD Luwiis Beekar.

''Ta'us garuu hongeen amma Gaanfa Afrikaa keessa jiru cimaadha, kanaaf lafti gogiinsicha ofirraa ittisuu hin dandeenye. Gama tokkoon foyya'aa deemtus garuu jijjiiramni qilleensa ammoo lafa deebi'ee haaromfame irratti dhiibbaa guddaa uumaa,'' jetti.