Ameerikaan ammallee Iraan haleeluu dandeessi-Tiraamp

Madda suuraa, Reuters
Prezidaant Doonaald Tiraamp qoqqobbii Iraan irraa kaafamuuf karoorfame kuffisuun, Teehiraan Yuuraaniyeemii sadarkaa yaaddessaa ta'etti gabbisuu kan itti fuftu yoo ta'e irra deebin Iraan irratti boombii darbachuuf akka yaadan ibsaniiru.
Traamp dubbii hogganaan olaanaan Iran Ali Khamani ''Iraan Ameerikaa adabdeetti, ''jedhaniif deebi kana kennan.
Waraana guyyoota 12f Israa'el waliin ture booda Ameerikaan iddoowwan niwukilaraa Iraan boombiin haleelu hordofee Iraan buufata guddaa U.S. Qaxar keessatti argamu haleeltee turte.
Ali Khamani haasawa tibbana taasisaniin Iraan gonkumaa harka hin kennachiisuun hin danda'amu jedhan
Tiraamp ammoo lubbuu Khamanei baraareera jedhu. Qondaaltonni U.S. waxabajjii 15 Rooyitarsiif akka himanitti, Traamp karoora Israa'el hogganaa olaanaa kana ajjeesuuf qabdu irratti mormanii ture.
Ani bakka inni Dhokatee jiru Sirriiittin beeka Israa'el, ykn Humni Waraanaa U.S., jireenya isaa adda kutaa akka biyyisaa diigamtu garuu hin hayyamu," jechuun Tiraamp barreeffama miidiyaa hawaasaa irratti barreessanii ture.
Iraan waliigaltee niwukilaraa ta'uu danda'u "dubbii kabaja dhabuu Hogganaa Olaanaa kanaaf Ameerikaan qabdu irratti kan hundaa'e ta'uu ibsiteetti.
Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Aragachi "Pireezidant Tiraamp dhuguma waliigaltee barbaaduyoo ta'e, sagalee kabaja hin qabnee fi fudhatama hin qabne Iraan fi hogganaa Iraan irratti dqrbachuu irraa of qusachuu qabuu jedhan
Traamp ammoo guyyoota darban keessa qoqqobbii Iraan irra kaa'amee ture kaasuun akka danda'amu irratti hojjechaa akka turan ibsanii, amma karoora sana akka dhiise dubbateera.
"Ibsa aarii, jibbaa fi arrabsoonatti roobsan, battaluma sanatti hojii qoqqobbii hir'isuu fi kan biroo hundallee dhiise," jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Traamp ibsa gaazexeessitootaaf Waayit Haawusitti kennaniin, yoo barbaachisaa ta'ee argame iddoowwan niwukilaraa Iraan irratti boombii haaraan darbachuu akka danda'u yeroo gaafataman, Iraan irra deebi'anii haleeluun akka hin hafne dubbataniiru.
"Dhugaadha, shakkii tokko malee, murteessadha," jedhan
Tiraamp ogeeyyiin Ejensii Annisaa Atoomikaa Idil-addunyaa - dhaabbata niwukilaraa UN dhuma torban darbee iddoowwan niwukilaraa Iraan erga boombii itti darbatamanii booda sakatta'uu akka danda'an akka barbaadan dubbataniiru.
Tiraamp miidhaan iddoowwan kanarra gahe cimaa akka hin turre yaada dhihaate kamiyyuu kuffisaniiru.
Hogganaan IAEA Raafaa'eel Giroosii Roobii darbe akka jedhanitti, erga Israa'el Waxabajji13 boombii darbachuu jalqabdee as tokkollee waan hin raawwatamneef, sakatta'iinsi IAEA akka deebi'ee jalqabu mirkaneessuun hojii dursaa isaanii ta'uu himan.
Haa ta'u malee, paarlaamaan Iraan sakatta'iinsa akkanaa akka addaan kutuuf tarkaanfii Roobii darbe raggaasiseera.
Araqachi Jimaata darbe akka jedhanitti Teehiraan gaaffii itti gaafatamaan dhaabbatichaa iddoowwan niwukilaraa Iraan daawwachuuf dhiyeessan kamiyyuu diduu akka dandeessu ibsaniiru.
Traamp akka jedhanitti Iraan ammallee waa'ee karaa fuulduraa irratti marii barbaaddi.
Waayit Haawus Kamisa darbe akka ibsetti hanga ammaatti mariin biraa U.S fi jila Iraan gidduutti hin beellamame.












