Atileetonni Tigraay 70 ta'an sababa waraana tureen du'an

Waraanni waggaa lamaaf naannichatti gaggeeffamaa wayita turetti atileetonni naannichaa lakkoofsan 70 ol ta'an du'uu Federeshiniin Atileetiksii Naannoo Tigraay BBCtti hime.

Atileetota qofa osoo hin taane leenjistoonnifi hojjattoonni biroollee du'uu pirezedaantii Federeeshinii Atileetiksii Naannoo Tigraay kan ta'an Obbo Kidaanee Gabragzaaber dubbatu.

"Leenjistoota, atileetotaafi gaggeessitoota waldaalee atileetiksii Tigraay keessa jiran irraa gabaasa qabna ture. Maqaasaanii hundatu nuu kenname. Atileetonni gara fuulduraatti biyya kana bakka bu'an 76 du'aniiru.

"Leenjistoonni lamaafi hojjattoonni biroo lama du'aniiru," jedhan Obbo Kidaanee Gabragzaaber.

Qondaalli federeeshinii atileetiksii kun akka jedhanitti atileetonni sababa waraana naanichatti waggaa lamaaf gaggeeffameen du'an dargaggootafi dorgommiiwwan kan naannoo, biyyoolessaafi idil-adunyaarratti hirmaataa turaniidha.

"Bu'uuraalen ispoortii Tigraay keessa jiru guutummaan bifa jedhamuu danda'amuun manca'eera. Isaan keessaa Gidu Gala Atileetiksii Mayicawu tokko yoo ta'u, mancaatii birrii miliyoona 30 oliitu irra gahe," jechuun haleellaa meeshaalee waraanaa gurguuddaan gamoonsaa diigamuu ibsan.

Atileetota du'an keessaa hedduunsaanii namoota nagaafi hirmaanna waraanaa kan hin qabne ta'uu himuun, "muraasni isaanii hidhatanii lolatti makamuu akka hin oolle" jedhan.

"Garuu, waraanichi atileetota keenya nu dhabsiise," jedhan Obbo Kidaanen.

Sababa waraana Tigraayitti gaggeeffamaa tureen atileetonni heddu du'uufi bu'uraalen ispoortii heddu manca'uurraa kan ka'e sochiin ispoortii naannichatti xiqqaataa dhufuu himu.

“Atileetota [Tigraay] kan amma biyya bakka bu'anii dorgoman yoo ilaalte, kanneen osoo waraanni hin eegalin dura Tigraayii bahaniidha. Tigraay atileetota gaarifi abdachiisoo ta'an qabdi turte," jechuun atileetota argachuuf dorgommii gaggeessanillee atileetonni sababa waraana waan du'aniif hanga barbaadan akka hin arganne himu.

Yeroo ammaa atileetonni dhalattoota Tigraay ta'aniifi Itoophiyaa bakka bu'uun dorgommiirratti hirmaatan Gudaf Tseggaay, Litasanbat Gidaay, Goyitetom Gabrasillaasee fa'aadha.