Gaazaa: Waraanni lafoo Israa'el yoo Gaazaa seenee Hamaas irraa maaltu mudachuu danda'a?

Taankii

Madda suuraa, Getty Images

Israa'el haleellaa akka tasaa Hamaas irratti bane hordofuun haaloo bahuuf haleellaa qilleensaa Gaazaa irratti fudhachuu erga eegalte torban lama ta'eera.

Kana malees loltoota kumaatama hedduufi meeshaalee waraanaa gara daangaa Gaazaatti siqsuun Gaazaarratti weerara banuuf qophiirratti argamti.

Israa'el Hamaasiin biyya lafaarraa barbadeessuun barbaada jechuun dhaadatti.

Haata'u malee Israa'el waraana lafoo gaggeessuuf Gaazaa yoo seentuutti maaltu mudata kan jedhu gaaffii cimaadha. Kanarrattis Gaazexeessaan BBC Arabic, Faraas Kiilaanii, muuxannoo walitti bu'insawwan magaala Iraaqiifi Sooriyaa keessatti turerraa ka'uun, Gaazaa keessatti waraana lafoo gaggeessuun balaa inni qabaachuu malu ibsa.

Israa'el waraana kuma hedduu daangaa Gaazaatti butuun, lola lafoo jalqabuu waan qopha'aa jirtu fakkaatti. Loltoonni Gaazaa seennaan, loltoonni Israa'el loltoota Hamaas waliin magaalaa bakka xaxamaa ta'e keessatti walitti ba'uuf jiru.

Gabaasaan BBC Arabic, Feraas Kilaaniin kanaan dura waraana baayyee Baha Giddu-galeessaatti gaggeeffaman gabaasaa tureera. Yeroo ammaa kana ammoo Gaazaarraa baayyinaan gabaasaa kan jiru yoo ta'u, [waraanni lafoo yaadame kun] maal ta'uuf akka jiru xiinxaleera.

Fakkeenyaaf, lola Iraaq keessatti waraana Mosul qabachuuf taasifameefi Sooriyaa keessatti ammoo Raaqaa qabachuuf taasifame gabaaseera.

Waggaa shan dura wayita kaampii baqattootaa Al-Shaatii kaaba Gaazaa jiru daawwannetti, yeroo garasitti oofaa turre karaan irra darbaa turre sagalee addaa tokkon dhaga'aa ture. Akka nama daandii duudaarra deemuu osoo hin taane, sagalee waan akka riqicharra darbaa jirruu fakkaatu ture.

Ogeessi kaameraa na waliin ture yeroo daandicharra oofaa turre sagalee addaa sana maaliif akka dhageenyu naaf ibse. Daandicha jallli isaa holqa ykn daandii lafa jalaa hedduu neetiwoorkiin walqabatetu jira jedhe.

Karaan lafa jalaa kun Hamaasiin qotame. Daandiin kun kiiloomeetira dhibbootaan lakkaa'amu kan dheeratu yoo ta'u, gareen milishaa kun Gaazaa keessa bakkawwan daandiin baayyatan lafa jalaan osoo eenyuyyu bira hin ga'iin daddabarfata.

Erga Hamaas Onkoloolessa 7 Israa'el irratti haleellaa banuun namoota 1,400 ol ajjeesee, Ministirri Muummee Israa'el Benjaamiin Netinyaahuu garee kana "cabsee balleessuuf" dhaadateera.

Humnoonni Israa'el Gaazaarratti halleellaa qilleensarraa baneera. Tarkaanfiin isaanii itti aanu ammoo duula lafootu eegama.

Kun taanaan, daandiiwwan lafa jalaa kunneen tarsiimoo lola Hamaas keessatti baayyee murteessoo ta'u.

Nama lafa jalaa meeshaa waraanaa qabatee jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hamaas Gaazaa keessatti neetworrkii lafa jalaa loltootaafi meeshaa waraanaa akka deddeebisu hayyamuuf.
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hamaas haleellaan lafoo kun akka jiraatu tilmaamuun nyaata, dhugaatiifi meeshaa waraanaa dhiyaachuufiif qabu dursee kuufataa tureera. Daandiin isaanii lafa jalaa kunneen keessaa gariin hanga Israa'elitti dheeratu jedhamee amanama.

Kun ammoo gareen kun dhorkaa tokko malee socho'uudhaan yeroo loltoonni Israa'el Gaazaa kaabaa keessa socho'anitti duubaan daguun miidhuu isaan dandeessisa.

Israa'el gareen Hamaas loltoota 30,000 qawwee awutomaatikii, rookkeettii fanjii dhukaasuufi misaa'elii farra taankii fayyadamuu leenji'an qaba jettee amanti.

Lakkoofsi Hamaas gareewwan biroo warra akka Filisxeem Isilamiik Jihaanii fi gareewwan xixiqqaa Isilaamistiidhaan akka guddaa ta'e himamaaf.

Seenaan dhi'eenya kanaa lolli magaala keessaatti gaggeeffamu akkam akka hamaa akka ta'e agarsiisu. Ani ofii kiyya lafa akkasii kana keessatti, humni waraanaa sirriitti leenji'eyyu diina murteeffatee eeggatu marsanii cabsuuf yeroo yaalamutti maaltu ta'uu akka danda'u argeera.

Ragaa waraanaafi meeshaa waraanaa Israa'eliifi Hamaas qaban agarsiisu

Lola daandii, gola hundumaa qulqulleessuu

Bara 2016 keessa, yeroo isaanii magaalaa Mosul keessatti haleellaa banuuf qophiirra jiran humnoota addaa Iraaq waliinan ture.

Qonaalonni milishoota Islaamistii marsuun akka isaan karaa ba'an hin qabaanne gochuuf murteessan. Tooftaan kun ammoo magaalattii bakka agarsiisa gara jabinaafi ajjeechaa taate. Qawwee, fanjiifi misaa'el qoleetti baatamu dabalatee konkolaatawwan waraanaa keenya sibiila uffatanitti waan hunda dhukaasan.

Guyyaa onaa jalqabaa Mosul keessa seennetti, qolannaa milishootaan taasifame waan amanuuf nama rakkisu ture.

Firiijiifi televizhinii manneen namaa, akkasumas caccabaawan warqeefi qawweewwan lafa kaa'aman hundarra osoo hin hafiin kiyyoon kaa'ameera.

Waan lafa jiru kaasuun ykn bakka sirrii hin taane dhaabachuu jechuun du'a jechuudha.

Yoo gara magaalaa Gaazaatti kan seenan ta'e, balaan kana fakkaatu kun loltoota Israa'elis kan eeggatudha.

waraanni Mosul loltoota Iraaqiifi IS gidduu bara 2016-17 ji'oota sagal ol fudhate

Waraana Mosul qabachuu gara dhumaarratti loltoonni Iraaq xiyyeeffannaa isaanii jijjiraniin arge. Lolli ture baayyee hamaa ta'uu isaarraa kan ka'e, loltoonni of oolchuu qofa malee, namoota nagaa baraaruu hin dandeenye.

Yaaddoon biraa isnaayipparoota gamoowwaniifi wantota jijjigan guutummaa magaalattii keessa dhokatanii jiranidha. Humnoonni Iraaq isaan dhaabuudhaaf bakka hunda boombiin haleeluuf yeroo baayyee humna qilleensaa gargaaramuu murteessan.

Humnoonni Israa'el filannoo lama qabu-isnaayipparoota Hamaas sirriitti leenji'an loluudhaaf balaa guddaa isaan eeggatutti deemuu ykn jara dhaabuudhaaf irraa gadi haleelun guutummaa gamoo dacheetti dabaluudha.

Konkolaataan loltootaa nuti ittiin Mosul keessa deemaa turre boombii konkolaataatiin rukkutamee dho'insi guddaan uume. Dho'insa guddaa qaqqabe hordofee loltooa waliin jirru keessaa shan du'an.

Namoonni lubbuun hafan wayita namoota waliin lolaa turaniifi waliin jiraatan dho'insa qaqqabe sanaan qaamni isaanii gargara faffaca'e naasuun yoo of walaalan mula'te.

Hamaas boombii boombii konkolaataa fayyadamuun beekamaa miti. Haata'u malee, warra dhuunfaan boombii dhoosanii booda of balleessan bobbaasa. Kun ammoo humnoota nageenyaarratti dhiibbaa diraamaa ta'e qabaachuu danda'a.

Haleellaan lafoon Gaazaa keessatti gaggeeffamu yeroo hangam akka dheeratu ifa miti. Lola humnoonni Iraaq Mosul qabachuuf taasisan sababa humna guddaatiin gareen Islaamik Isteet dura dhaabbachaa turaniif ji'oota sagal fudhateera.

Konvoyiin Feraas ittiin gara Mosul deemaa tora boobii konkolaataa baayyeetiin rukkutame

Ulaa ittiin ba'an

Waraana bara 2017 Sooriyaa magaalaa Raaqaa keessa turetti gaggeeffame garuu baayyee adda ture. Gareen milishootaa guddaan bakka baayyatanii turanitti itti marfamee ture.

Haata'u malee, yeroo sanatti humnoonni waloo US fi Kurdish loltoonni kunneen akka ba'aniif filannoo kennaniif.

Ani qabsoo warri Kurd IS irratti taasisan waggoota dheeraatiif gabaasaan ture. Gaggeessitoota isaanii keessaa tokko bakka walga'ii dhoksaa komaadara US Sooriyaa keessa jiru waliin itti gaggeessaniyyu na geessee ture.

Hogganaan kun gaaffii gaggeessitoota Arabaa naannawaa sanaa akka loltoonni IS fi maatiin isaanii Raaqaa keessaa bahan hayyamuuf gaaftatan fudhate.

Waliigalteen kun magaalattiin lola ture sanaan guutummaatti akka hin barbaadoofne taasiseera. Lakkoofsi oltootaafi namoota nagaa du'aniis kan magaalaa Mosul caalaa baayyee xiqqaa ture.

Guyyaa milishoonni sun gadhiisanii ba'an booda, namoonni nagaa magaalicha keessatti hafan manneen isaanii keessaa lubbuun ooluutti gammadan. Halaallee gurguddaa magaalatiirratti gaggeeffamuuf tureen ni dhumna jedhanii sodaataa turan.

Dargaggeessi Sooriyaa gamoowwaniifi konkolaataawwan manca'an mobaayilaan viidiyoo waraabaa jira

Madda suuraa, Getty Images

Haata'u malee, haalli teessuma ykn joogiraafii Gaazaa waliigalteen akka kanaa Israa'eliifi Hamaasiif filannoo ta'uu danda'a jechuun rakkisaadha.

Raaqaan hanga tokko magaalaa Sooriyaa keessa fagoo jirtu waan taateef loltoonni ulaan ittiin ba'an hayyamameef kunneen gara baadiyyaa naannawaa sana jiruutti qajeelu danda'u jechuudha.

Walbira qabanii yoo ilaalan Gaazaa Istriip bicuu waan taateef bakki loltoonni Hamaas deemuu danda'an hin jiraatu.

Biyya biraatti akka bahan

Yeroo darban keessa, namoota baasanii akka fagaatan taasifama ture. Bara 1982 keessa, Dhaabbanni Bilisummaa Filisxeem (PLO) wayita humnoota Israa'eliin ji'oota sadiif Beerut, Libaanos keessatti itti marfamee ture, biyyoota gara garaatti akka baqataniif waliigalamee ture.

Hooganaan PLO gara Tuniiziyaa yoo deemu miseensonni warri kaan ammoo biyyoota Afrikaa Kaabaafi Baha Giddu-galeessaatti kolu-galtummaa argatan.

Waliigaltee akka kanaa kun du'aatii loltootaafi namoota nagaa Gaazaa keessatti uumamuu malu karaa ittiin xiqqeessan carraa uuma ta'a. Haata'u malee, kun ija siyaasaan yoo ilaalamu waan qabatamaan hojiirra oolfamu ta'uu hin mul'atu.

Mootummaan Israa'el haleellaa Hamaas Onkoloolessa raawwate hordofee garee kana akka balleessuu waadaa galeera. Kana waan ta'eef, gaggeessaan Hamaas gara biyya biraa ta'e tokkootti akka baqatu hayyamuu jechuun mormii guddaa uummataa kaasuu danda'a.

Kanas ta'e sana, filannoon biraa argamuu hin danda'u taanaan Gaazaan kaabaa dirree waraanaa ta'a.

Waraanni Hamaasiifi humnoota Israa'el gidduutti gaggeeffamu daandiifi gala magaalattiitti dhiiga guddaa lolaasa. Kun ammoo, namoonni nagaa kuma hedduun lakkaa'aman gidduuttillee danqamuu danda'u.