'Gitaarakoo diimaa akkattan waraana Kaartum keessaa oolfadhe'

    • Barreessaa, Catherine Byaruhanga
    • Gahee, BBC News, Renk irraa

Waraanni banamee osoo lubbuukee oolfachuuf fiigdee, maal fudhattee baata?

Uffata, yoo jette ni taha, ragaalee barbaachisoo, fi suuraa akkasumas wantoota xixiqqoo qabatanii deemuu danda’an biroo kanneen jedhan waan namootni tarreessan keessaati.

Garuu lammiin Sudaan Kibbaa Jooseef Maaliit Matiyaang, gitaara diimaa manaa qabu, uffata gurraachaan maree fudhatee deemuu ture.

Dargaggeessi ganna 22 waraana tibbana Sudaan magaalaa Kaartumitti ka’e baqachuun, waggoota kurnan booda maatii isaa waliin gara biyya isaatti deebi’e.

Amma magaalaa Sudaan Kibbaa Reenki keessatti kaampii keessa jiraachaa jira.

Meeshaaleen muuziqaa yeroo badinsaatti abdii bakka bu’u. Kun yaada isa kalaqni namaa hammina namaa caala jedhu sanadha.

Weellisaa fi miseensa baandii Maatyaangiif kun yaada qofa osoo hin taane qabatamaa hojiin mul’atedha.

"Yeroon bahu natti dhiyoo waan jiruuf fudheen bahe. Wantootni kaan narraa fagoo jiru ture. ‘Keyboard’ waan ulfaatuuf dhiiseen bahe,’’ jedhe.

Kan nama dhibu garuu weellisaan kun gitaara taphachuu hin beeku.

Garuu paawondii 41 baasee baandii isaa afaan saba Diinkaan ‘Kuenyipuoua,’ jedhamu hiikni isaa "onneekee keessatti yaadi’’ tahe jabeessuuf bite.

Baandichi weellistoota, namoota gitaara, diraamii fi kiiboord taphatan 37 of keessaa qaba.

Hundi isaanii akkuma isaa dargaggoota yoo tahan, waraana waliiwaliinii Sudaan Kibbaatti bara 2013 fi 2016 ka’e baqachuun Sudaan galan. Ammas addaan faffaca’anii namoota torba qofatu waliin gara Sudaan Kibbaatti deebi’e.

Daandii Kaartumii hanga Reenki sa’a jaha qofa fudhatu Maatiyaang fi maatii isaatti guyyoota baay’ee fudhate. Bakka hedduutti sakatta’insi baay’achuu irraa kan ka’e.

Hidhattootni bakkeewan sakatta’insaatti namoota dhaabachiisuun diinni isaanii hidhate yoo keessa jiraate jechuun sakatta’u, akkasumas yoo argatan ni saamu.

"Gitaarakoo harmeekoottan kenne. Sababni isaa jaartoliitti hin dubbatan waan taheef. Waan biraa kaan narraa fudhataniiru. Namni tokkoyyuu waa’ee gitaarichaa na hin gaafanne," jedhe Maatiyaangiin.

Lammiileen Sudaan Kibbaa kumaatamni waraana Kaartumitti ka’e baqachuun bahaniiru.

Maatiin manneen xixiqqoo [godoo] mukaa fi uffata aadaa Afrikaa irraa hojjechuun keessa jiraatu.

Aduu nama gubu keessa dubartootaa fi ijoolleen godoo kana jala taa’u. Lafa gogaa irra ammoo handaqii buufataniiru.

Galgala ammoo abidda qabsiifachuun shayee danfisatu ykn qurxummii, kuduraa fi muduraa argatan bilcheeffatu.

Kaan ammoo shaanxaa isaanii imalarraa hafte keessaa waan qaban gadi babbaasaa jiru.

Yeroo kana ture Maatiyaangii kanan arge. Gitaara isaa dugdatti fannifatee deemaa ture.

Maaltu akka keessa jiru erga natti agarsiisee booda, baandii isaa keessa kan jiru Bool Yel Riingi harkaa fudhee taphachuu jalqabe.

Yeroo namni qal’aa dheeraan kun taphachuu jalqabu namootni hedduun itti naanna’anii ilaalaa turan. Waayilli isaa biraan ammoo dhufee weellisuu jalqabe.

"Nuyi warri Sudaan Kibbaa qabeenya uumamaa hedduu qabna, garuu isa dhiisnee gara alaatti deemne,’’ jedha sirbi isaa.

"Dubartoota Sudaan Kibbaatti dhiisnee hojiif gara biyya alaa deemne,’’ jechuun weellise.

Irra caalaan sirba isaanii Kaartumitti hojjetanii gadda qabanii fi fedha qe’ee isaaniitti deebi’uuf qabanii agarsiisa.

"Sirbii jalqaba taphanne, bu’aa bahii nu mudate irratti xiyyeeffata. Hammam akka dadhabne, haala hamaa keessa akkamiin jiraannee akka dabarre ibsa. Haalota akkasii ibsachuuf jechan weellisaa tahe,’’ jedhe Bool Yeel Riing.

Sudaan Kibbaa qabsoo hidhannoo waggaa dheeraa booda bara 2011 biyya tahuun mootummaa Kaartum jiru irraa adda cite.

Haa tahu malee namootni siyaasaa Sudaan Kibbaa aangoo qabachuu fi faayidaa faayinaansii sana waliin dhufuuf wal morkii keessa galuun wal dhabdeen deebi’ee ka’e.

Akka gabaasa UNtti lammiileen Sudaan Kibbaa 800,000 tahan, gara Sudaanitti baqataniiru.

Amma immoo waraana haaraa Kaartumitti dhalateen gara 40,000 kan tahan gara biyya isaanii Sudaan Kibbaatti baqatanii galaniiru.

Dargaggooonni baandii ‘Kuenyipuoua’ jiruufi jireenya isaanii waraana gidduutti dabarsan. Waraana jalqabaa Sudaan Kibbaa tureen qabeenya isaanii fi waan ittiin jiraatan dhabanii baqatan. Ammas Kaartum keessatti waan horatan gatanii bahan.

"Miidhama dachaaf saaxilaman,’’ jedha aktivistiin lammii Sudaan Kibbaa Edmuundi Yakaanii.

Sudaan irraa cabanis ammayyuu irra caalaan haala siyaasaa fi dingadee Sudaan Kibbaa biyya ollaa isaanii Sudaan irratti hirkata jedhe.

Reenk fi magaalotni daangaa irra jiran baqattoota haaraa achi qubachaa jiraniin dhiphachaa jiru.

Hanqinni dhiyeessii adda addaas mudachaa jira. Waan gurguramu hunduu bishaan irraa hanga boba’aatti Sudaan irraa dhufa. Walitti bu’insichi garuu waan hundaa addaan kute.

Sadarkaa biyyaalessaatti, yaaddoon jiraachuu mudateera. Sharafni alaa Sudaan Kibbaa fi galiin mootummaa Sudaan Kibbaa %90 tahu gurgurtaa boba’aa jikitaa irraa argama.

Boba’aan kun ammoo ujuummoo Sudaan keessa darbuun ergama. Walitti bu’insi Sudaan ammaa galii mootummaa kana rakkoo keessa buuseera.

Xiinxaltootni ammoo walitti bu’insi Sudaan waliigaltee nagaa Sudaan Kibbaa bara 2018 mallattaa’e balaarra buusuu danda’a jedhu. Walitti bu’insi Sudaan Kibbaa waliigaltee nagaa bara 2018’n dhaabbate lubbuu namoota 400,000 galaafateera.

Ka’umsi wal dhabdee Sudaan har’aa foxxoquu Sudaan Kibbaa, wal dhabdee Daarfurii fi qabeenya uumamaa naannoolee Sudaan kaanii waliin wal qabata.

Matiyaang fi waayillan isaas waa’ema kanaa faarsu, weelluu isaaniin dhaamsa dabarsu.

"Ka’i biyyakee misoomsi. Waaqayyoo lafa akkas badhaatuu gaafa siif kennu, osoo birmadummaa qabaanne, wal gargaaree misoomsuu qabna."

Garuu sagaleen dhukaasaa sagaleen gitaara isaanii akka hin dhagahmne godheera. Warri qawwee qaban abjuu dargaggootaa guddaa irra ejjetanii darbu -keessumaa kan dargaggootaa irra.