Boombin hin dhohiin laphee loltuu Yukireen keessaa yaaliin baafame

Doktara

Madda suuraa, FACEBOOK/UKRAINE MEDICAL FORCE COMMAND

Boombin hin dhohin laphee loltuu Yukireen tokko keessaa yaalii baqaqsanii hodhuutin bahe.

Loltuun Yukireen kun dirree waraanatti miidhan kan irra gahe yoo ta'u, ogeeyyin fayyaa waraana Yukireen yaalii baqaqsanii yaalutiin boombin hin dhohin hafe laphee isaa keessaa baasan.

Fuula miidiyaa hawaasaa humna waraana Yukireen irratti akka maxxanfametti doktarri tokko raajii (X-ray) boombin qaama loltichaa keessa jiru agarsiisuu baatee jiru mul'ise.

Doktarri biraa ammoo boombii loltuu sana keessaa baafame harkatti baatee mul'ata.

Loltuun miidhamee boombin osoo hin dhohin laphee isaa keessaa baafame kun amma bayyanachaa jiraachuu ibsa waraanni Yukireen fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti.

Doktaroonni yaalii baqaqsanii hodhuu gaggeessan kun "booombin sun akka hin dhoonef" karantii elektirikii hin fayyadamne.

Erga ogeeyyin fayyaa boombii kana loltuu keessaa baasanii booda bakka biraa geesun akka dhohu godhame.

Laphee loltuu kanaa keessa boombin akkamitti akka seene hin beekamne. Haa ta'u garuu, gosti boombii kun boombii VOG kan jedhamu yoo ta'u, seentimeetira 4 kan dheeratuufi fageenya meetira 400 irratti kan dhuka'uu danduudha.

Yaalii baqaqsanii hodhuu kan raawwate doktara yaalii baqaqsuun waraana Yuukireen keessatti beekamaa ta'e Meejar Jeneraal Andrii Verbaa jedhamuudha.

Loltichi yoom akka madaa'efi yaalinis yoom akka godhameef hin baramne.

Raashiyaan Yukireen irratti waraana erga bantee ji'a 11 ta'ee jira. Baha Yukireenitti haleellaa cimaa Raashiyaan gaggeessaa jirtu qolachuuf Yukireen loltoota heddu itti dhabuun ofirraa ittisuutti jirti.

Raajii (X-ray) boombin laphee keessa jiraachuu agarsiisu

Madda suuraa, FACEBOOK/UKRAINE MEDICAL FORCE COMMAND

Kibxata darbe ammoo Raashiyaan magaala Soleedar jedhamtu Yukireen irraa fudhachuu beeksifte.

Magaalli Soleedar bakka tarsiimawaafi magaalota Yukireen kanneen akka Makhmut fa'aa irratti haleellaa raawwachuuf akka buufata ka'uumsatti Raashiyaa tajaajila.