Dubartoota BBC 100: Waggaa 10ffaa hundeeffama isaafi kabaja bara kanaa 'jijjiirama' argame irratti xiyyeeffatu

Dubartiin Yukireen hawaasa carraa tajaajila fayyaarraa fagoo jiru tajaajiluun adda duree taatee fi lammiin Iraan eenyummaashee dhokfattee mormiishee dhageessiftu dubartoota 100 BBCn bara 2022 keessa filate keessaati.

Marsaa alanaatiin dubartoota mata duree oduu addunyaa ta'an kanneen akka Giifti-duree Yukireen Olena Zelenska, dubartii Iraan- wayita biyyashee keessatti uffannaan hijaabaa dirqama ta'uun mormamaa jirutti mataa qullaa mormii irratti hirmaatte fa'aadha.

Weellistuu fi ogeettiin yeedaloo US Billie Eilish akkasumas taatoo fi pirodiyusarri Indiyaa Priyanka Chopra Jonas dubartoota 100 keessaa kanneen bakka guddaa qabaniidha.

Kunneen dubartoota tola ooltummaa ollaasaaniirraa hanga hooggantoota addunyaatti milkaa'ina dubartootaa mirkanessaniidha.

Dubartoota seenaa irraa baratamuu fi milkaa'ina ajaayibaa qaban 100 filachuun beeksisuun kan eegale bara 2012 yoo ta'u, innis yakka gudeeddii shiftoonni gurmaa'an humnaan magaalaa Delhii keessatti raawwatan bu'uureffachuun eegale.

Kaayyoo gooroon isaa seenaan dubartootaa miidiyaadhaan ba'ee akka mul'atuu fi addunyaa mara akka ga'u gochuudha.

Hojiin kun erga eegalee amma waggaa 10 guuteera, kan baranaa [2022] mata duree fooyya'iinsa (progress) jedhuun kan yaadatamuudha.

Innis jijjiiramoota waggoota kurna darbe keessatti argaman irratti yaada kennuun yaadatama.

BBCn af-gaaffii Eilish waliin taasiseen alatti, Chopra Jonas, taatoo fi quuqamtuu mirga qaama miidhamtootaa Selma Blair fi mallattoo Hollywood kan taate Rita Moreno dubbiseera.

Af-gaaffiin kun BBC iPlayer, BBC World News fi marsariitii BBC dubartoota 100 irrattis ni darba.

Bara kana wanti haaraan, yeroo jalqabaaf looreetiiwwan dubartoota 100 duraanii kanneen haaraa filataman eeruu isaaniiti.

Fakkeenyaaf badhaafamtuun Badhaasa Noobelii Nagaa Malala Yousafzai quuqamtuu dhimma jijjiirama qilleensaa Alice Pataxo eerteetti.

Daarektarri Olaanaan BBC Tim Davie, ''Dubartoonni barana filataman hundi isaaniiyyuu waan cimaa raawwataniiru, waan hawaasa isaaniif gumaachaniin yoomuu ni yaadatamu. Ittiinan boona. BBCn dubartoota hedduu baasee mul'isuu itti fufa. Ogummaa gaazexeessummaa sadarkaasaa eeggateen seenaasaanii addunyaatti beeksisuu irratti dirqama ogummaa keenya ni baana,'' jedhan.