Yuunivarsiitin Harvard ammayyuu warra adiidhaf looguu hin dhiifne jedhamuun komatame

Barattoota mormii bahan

Madda suuraa, Getty Images

Yuunivarsiitin Harvard addunyaarratti barattoonni qaroon kan itti baratan jedhamuun jajama.

Haa ta'u garuu ijoollee warra adiifi namoota bebbeekamoo maatii isaanifi hidda sanyiisaanii ilaalun galmeessuu hin dhiifne jedhamuun himatame.

Yuunivarsiitichi loogii warra adiifi dudduubbee qorachuun barattoota galmeessu akka dhaabu sagaleen walitti qabamaa jira.

Tarsiimon Yuunivarsiitin Harvard hordofu ilmaan warra adiifi sooreyyiif kan karra banuufi isaanif loogii godhuudha jedhamuun hamatama.

Manni Murtii Olaanaan US Yuunivarsiitin Harvard hidda sanyi ilaalufi warra adiif looguu akka dhiisu murtee dabarsee ture.

Yuunivarsiitichi dambii tarkaanfii jajjabeessaa (affirmative action) jedhu yeroo dheeraf jajjabeessaa kan ture yoo ta'u manni murtii biyyattii adeemsi kun loogii kan qabu ta'uu ibsuun kuffiseera.

Yuunivarsiitii Harvardfi kanneen biroon adeemsi hojiirra oolaa ture "namoota kan filatu bifa isaanii irratti hundaa'uni" jedha abbaan alangaa walii galaa Joon Roobarts.

Murtee mana murtii walii galaa kana hordofee gareen Ogeeyyii Seeraa Migoota Sivilii (LCR) Yuunivarsiitii irratti himata dhiyeessee jira.

Yuunivarsiitichi "adeemsa galmeessuu keessatti barattoota adii ta'an hedduuf carraa kenneera kenneera. Kunis waan addaa galmeessanii osoo hin taan, firoonni isaanii ilaalamaniiti" kan jedhu komiin irratti dhiyaate.

Komiin dhaabata Biiroo Qorannoo Diinagdee Biyaalessan maxxanfame akka ibsutti barattoota leegaasifi deeggarsa maallaqaan wal-qabatee galmaa'an keessaa 70% kan ta'an adiidha.

Dabaluunis barattoota adii yuunvarsiitichatti galmaa'an keessaa 43% kan ta'an ammoo maatii warra ispoortin beekamanii, dudduubensaanii ilaalamee galaniifi ijoollee hojjattoota yuunivarsiitichaati.

Sirni galmee yuunivarsiitichi hordofu dandeettii ykn bu'aa barattoonni buusan irratti osoo hin taane itti yaadamee warra adii hin taane irratti loogii kan gaggeessudha jedha himanni dhiyaate.