Godina Gujii: Badii hongee ittisuuf rakkoon nageenyaa rakkoo ta'e

Naannoo Oromiyaatti Godinni Gujii hongee baranaa horiifi nama miidhaa jiru ittisuuf nageenyi dhibuun rakkoo ta'e jechuun ibse.

''Hongeen akkuma jirutti ta'ee rakkoon nageenyaa namnii bahee akka fedhe socho'ee hawaasa kana tajaajilee haala jiru addaan baasuuf ulfaataa ta'ee jira," jechuun qondaalli godinaa himan.

Bakkeewwan Kaaba Keeniyaafi Kibba Itoophiyaatti sababa jijjiirama qilleensaan barana hongeen dhalatee horiin duddu'aa, hawaasnis deeggarsa barbaadaa jira.

Godina Booranaatti ammatti horiin kuma kudhanitti siqu du'uufi namoonni 160,000 ol ta'an deeggarsa akka barbaadan mootummaan ibseera.

Miidhaan kun akka hin cimneef deeggarsi soorataafi bishaanii gama mootummaan taasifamaa akka jiru gabaafameera.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) akka ibsetti dhaabbileen deeggarsaa Godina Booranaafi Kibba Gujiitti argamuun deeggarsa bishaanii, soorata namaafi horiif barbaachisuuf kennaa jiru jedheera.

Haa ta'u malee, caalaatti deeggarsi cimuu qaba jechuun ibse.

Gama kaaniin aanolee afur Godina Gujii keessa argamaniifi Godina Booranaa daangessanitti hongeen dhalatuun horiin du'aa jiraachuu godinichi beeksiseera.

Aanaaleen gammoojjii afran hongeen itti mudate Aanaa Sabbaa Boruu, Gooroo Doolaa, Libaniifi Gumii Eldalloodha.

Kanaafis sababni bara darbe roobni gahaa hin turre, roobni Hagayyaas baay'ee hin roobne jedhan Itti gaafatamaan Hooggansa Sodaa Balaa Godina Gujii Obbo Tasfaayee Gammachuu.

Kanarraa kan ka'es ''sa'aa namni miidhameera'' jechuun BBC'tti himan.

Rakkoo nageenyaafi hongee

''Gammoojjummaa waan qabuuf hongeen kuni irra deddeebbiin uumama. Waggaa lamaan, bara baraan yeroo baay'ee uumama,'' jechuun irra deddeebiin akka mudatu himan.

Ammatti Aanaa Sabbaa Boruutti horiin 1,890 du'uufi 6,080 immoo jiguu jechuunis lafaa ka'u akka dadhaban itti gabaafamuu himan.

Hawaasi horsiisee bulaa qabeenyi isaa guddaa horii waan ta'ef horiin miidhamuun guddaa hawaasicha huba.

Haa ta'u malee, sababa rakkoo nageenyaan miidhaa hongeen kuni aanaalee sadan hafanitti dhaqqabsiise baruun hin danda'amne jedhan.

''Gooroo Dolaa, Libaniifi Gumi Eldalloo rakkoo nageenyaa waan jiruuf ragaa qabatamaa nuuf hin dhiheessine. Addaan baasaa nuf ergaa jennee eegaa jirra.''

Lammiilee deeggarsa fedhan

Qorannoo sassaabbii midhaan dura godhameen oomishni 63% hir'ina agarsiisuu hubachuun kanneen deeggarsa fedhan adda baasuu dubbatu qondaalli godinaa kuni.

Akkaatuma kanaanis qorannoo taasifameen sababa hanqina roobaan lammiileen 229,000 ta'an godinichatti deeggarsa nyaata dabalataa akka barbaadan ibsan.

Hawaasa deeggarsa fedhuufillee deeggarsa geessuun ''rakkoon nageenyaa dhiibbaa qaba'' jedhu qondaalli kuni. Ta'us, mootummaan itti deemutti jira jechuun ibsan.

Kanneen deeggarsi nyaataa barbaachisuuf keessaa ''Mootummaan abbaa warraa 102,000 ta'aniif deeggarsa dhihesseera. Marsaa itti aanu dabalataan hin dhihaataaf,'' jedhan.

Bakkeewwan Itoophiyaa garaa garaatti sababa qilleensa uumamaan akkasumas waraana Kaaba biyyattii jiruun dabalatee lakkoofsi lammiilee deeggarsa fedhan hedduudha.