Ibraahim Alii: Dargaggeessa dheebuu maatiif fala barbaaduurraa ka'ee hawaasa dheebuu baasuurra gahe

Dargaggoonni Ibraahim leenjise yoo bishaan baasan

Madda suuraa, Ibraahim Alii Abdallaa

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Rakkoon bishaan dhugaatii maatii keessatti ijoollummaa isaarraa kaasee isaan qoraa ture hojii amma eegaleef ka'umsa akka ta'eef hima.

Bishaan dhugaatii baasuu tanaan dura maashinoota guguddaa, baasii birrii miliyoona hedduu gaafatuu fi maashinoota kanneen geejjibsiisun mataan isaa qormaata ture salphiseera.

Ibraahim Alii bishaan dhugaatii fi bishaan tajaajila jallisiif oolu karaa salphaa, baasii xinnaa fi humna namoota muraasaatiin baasuun akka danda'amu iddoowwan dhibbaan lakkaawamanitti dhugoomse mul'ise.

Finfinnee fi naannawa ishee qofatti boolla bishaanii 100 caalu qoteera.

Oromiyaa, Sidaamaa, Afaarii fi Somaalee dabalatee naannolee hedduu keessa socho'uun bishaan baasa. Bishaan jallisii fi bishaan dhugaatii.

Dargaggoota 7,000 ol akkaataa karaa salphaa kanaan bishaan baasuun danda'amurratti leenjiseera.

Dargagggeessi kun akkamiin hojii kana eegale?

Muuxannoo isaa fi hojii itti jiru BBC'f qoodeera.

Bishaan maatiif baasurraa hanga biyyaatti

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ibraahim Alii Abdallaa Shawaa Lixaa aanaa Baakkoo Tibbee magaalaa Shobokaa jedhamtu keessatti dhalate.

Barnoota sadarkaa tokkoffaa Shobokaatti sadarkaa lamaffaa ammoo Mana-barumsaa Qophaa'inaa Naqamteetti barate. Barumsa olaanaa ammoo Yunivarsiitii Haramaayaa bara 2011 seene. Muummee Qonnaa Saayinsii Biqilootaa baratee. bara 2014 eebbifame.

Rakkoo bishaan dhugaatii aanaa isaanii keessa jiru kan ijoollummaarraa keessatti guddatan a'uu kan dubbatu Ibraahim,maatii gargaaruuf yeroo baratan sa'aatii torba hanga saddeet deemanii bishaan waraabaa turuu yaadata.

Rakkoo kana karaa salphaan furuuf immoo karaa oonlaayinii warra Indiyaa, Paakistaanii fi namoota biyya biroorraas ialaalaa turuu dubbata.

Keessumaa jallisiirratti waan hojjetan akka argaa ture kan himu dargaggoon kun, "nuti garuu jallisiirrayyuu darbee rakkoo bishaan dhugaatii waan qabnuuf kanatuu na keessa bubbulee abjuu kiyya keessattillee akka hirmaachisu na godhe," jedha.

Yeroon Yunivarsiitii Haramaayaa deemetti barsiisota Indiyaa argachuu kan dubbatu Ibraahim, viidiyoon lammiilee isaanii mala salphaan bishaan baafatan dhukaa ta'uu isaanirraa mirkaneeffate.

"Ergasii qorannoo gochuun eegale, gadi fageenya meetira 12 hin caallerratti shaakaluun jalqabe. Isaan booda waggaa jaha dura mooraa maatii keessatti hojjedhee milkeessun amma sadarkaa biyyaatti babal'isuurran gahe," adeemsa ittiin kanarra gahe ibsa.

Bishaan tajaajila dhugaatiif oolu jalqaba akka baase kan himu Ibraahim, ollaan isaas isaan waliin fayyadamaa jiraachuu ibsa.

Bishaan tooftaa salphaan, baasii xiqqaa fi humna namaa muraasan

Iddoowwan hanqinni bishaanii jirutti tanaan dura bishaan baasuun baasii guddaa gaafata ture. Bishaan baasuun mootummaa fi dhaabbilee humna maallaqaa jabaa qabaniin malee hin yaadamu.

Hojii bshaan baasuu bajata guddaa maashinoota gurguddoo fi sochoosun bajata miliyoonota hedduu gaafatu salphisne jedha Ibraahim. Kalaqa isaa kunis akka adda godhu dubbata.

Akka Ibraahim jedhutti, kanaan dura bishaan karaa mootummaatiin, karaa NGO, karaa dhaabbata dhuunfaa, abbootii qabeenyaa tokko tokkoon hawaasa tokkoof, magaalaaf, baadiyyaaf baasii guddaan karoorri qabamee hojjetama. Kana jechuun, bu'aa bayii hedduu keessa darbameeti bishaan kan argamu.

"Asiin dura bishaan gadi fageenya meetira 50, 60 birrii miliyoona torba, saddeetiin baafamu nuti birrii kuma dhibba tokko, kuma dhibba lama waan hin caallen sadarkaa ittiin baafamurra geenye."

Kalaqni kun kan adda isa godhu, meeshaalee humna namaatiin socho'uu danda'u kunneen geejjibsiisuufis salphaa ta'an meeshaalee sasalphoo, ujummoolee, sibiila geejjibsiisuuf hin rakkifne akka fayyadamaniifi humna ibsaa faanas akka wal hin qabanne hima.

"Bifa salphaan, baasiii xinnaan, bakka kamittuu dalagamuutu adda isa godha. Kan biraammoo yeroo muraasa keessatti bishaan baha, " jedha.

Ibraahimii fi dargaggoota waliin iddoo bishaan baasutti

Madda suuraa, Ibraahim Alii

Ibsa waa'ee suuraa, Ibraahimii fi dargaggoota waliin iddoo bishaan baasutti

Bakka 100 olitti bishaan baafneerra, namoota 7,000 leenjifneerra

Ibraahim tooftaa isaa kanaan boolla tokko keessaa bishaan yeroo hagamii keessatti akka baasus gaafanneerra.

Bakka guyyaa afur hanga shanitti baasan jirachuu ibsuun, daree darbee bakka torbeefi guyyaa kudhanitti baasanis jiraachuu dubbata.

Akkaataa teessuma lafaarratti hundaayee bishaan gadi fageenya garaagaraarratti akka argamus hima. Finfinnee irratti dhaabbilee dhuunfaa fi warshaaleef akka galchan kan dubbatu Ibraahim, naannawa kanatti bishaan hanga gadi fageenya meetira 40-50 irratti akka argamu hima.

Hanga ammaa boolla bishaanii meeqa akka qotan kan gaafatame Ibraahim, baayyee waan ta'eef lakkoofsaan ibsuu akka hin dandneye himuun, tilmaaamaan garuu naannawaa Finfinnee fi Finfinnee dabalatee boolla bishaanii 100 ol qotuu dubbata.

Kun mana nama dhuunfaa, warshaalee, biiroolee mootummaa dabalata.

Boolla bishaanii tokko qotuuf humna namaa sadii hanga jahaa akka barbaadu hima.

"Nama dalagu tokkoo fi duubarraa nama nuu raasu nama sadi nu barbaachisa. Yoo meetira dheeraa ta'emmoo hanga nama shanii nama jahaa godhanna jechaadha."

Ibraahim hanga ammaatti namoota 7000 ta'an naannolee Itoophiyaa hundarra dhufan akka bishaan ofiin baafatan leenjisuu dubbata.

Ibraahim Alii

Madda suuraa, Ibraahim Alii

Namoonni guyyoota muraasa keessatti leenji'anii hojii kana dhuunfachuu akka danda'anis himeera.

Giddu-galeessaan nama tokko guyyaa sadii keessatti leenjisanii geessisuun akka danda'u ibsuun, leenjifamtoonni baayyeen rakkoo hawaasa keessatti argaa gudatan waan ta'eef dafanii baratu jedha.

Naannolee Oromiyaa (Irra caalaa Shaggar Siitii) giddugala godhatanii akka hojjetan kaasuun, Oromiyaa, Kibba Itoophiyaa, Giddugaleessa Itoophiyaa, Sidaamaa, Afaarii fi Somaalee kessatti akka hojjetan hima.

Hojiiwwan isaa namoota hedduuf tajaajila kennaa jiran gurguddoo jedhus BBC'f qoodeera Ibraahim.

Tokko tajaajila bishaan dhugaatii aanaa dhalootasaa Baakkoo Tibbeetti Raayyaa Ittisa biyyaaf hojjetedha.

Tajaajila kanaan bishaan dhugaatii aanaa Baakkoo Tibbee, ganda Bacarraa kanaan miseensonni raayyaa ittisa biyyaa dhibbaan lakkaawaman tajaajila argachaa jiru.

Miseensonni bakka kana turan asiin dura hanga KM 17, 20 deemanii bootteen waraabbachaa turan kan jedhu Ibraahim, guyyaatti yeroo hedduu bootteen bishaan deddeebi'u kanarraa isaan boqochiisuun amma mooraa isaanii keessatti tajaajila bishaanii dhiyeessufii dubbata.

Hojiin jabaan biraa inni eeru, Warshaa Nooraa Gudariif kan hojjete hojjettoota 200 oliif tajaajila kan kennudha.

Oomisha nooraa fi oomisha dhaabbanni kun oomishuufis maddi bishaanii inni qote faayidaarra ooluu ibse.

Kana malees, dhaabbilee dhuunfaa, manneen barnootaa, warshaalee garaagaraa fi namoota dhuunfaa hedduuf bishaan baasera.

Ibraahim bishaan inni baasu kun waggaa meeqaaf akka turus ibseera.

Boolli bishaanii waggaa ja'a dura baasan tajaajila kennaa jiraachuu kaasuu boolli bishaanii tokko waggaa tokkoof osoo addaan hin kutin kan bishaan maddisiisu yoo ta'e boolli sun umrii qaba waan ta'eef itti fufiinsi isaa gaaffii keessa hin galu jedha.

"Magaalaa Finfinnee fi naannawa isheetti boolla 100 ol qonne hundi kunuu tajaajila kennaa jira. Of eeggannoo fi bulchiinsa isa abarbaachisa," jedha.

Ibraahim Abdallaa yoo boolla bishaanii qotu

Madda suuraa, Ibraahim Alii

Ibsa waa'ee suuraa, Ibraahim Alii yoo boolla bishaanii qotu

Abjuu of duraa Ibraahim

"Karoorri kiyya dargaggoon inni magaalaa, magaalaarratti gurmaa'ee horsiisa lukkuu, gabbisa loonii, gaaguraa aadaarratti yoo hojjete inni guddaan bu'uurri bishaanidha.

Bishaan kun garuu inni duraan miliyoona torba saddeetiin bahu amma kuma shantama, kuma dhibbaan danda'ameera. Jijjiiramni kana caalu hin jiru."

Kanneen tajaajila Ibraahim kennurraa fayyadamanis hojii isaa ni dinqisiifatu. Obbo Jibriil nama Finfinnee jiraatan yoo ta'an, tajaajila bishaan jallisii argachuun itti fayyadamaa jiraachuu ibsan.

Eebbaa Adam Abduu namni jedhamu ammoo leenjii isarraa fudhachuun bishaan bakka hedduutti baasaa akka ture BBC'tti himeera.

Ibraahim hojii kanaan dhaabbilee hedduurraa galateeffatameera.

Waajjiraalee mootummaa aanaa hanga hedduurraas beekkamtii fi waraqaa deeggarsaa argateera.

Baankiin Hijraa ji'a 6 dura badhaasa dorgomtoota namoota yaada kalaqaa dorgomsiiseen Ibraahim kanneen injifatanii badhaafaman shan keessaa tokko ta'ee badhaafameera.