Keeniyaatti matta'aan filattootaaf kennamu hanqina nootii qarshii uume

Baankota Keeniyaa keessatti hanqinni nootii shilingii biyyattii abba 100 fi 200 mudachuu ministirri biyyattii himan. Kunis kan ta'eef sababa matta'aa filattootaaf kaffamuuni jedhan.

Filannoo biyyaalessaa torbanoota booda raawwatuuf dorgomtoonni qarshii callaa (cash) filattootaaf kaffalu.

"Namoota maallaqa korojootti baatanii, lammiilee hiriira galaniif kaffalan agarta, shilingii 200 kennuuf," jedhan ministirri dhimma keessoo Fireed Maatiyaangii AFPtti yoo dubbatan.

"Namoonni hojjechaa hin jiran. Cal jedhanii daandii qarqara dhaabbatanii namoota maallaqa seeraan alaa gara seera qabeessatti jijjiiran irraa shilingii 200 eeggatu" jedhan.

Namoonni yakka diinagdee keessaa harka qaban haala kanaan qarshii seeraan alaatiin sagalee kan bitatan yoo ta'e, paarlaamaan biyyattii itti aanu harka namoota kanaa keessatti kufuu mala jechuunis ministirichi akeekkachiisan.

Kun qabsoo malaammaltummaa irratti godhamus ni danqa jedhan.

Kana kan jedhan walgahii maallaqa seeraan alaa seera qabeessatti deebisuu (money laundering) fi shororkeessummaa maallaqaan deeggaruu (terrorism financing) ittisuuf qophaa'e irratti yoo dubbatanidha.

Namoonni maallaqa seeraan alaa gara seera qabeessaatti jijjiiran akkasumas qarshii sobaa daddabarsan yoo filataman, itti gaafatamummaa jalaa bahuuf jecha seera biyyattiirraan dhiibbaa geessisuu danda'u jedhan.

Filannoon Keeniyaa yeroo hedduu imaammata ykn yaadama siyaas-diinagdee irratti osoo hin taane eenyumma namoota dhuunfaa fi maallaqa irratti bu'uureffata. Kan bara kanaas sanirraa adda miti.

Hagayya 09 lammileen Keeniyaa pireezidantii, paarlaamaa fi bulchitoota kutaalee biyyaa haaraa filatu.

Matta'aa filattootaaf kennamu dabalatee maallaqi duula na filadhaaf bahaa jiru guddaa yoo ta'u, maddi maallaqa kanaa gaaffii kaasaa jira.

Ogeeyyiin akka jedhanitti namoonni maallaqa seeraan alaa gara seera qabeessaatti jijjiiranifi yakkamtoonni sirna to'annoo biyyattii laafaa ta'etti fayyadamuun duula na filadhaa namoota siyaasaa deeggaraa jiru jedhu.

Kun ammoo amanamummaa filannoo Hagayyaa irratti gamanumaan gaaffi kaasaa jira.

Waliin dhahuu fi maallaqni sobaa yakka maallaqaa gurguddaa Keeniyaa keessati raawwataman ta'uu gabaasni Roobii bahe ni mul'isa.