Naannoo Amaaraatti bidiruun dhidhimtee namoonni 12 du'an

Madda suuraa, Getty Images
Naannoo Amaaraatti bidiruun dhidhimuun namootni 12 lubbuun darbuu gabaafame.
Bidiruun kun laga Takkazzee irra namoota qabattee imalaa turte.
Namoonni lubbuun darbe 12 tahan sirna awwaalchaa biraa irratti hirmaachuuf osoo waliin imalaa jiranii bidirittiin dhidhimuu miiidyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.
Yeroo balaan kun mudate bidirittiin waliigalaan namoota 26 tahan feetee deemaa turte.
Bidiruun muka irraa hojjetamte kun osoo imalarra jirtuuti balaa lolaa guddaa naannichatti mudatee tureen raafamuun kan liqimfamte.
Namoonni balaa kana irraa lubbuun oolan gara hospitaalaa geeffamun yaala argachaa jiraachuu miidiyaan mootummaa naannoo Amaaraa gabaaseera.
Miidhamtota keessa daa’imni akka jirtu himuun ‘’miidhaa cimaan qaamasheerra gahuus ibseera.
Haga gabaasni kun qindaa’etti reeffi namoota lubbuun darbee baafamuu isaa waan barame hin jiru.
Riqichi Takkazzee tajaajila dhaabee ture hojjetamaa ture ji’a darbe ni xumurama jedhamee eegamaa ture.
Itoophiyaatti waktiin kun waktii rooba cimaa waan taheef lageen akka malee ni guutu.
Gama biraan haala naannoo Kaaba Itoophiyaa keessa jiru gabaasuun miidiyaaleef akkaan ulfaataa taheera.
Humni nageenyaa mootummaa Itoophiyaa hidhattooa Faannoo waliin naannicha keessatti walitti bu’aa ture.
Balaa sigiga lafaa Kiba Itoophiyaa Godina Gofaatti tibbana mudateenis lubbuun namoota 250 olii darbeera.
Gabaasni UN ammoo lakkoofsi namoota balaa sigiga lafaa kanaan lubbuun darbee haga 500 gahuu akka malu akeeka.















