Waa'ee sigiga lafaa Godina Jimmaatti mudate hanga ammaa kan beeknu

Sigiga lafaa godina Jimmaatti mudate

Madda suuraa, Com.GJ

Rooba hamaa tibbana godina Jimmatti roobee ture hordofee Aanaa Gommaa Ganda Oomaa Funxullee fi Ganda Qadaamayeetti sigiga lafaa mudateen miidhaan qabeenyarra gahuu fi jiraattoonni bakka jireenyaasaanii buqqa’uu aanga'aan aanichaa BBCtti himan.

Balaa mudate kanaanis lubbuu namaarra miidhaan gahe akka hin jirre fi maneen rakkoon irra gahe keessaa miseensota maatii akka baasan, Itti gaafatamaan kominikeeshinii godina Jimmaa Fo’aad Raayyaa dubbatan.

Itti gaafatamaan kominikeeshinii Aanaa Gommaa Obbo Saadiq Jibriil gama isaaniitiin, manneen afur keessatti lafti kan babbaqaqe yoo ta’u, manneen shan ammoo haallisaanii sodaachisaa waan ta’eef jiraattonni manneen isaanii keessaa baafamuu kaasu.

Waliigalaattis miseensota maatii manneen sagal keessaa baafamuu kan himan, aanga’aan aanichaa, jarreen kana deebisanii dhaabuufis qaamni Buusaa-Gonofaa Aanichaarraa akka ijaarame dabaluun himaniiru.

Akkasumas balaa sigiga lafaa ganda Oomaa Funxulleetti qaqqabeenis, “Manni shan [guutummaatti] akka ka’u murtaa’eera. Mana shan keessaa tokko diigameera. Mana keessatti dhohinsi uumameera. Buna akka facaasaa lamaa yookaan walakkaa heektaaraa ta'u fayyuma fudhatee badeera” jedhan aanga’aan aanichaa yoo haaicha ibsan.

Itti dabalunis, Oyiruu boqqoolloo fi warqees dabalatee lafa heektara 12 ta’urra miidhaan gahuu himaniiru.

Dallaa jiraattii sigiin keessatti mudate

Madda suuraa, Com. GJ

“Kan ganda Qadaamayee ammoo lafa qonnaa gara lafa facaasaa lamaa ta'u [sigigni lafaa] kun akn balleesse. Kana malees daandii naannoo meetira 800 ta'udha kan dhohe," jechuun lafti balaan kun itti qaqabeerra homtuu akka hin turre himu.

“Sigigni lafaa kun rooba hamaa gaafa Guddaa [Dilbataa darbe] galgala roobeeni kan inni uumame. Lafichi tabba qaba. [Gara gadiitti] ammoo bishaan wayiitu jira. Bakki diriiraanis jira kan dhohe.''

''Balaan kun kan mudates bakka tokko qofaatti hin turre. Darbee darbee lafti dhodhohe. [Dhohinsichi] mana keessatti bo'ii ykn yaa'aa gurguddaa uumeera. Dhimmi kun fuuldureetti yoo keessa taa'ame sodaachisaa [waan ta'eef], manni sun diigamee, namoonni achii akka siqani kan godhame” jechuun haala ture ibsan Obbo Saadiq.

Balaa sigiga lafaa godina kanatti qaqqabeen kanaanis miidhaan lubbuu namaarra akka hin geenye kan kaasan, gareen dhimmicha qoratu hayyoota yunivarsiitii Jimmaa fi aanga’oota aanaa Gommaarraa akka hundaa’e illeen dabaluun himan.

Sigagni lafaa gidduu kana Naannoo Kibba Itoophiyaa Godina Goofaatti qaqqabe lubbuu namoota 257 galafateera.

Balaan walfakkaatu Kibba Lixa Itoophiyaa godinoota Kafaa fi Beenchi Shakkoottis lubbuu namootaa galaafachuun qabeenyarra hubaatii geessiseera.

Balaa naasisaa kana hordofee Mootummaan Itoophiyaas guyyoota sadiif gadda biyyoolessaa labsamuun ni yaadatama.

Of eeggannoo akkamiitu godhamuu qaba?

Gorsa BBC
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Obbo Tolaa Garoo Yunvarsiitii Saayinsii fi Teeknolojii Adaamaatti qorataa fi Barsiisaa Ji’oolojii tibbana BBC dubbise, “Sochiiwwan akka daandii hojjechuusuutiif lafti yeroo kutamus qorannoon ji’oolojii taasifamuu qaba. Sababnisaa lafa tokko yeroo hojii akkanaaf murru teessuma duraa sana jeeqee sigiga lafaaf haala mijeessuu danda’a,” jedhan.

Kana malees naannoo gaarreen itti baayyatutti biqiltuu dhaabuu, daagaadhaan hidhuu fi iddoo yaaddoon sigiga lafaa jiraachuun beekamerraa ammoo waqtii roobaa yeroo ta’u bakkichaa godaanuun akka barbaachisus himu.

Sigigini lafaa yeroo mudatutti biyyoo, bishaanii fi dhakaan walmakee olka’iinsarraa sololaatu kuni saffisa dhalli namaa ittiin fiigu caaluu akkasumas guyyootaafi torbanootaafis itti fufuu danda’a.

Kanaaf jechas yeroo balaan sigiga lafaa mudatee miidhaa geessisu lubbuu baraarsi ofeegannoon ta’uu qabas jedhan.

“Sigigni lafaa yoo uumamu kutaan tokko yoo sigigaate kutaan biraa wanti utubee qabu jiraachuu dhiisuu mala.

''Kanaaf jecha yeroo balaan gahe birmachuudhaan dura inni sigigaate lafa diriiraa irra gahuu hubachuu, kutaan sigigaa hafe jiraachuu dhabuu sirritti adda baafachuu barbaachisa,” jechuun gorsan.

Ummata naannoo sigigiin itti qaqabe

Madda suuraa, Com GJ