Lammiilee Israa'el Hamaasiin butamanii waggootaaf Gaazaa keessatti dagataman

Maatii Averaa Mangistuufi Hishaam al-Sayiid miseensi maatii isaanii Hamaasiin butame jedhame akka gadhiifamu duula gaggeessaa turan

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Maatii Averaa Mangistuufi Hishaam al-Sayiid miseensi maatii isaanii Hamaasiin butame jedhame akka gadhiifamu duula gaggeessaa turan

Haleellaa Onkololeessa 7 irratti lammileen Isra’eel 200 ta’an butamuun isaanii xiyyeeffannoo argateera – ta’us Hamaas yoo xiqqaate lammilee Israa’eel lama butee waggootiif qabatee jira.

Waa’ee lammii Yihuudii Itoophiyaa lammii Israa’el ta'e Averaa Magistuufi lammii Arab- Israa’eeli Hishaam al-Sayiid kan bara 2014 fi 2015’tti butamanii wanti beekamu muraasa.

Maatiileen loltoota Israa’ellii lubbuun isaanii darbe lamaa ammoo reeffisaanii bara 2014 eegalee Hamaasiin fudhatamee Gaazaa keessa waan jiruuf gadda keessa jiru.

Hadar Goldin fi Oron Shaawul waraana Israa’eliifi Hamaas gidduutti bara sana mudateerratti ajjeefamani.

Hamaas kana dura lammiilee Israa’el butee fudhatu gadhiisisuuf gatii guddaa gaafachuun beekama.

Obboleessi Oron, Aviram Shawuul akka jedhutti waggootii 10'f maatiin isaa reeffi Oron eessa akka jiru Hamaas irraa waan dhaga’an hin qabanu, Oron akka deebifamu wanti mul’isu hin jiru.

“Lammiileen Israa’el waa’ee isaanii [loltoota du’an lama] dagataniiru jedheen yaada,” jedhu Aviram.

“Amma obboleessakoo deebisuuf carraa gaariidha. Sababiinsaa maatiin namoota 200 Gaazaa keessa jiru. Mootummaan obboleessakoo deebisisuuf hojii ga’aa hin hojjenne, amma garuu hojii guddaa hojjechuu qabu.”

Dabaluunis “Isra’eel namoota butaman deebisiisuuf waliigaltee namoomaa taasisuu qabdi,” jedhu.

“Hamaas elektirikii, bishaan barbaadu yoo ta’e lammilee keenya nu deebisuu qabu.”

Aveeraa

Madda suuraa, FREE AVERA/FACEBOOK

Ibsa waa'ee suuraa, Viidyoo butamuu Aveeraa irraa kan fudhatame

Bara 2011’tti Israa’el loltuu ishee butame Gilaad Shaliit gadhisiisuuf waliigaltee dhoksaan gaggeessiteetti. Loltuu kana gadhiisisuuf lammilee Filisxeem 1,027 mana hidhaashee keessa turan gadhiisuun irra ture.

Israa’el amma Hamaasiin balleessuuf kutattee waan kaateef hidhattoota wal jijjiruun yeroo kanatti waan cimu fakkaata.

Ajajaa waraana Israa’el kan turaniifi qondaala basaasaa Mosaad kan ta’an Hagaay Hadaas, waligalteen jijjiiraa hidhamtootaa “dhimma siyaasaadha” jedhu.

Muddama amma jiruun dheekkamsi Israa'el yemmuu Hamaasiratti xiyyeeffate jirutti, waliigaltee akka sanaa “hintaasifamu. Tasuma hindanda’amu,” jechuun BBC’tti himan.

Lammiileen Israa’el bara 2014 eegalee Gaazaa keessatti qabamanii jiran “hin butamne” jedhu Hadaas.

Garuu “gara Gaazaa deemani, lamaan isaanii dhibee sammuu qabu,” jedhan. ''Garaagarummaa guddaadha – wanta Onkololeessa 7 mudate agarree hin beeknu,” jechuun himan.

Hamaas Avera Mangistuu fi Hishaam al-Sayeed loltootadha jedha, ragaan gareen mirga namoomaa Humaan Raayitis Waach arge garuu lamaanuu siviilota tajaajila loltummaa irratti hin hirmannee akka ta’e mul’isa.

Dubartiin Xilaa Fantaa jedhamtu Avera gadhisiisuuf duula gaggeessa turtuus, mootummaan Isra’eel akka ishee mufachiise himti. Ta’us xiyyeeffannoon idil addunyaa amma Gaazaarra jiru duulashee ni gargaara jettee yaaddi.

“Carraan Avera itti deebifnu amma foouyaa’eera jedheen amana. Garuu kanas gadda keessa ta’een dubbadha,” jechuun BBC’tti himteetti.

“Isaan loltoota miti, lamaan isaanii dhibee xiinsammuu qabu turan. Hamaas namummaa malee isaan bute,” jechuun himte.

Harmeefi obboleessi Aveeraa waggootaaf watwaataa jiru

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Harmeefi obboleessi Aveeraa waggootaaf watwaataa jiru

Averaafi Hishraam deebisiisuuf yaaliin ga’aa kan hin taasifamne sababa logii hawaasaa Israa’eelii keessatti Yihudoota Itoophiyaa fi Bedowiin Arabootarra ga’uudhaan jetti.

“Sababa bifasaa, rakkoo xiinsammuu isaafi naannoo hiyyeeyyi Ashkeloon keessatti waan guddateef Averaa nama hawaasa keessatti jaallatamu miti jedheen yaada,” jetti.

“Kanadha akka inni hawaasicha keessaa ba’u isa godhe jedheen yaada. Utuu inni xiqqooshee qaxalee ta’ee ykn naannoo biraa jiraata ta’ee ilaalchi jiru kan biraa ta’a ture.

''Kun yeroon itti waa’ee biyyakoo waan badaa dubbadhu akka hin taane beeka, garuu dhugaan jiru dubbatamuu qaba.”

Dhabbileen mirga namooma hojii kana caalaa hojjechuu qabu turani jetti.

“Namicha Bedoyiin Arabiifis akkasuma – lamaanuu kan hawaasa keessatti carraa hin qabnedha.''

HArmee Hishaam

Madda suuraa, YOAV LEMMER/AFP VIA GETTY IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa, Harmee Hishaam
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Lammiin Isra’eelii biraa Jumaa Abu Ganimaa gara Gaazaa kan seenee bara 2016'tti jedhamee yaadama. Hanga ammaatti achi buuteen isaa hin beekamu.

Akkuma Hishaam Bedoyiin Arab yoo ta’u, to’annoo Hamaas jala jedhamee yaadama. Garuu wanti mirkaanaa’e hin jiru.

Seeraan ala Gaazaa seenuun dura Averaa fi Hihaam irra deddeebiin badaa akka turanii fi wal’aansa xiinsammuu argachaa akk turan qorannoon Humaan Raayitis Waach ni agarsiisa.

Amajjii keessa viidiyoon Hamaas gadhiise, yeroo namichi tokko: “Ani nama butame Aveeraa Mangistuudha. Hiriyyootakoo waliin hanga yoomittan hidhamee tura,” jechuun dubbitu mul’isa.

Maatiin isaa akka Aveeraa ta’e mirkaneessuu, Duulli Free Avera jedhu BBC’tti himeera.

Ministirri Muummee Netaaniyaahuu harmee Aveeraa Aadde Agurnesh waliin wal arguun, ilmi ishee lubbuun akka jiru mootummaan “ragaa mirkaneessu” argachuu itti himanii ture.

Dabaluunis Israa’el “Avera Mangistuu fi hidhamtoota akkasumas namoota biroo hanga deebisiisuuf hojii hojjettu akka hin dhaabne,” dubbatan.

Waxabajjii 2022 keessa Hamaas viidiyoo Hishaam al-Sayeed agarsiisu yemmuu baasee, abbaan isaanii Shaaban al-Sayeed eenyummaa isaa mirkaneessaniiru.