Arsiitti bakakkaan bonaan loon dallaa tokko fixe

Madda suuraa, Kominikeeshinii Aanaa Dodolaa
Obbo Amaan Hajii Sheekoo Godina Arsii Lixaa Aanaa Dodolaa ganda Gafarsa kaarraa keessa jiraatu. Dhuma torbee darbee akkuma guyyaa kaanii loon bobbaa oolanii waaree gara qe'eetti deebi'an gaaddisa qe'ee duraatti walitti qabaman.
Galgala naannoo sa'aatii 12 yoo ta'u bokkaan asii dhufe hin jedhamne roobuu akka jalqabe himu Obbo Amaan. Yeroo kana tikseen loonii fi loon isaanii qe'uma bakka tokko turan.
Obbo Amaan mana keessa turan. Sagalee balaqqisaa fi bakakkaa dhagahanii yoo gadi bahan, loonis tikseen loonis lafatti kukkufanii argan.
"Ollaan yaa'ee yeroo ilaallu beellada kiyya keessaa loon lama bakka kukkufan sanaa dandamatanii ka'an. Sangoota qotiisaa afur dabalatee beelladoonni kiyya saddeet bakkumatti dhuman," jedhu Obbo Amaan.
Bakakkaan bonaan bu'e loon qofaa osoo hin taane, tiksee looniis miidhera. Garuu tikseen lubbuun oolee yeroo ammaa mana yaalaatti waldhaansa argachaa jiraachuu himan.
Obbo Amaan loon isaanii bakakkaan sekondii keessatti jalaa fixeen, sangoota ittiin qotan, dorrobaa dhala gaheefi ameessa elmamu dhabaniiru.
Hojii qonnaan maatiisaanii akka jiraachisan kan himan Obbo Amaan, battala tokkotti bakakkaan bonaan bu'e harka duwwaatti isaan hambisuu dubbatu.
"Kanin maatiikoo jiraachisu hojuma qonnaatini. Amma sangoonnikoos dhumaniiru. Dulloonni maatiinkoo aannan elmatanis hin jiran. Ani haadha manaa sadii, ijoollee 15 qaba. Kanumaanan jiraachisa ture," jechuun miira gaddaan dubbatu.
Qabeenyi isaanii bakakkaan jalaa dhume birrii Kuma 800 fi kuma 50tti akka tilmaamamuu kaasuun qaamni mootummaa dhimmi ilaaluu fi hawaasni deegarsa akka godhuufis gaafatu manguddoon kun.
Itoophiyaa keessatti waktiin kun waktii bonaa ta'uurraa kan ka'e bakakkaan haa hafuu roobniyyuu yeroo baay'ee hin jiraatu.
Godiina Arsii Lixaatti Aanan Dodolaa bakki Obbo Amaan Haji Sheekoo jiraatan daangaa Aanaa Nansaboo kan bosona qabuu waan ta'eef roobni bonaa bakakkaa makate kan mudate sababa kanaaf ta'uu mala.
Bakakkaan akkamiin mudata?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bakakkaan dhiibbaa hoo'aa yemmuu ta'u walharkisuu chaarjiiwwan eyyentaa (pozatiivii) fi hi'intaa (negatiiviin) kan uumamu akka ta'e himu Yinivarsiitii Haramaayaatti barsiisaafi qorataa Fiiziksii Naannoo kan ta'an Dr. Haftuu Birhaanee kanaan dura turtii BBC waliin taasisaniin.
Akka isaan jedhanitti gosoonni bakakkaa heddutu jira. Bakakkaan yeroo roobaa uumamu akkuma jiru osoo roobni hin jiraatiin yeroo gogaatti kan uumamus jira.
Gosoota bakakkaa keessaa inni hamaa ta'es lafaafi duumessa gidduutti kan uumamu ta'uu kan himan Dr. Haftuun, "lafti chaarjii pozatiivii yemmuu qabaattu duumessi immoo chaarjii negatiivii qabaatee yemmuu chaarjiiwwan lamaan wal harkisan kan uumamudha," jedhan.
Kana malees gosti bakakkaa inni biraan chaarjiiwwan duumessa tokko keessa jiraniin kan uumamudha. Dabalataan bakakkaan duumeessawwan lamaafi isaa ol yemmuu walitti bu'an uumamus gosa bakakkaa isa biraati.
Bakakkaan yemmuu uumamutti jalqaba balaqqee isaatu mul'ata. Itti aansun ammoo sagalee isaatu dhagahama.
Bakakkaan ho'a baay'ee guddaa digiri seentigireedii 30,000 ta'u kan qabu akka ta'es ibsu qorataan kun.
Bakakkaan yeroo horiis ta'e nama miidhu nama mormaa gadi biyyee ykn dikee keessa awwaaluun barsiifata baramaadha.
Haa ta'u garuu, malli aadaa nama biyyee keessa mormaa gadi awwaaluu saayinsiin kan hin deeggaramneefi qorannoo dabalataa barbaadu ta'uu kaasuun gara "dhaabbilee fayyaatti geessutu gorafama" jedhan.















