Gurbaa maqaa ‘Sooressaa’ moggaasaniif qoonqoon cooligsite

Habtom da'ima waggaa shaniiti

Erga wal waraansa dhaabuuf waliigalteen nagaa mallattaa’ee naannoo Tigraay gargaarsi galaa jira. Haata’u malee, daa’imman umuriin isaanii wagga shanii gadi ta’an sadii keessaa tokko ammallee hanqina nyaataan hubamaniiru.

Haftom amma daa’ima umuriin isaa wagga shan guutuuf xiqqoon isa haftuudha.

Afaan Tigirinyaatiin hiikni maqaa isaa ‘Sooressaa/Duureessaa’ akka jechuuti, garuu gurbaan kun yeroo ammaa ulfaatin isaa hanga silaa gahuu qabu walakkaan hir’ateera.

Yeroo doktorri harkaafi miilla isaa foon irraa dhumee akka malee qallateeru agarsiisuuf qomeefi mutaantaa isaa irraa ol harkisu haati daa’ima kanaa callisteedhuma miira adoodaa tokkoon ilaalti.

Dubartiin kun maqaashee himachuu hin barbaadne.

Kun erga wagga lamaa as wal waraansi Itoophiyaa Kaaba biyyattii jalqabee beelaafi hanqina nyaataa qabatamaan naannoo Tigraay keessatti mullatuudha.

Waliigalteen nagaa mallattaa’e lolli sun akka dhaabatu taasiseera, garuu miidhaa inni qaqqabsiise akkuma jiruttiidha.

Hagayya keessa, UN akka tilmaametti Tigiraay keessatti daa’imman umuriin isaanii wagga shanii gadi ta’an sadii keessaa tokko hanqina nyaataan miidhamaniiru.

Yeroo loltoonni mootummaa Federaalaafi humnoonni Tigraay wal lolaa turan, aanga'oonni Itoophiyaa gargaarsa gara kaabaa seenu daangessuun ykn dhorkaa cimaa kaa’uun sirriitti cufanii turan.

'Harka qullaa'

Hiwoot fi daa'imashee Maakdaa
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Maakdaan daa’ima umuriin ishee walitti bu’insa kaabaa kana waliin walqixa taatedha. Kaasuu haadhaa ishee Hiwoot keessaa mul’atti, garuu humna hin qabdu, hin sochootu, marrumaan ishee ammoo baayyee dhifamee mul’ata.

 “Nyaata argachuun baayyee rakkisaa ta’eera,” jetti Hiwoot. “Guyyaatti takkaa argatanii nyaachuun baayyee rakkisaa ta’eera.” Hospitaala geessitus haalli Makiidaa ammallee ittuu itti hammaataa dhufeera.

“Intalli koo haala kana fakkaatu keessatti argamti sababiin isaa ammoo qorichi akka hin jirre nutti himame, waan tokkoyyu argachuu hin dandeenye,” jetti Hiwoot.

“Sababa rakkoo walfakkaatuuf bara darbes as turre, waan tokkollee argachuu waanan hin dandeenyeef harka qullaan manatti deebiye.”

 Maatiin Haftom fi Makdaa magaalaa guddoo naannoo Tigraay, Maqalee deemanii gargaarsa barbaadaa jiru. BBCn ji’a darbe keessa ture kan isaan waraabeefi gaaffiifi deebii waliin taasise.

Hagayyaan booda, wayita humnoonni mootummaa Federaalaa bakka baayyee to’ataa deemanitti, aanga’oonni Tigraay dhukaasa dhaabuuf waliigalan.

Akka waliigaltee nagaa jalqaba ji’a darbee mallattaa’eetti, aanga’oonni mootummaa Federaalaa gargaarsi dabalataa akka gara naannichaa galu ni goona jedhan.

'Guyyaa tokkotti dhuma'

Dr Kibrom Gabresillasee Hospitaala Riferaalaa Haydar keessa wallaansa baqaqsanii yaaluun waggoota 15 tajaajileera.

Hospitaalli kun naannoo baayyina uumataa miliyoona torba qabuuf hundaa ol guddaa kan ta’edha.

“Daa’immaniifi haadhotiin yeroo rakkataniifi boo’an guyyaa guyyaan arguun sukanneessaadha,” jedha Dr. Kibrom.

“Hospitaala keenya keessatti daa’imman hedduuti du’e sababiin isaa ammoo daa’imni takkaa rakkoo hanqina nyaataan dhibamnaan, wanti kennituuf nyaata qofaa hin ta’u. Qoricha, antiibaayotikii, mineraalaa [albuuda],…fi kaan barbaachisaaf nuti ammoo kana hin qabnu.”

Wanti barbaachisu hangi tokko waan dhufaa jiru fakkaata garuu gahaa miti. Dr.Kibrom akka jedhutti, konkolaataawwan Koree Fannoo Diimaa Addunyaa (ICRC) lama qoricha qabatan magaalaa Maqalee qaqqabuudhaaf warra jalqabaati.

“Hanga qoricha nuti argannee wallaanamtoota keenya walakkaaf qofa kan gahu yoo ta’u guyyaa tokko qofaaf tura,” jedhe.

Guyyaa guyyaan gargaarsi hospitaalicha hin qaqqabu taanaan, dhukkubsattoonni caalaa du’uu danda’u.

“Dhukkubsattoota kaanserii fudhadhumee, haalli isaa baayyee yaaddessaadha. Guutummaa Tigraay keessa Kemooteraappiin hin jiru,” jechuun dubbata Dr. Kibrom.

“Guyyaa guyyaan, torban torbaniin, ji’a ji’aan haalli dhibee kaanserii isaanii hammaachaa deema.

“Duraan kan wallaanamuu danda’u osoo ta’eeyyu ammo kan hin danda’amne ta’a. Namoota baayyee dhukkubsataa jiraniif tokkoo tokkoon guyyaafi sa’aatii murteessituudha.”

Dr. Kibrom

Carraaqqii gargaarsaa

Walakkaa ji’a Sadaasaarraa kaasee hanga torban jalqabaa Muddeetti, mootummaan Itoophiyaafi dhaabbileen gargaarsaa konkolaataawwan nyaata, dahoofi qoricha fe’an 1,600 ol akka ergan UNtti waajirri gargaarsa namoomaa himeera.

IRCRN mataan isaa walakkeessa Sadaasaa irraa kaasee yoo xiqqaate konkolaataawwan 38 Maqaleetti akka erge himuun ammallee kan biraan karaarra jiru jedheera.

“Dhaabbileen gargaarsa namoomaa dhiyeessan hundaan carraaqqiin hunduu taasifamaa jira garuu hanga barbaadamuun wal bira qabamee yoo ilaalamu gahaa miti,” jedhan dubbi-himaan ICRC dame Itoophiyaa Jude Fuhnwi.

Fedhiin jiru baayyee guddaadha..

Ji’oota ja’an itti aanan keessa UNtti Sagantaan Nyaata Addunyaa (WFP) gargaarsa atattamaa uummata Tigraay keessaa miliyoona 2.1 qaqqabsiisuurratti xiyyeeffateera.

“Erga waliigaltee darbeetii as wantonni baayyee jijjiiramaeera,” jedhan bakka bu’aafi gorsaa Kantirri Daarektarii Itoophiyaa WFP Claude Jibidar.

“Walitti bu’insa waggaa lamaan booda, halkan tokko keessatti gara bakka duraan tureetti deebiyama jennee hin eegnu.”

Humnoonni Federaalaa bakkawwan gara kaabaa naannawaa Shiree to’atanis Maqaleen to’annoodhuma mootummaa Tigraay jala jirti.

Hospitaala Ayder kutaa biraa keessatti barsiisaan soorama bahan, Fiqaaduu Jambar ji’oota sadan darban keessa wallaansa dhibee sukkaaraaf qoricha isaaniif ta’e argachaa akka hin jirre dubbatu.

“Nuti as wallaansa argachuu dhufna, meeshaaleen harki caalan ammoo tajaajila kennaa hin jiran. Bakka biraallee deemuuf ni yaalla garuu sababa sochiin dhorkamee tureef eessayyu deemnee wallaanamuus hin dandeenye,” jedhu.

“Namoonni baayyeen sababa kanaaf du’aa jiru. Erga waliigalteen nagaa buusuu mallattaa’ee, qoricha ni arganna jennee abdanna garuu hanga ammaatti wanti qaqqabe hin jiru.”

Doktoroonni dhiyeessiiwwan baayyee bu’uura ta’an hin qaban.

“Wallaansa baqaqsanii yaaluu taasisuudhaaf giloovii gahaa hin qabnu. Hanga si’a sadii fayyadamuudhaaf irra deebinee dhiqnee irra deebiin itti gargaramna,” jedha Dr. Kibrom.

“Wallaansa dhiiga kennuu dhiyeessuu hin dandeenyu sababiin isaa ammoo karaxiitii dhiigaa hin qabnu. Kanaaf, yoo dhukkubsataan dhiiga kan barbaadu ta’e, wallaansa baqaqsanii yaalii taasisuu ni dhiifna,” jechuun ibse.

Ibsaan deebiyeera

Doktarri biraa achuma Hospitaala Ayder keessa hojjetuufi maqaan isaa akka hin eeramne barbaadu qoricha gahaa argachaa akka hin jirre hima.

“Hospitaalichi loltoota madaa’aniifi siviliyaanota dhukkubsataniin guutameera,” jedha doktorri kun. “Hedduun isaanii ammoo gargaarsa argachaa hin jiran.”

Wanti gaariin tokkicha aanga’oonni Federaalaa raawwatan ibsaa Maqaleef deebisuudha jedhan.

Hospitaalichi dhiyeenya kana akka tiwiit godhetti, qorichoonni HIV fi meeshaa ittiin qoratan dhufuu jalqabaniiru. Haata’u malee, warri salphaatti caalaa saaxilaman gatii guddaa kaffalaniiru.

“Ani egeree foyyee qabu akka ishee mudatun barbaada,” jetti haati Maakdaa, Hiwoot. “Wantan yaaduu danda’u yoo jiraate kana qofaadha.”