Humnootiin Israa'el loltoota haamaas daangaa keessaa baasuuf lolatti jiru

Looltoota Israa'eel

Madda suuraa, AFP

Humnootiin nageenyaa Israa’el lammiilee butamuun looltoota Filisxeemiin Gaazaa keessaa fudhatan deebiisuufi eddoowwan guyyaa Sambataa qabatan keessaa baasuuf oppareshiin gaggeessaa jiru.

Waraanni biyyattii loltoonni eddoowwan 22 deebiifachuu Dilbata ganama kan hime yoo ta’u, garuu bakkeewwan saddeeti gara biraa ganaa hin geenye.

Haleellaa akka tasaa hidhattoota Haamaas dhibbaatamaan lakkaa’amaniin, haguuggii rookkeettii waliitti fufee jalatti raawwatameen, namoonni 1,000 ol Israa’el fi Gaazaa keessatti ajjeefamun gabaafame.

Haleellaa qilleensaa Israa’eliitiin ammoo namoonni 370 ol Gaazaa keessa ajjeefaman.

Akkasumas loltoonni Haamaas 400 kan ajjeefaman yoo ta’u, hedduun tibba Israa’el keessatti lolaa turaniitti to’atamuu waraanni Israa’el beeksiise.

Erga wagga 50 kan bara Yoom Kippar as israa’eel Sambata namoonni hedduu itti ajjeefamanitu mudate.

MM Israa’el Beenjaamiin Neetaanyaahu, alkan Sambataa Israa’el ‘‘waraanaa dheeraafi cimaa’’ keessa seente jedhan.

Akkasumas Haamaas kan Gaazaa bulchuu bakkeewwan dahammoosaa gara gamoowwan jijjiganiitti akka jijjiru akeekkachiiseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hoogganaa Haamaas Ismaa’il Haaniyeeh ammoo ‘‘qarqara injifannoo olaanaattiin’’ argaman jedhe.

Haleellichis barii Sambataa yeroo Sambataa Jewushootaafi ayyaana Simchat Torah’tti eegale.

Hidhattoonni Haamaas dallaa cimaa daangaa Gaazaa sararuu cansuudhaan gara kibba Israa’el mootaraan, karaa baarachutiifi galaanaan seenan.

Akka dubbii himaa waraanaa Israa’eliitti, milishoonni dhibbaa baayyeen kan lakkaa’aman yoo ta’u, rookkeettiiwwan 3,000 Israa’eel guuttiit gara magaalootaa guyyaa guutuuf dhokaafaman.

‘‘Isaanis hawaasa Israa’el hedduufi buufataalee waraabaa kan haleellan yoo ta’u, mana manarra deemaa turan,’’ jedhan Lt. Koleeneel Jonaataan Konriikuus alakan Smabataa.

‘‘Lammiilee nagaa Israa’el gara jabinaan mana saaniitti ajjeessuun, achiinis namoota naafi looltoota humnaa gara Gaazaatti harkiisuu itti fufan.’’

Ministeerri fayyaa Israa’el ifatti namoonni meeqa akka ajjeefamna hin mirkanneessine, garuu Chaanaaliiwwan TV baay’inni du’aa 600 darbu gabaasan. Lakkoofsi walfakkaataan Waajjira Pireesi mootummaattiin Facabook gubbaatti eerameera.

Alkan keessas humnootiin nageenyaa israa’eel namoota hedduu butaman kan baraaran yoo ta’u, namoonni gara 50 ta’an hawaasa ciqqoo tokko keessatti bakka irbaataatti ukkaamfamanii turan.

Milshoonni magaala Sideroti keessatti buufata poolisii to’atanii turan 10 ajjeeffamaniiru.

Hawaasa dhiheenya Gaazaatti haramu keessatti gaman Dilbataa guuttuu dhokaasni itti fufee ture.

Dhiheenya magaala Ashkelooniitti ammo humnoonni Israa’el hidhattoota Filisxeem hedduu konkolaataa hatamaniin ari’uun, haala sukkanneessaa ta’een daandii guddaarratti ajjeessaa turan.

Raayyaan ittisaa Dilbata ganama eeddoowwan 22 humnoota nageenyaatiin to’atamuufi eddoowwan saddeetti kan loltoonni mana manarra deemuun ‘shororkeessota irraa bilisa’’ ta’u mirkaneessu haafu gaaxessitootatti hime.

Namoota jijjigaa jala yoo baasan

Madda suuraa, Reuters

Sideroot fi hawaasa dhiheenya Kibbutz Kifaa Azaa keessatti loltoonni gareen butaman kan biraa bilisa baasuuf looluuf jira jedhe.

Jiraattoonni dhiheenya adda Gaazaa jiraatan ammo baafamaniiru.

Nageenya looltoota, dubartootaafi daa’imman dabalatee namoota nagaa Hamaasiin Gaazaa keessaa butamaniif yaaddoon cimeera.

Firoonni maatiinsaanii bakka buuteen dhabames buufataalee poolisiitti dhiyaachuun samunni qaccee sanyii akka fudhatamu gaafataman.

No’aa Argaamaanii kan umuriin wagga 25 fi hiriyaan dhiiraashee Avinaataan Or kanneen qophiirraa butaman dhibba keessaatti argamu.

Waraabbiin viidiyoo miidiyaa hawaasaa irratti maxxanfama akka mul’isaniitti, shamarree Argaamaaniin yeroo milishootaan mootaraan Gaazaa keessaa fudhatamteetti sodaadhaa yoo iyyitumullatti.

Hiriyaanshee Amiit Paarpaaraan BBCtti akka himeetti, osoo haleellaan gaggeeffamu ergaa hedduun ergiiteefii turte.

‘‘Jalqaba No’aa waliin kan wal qunnamne sa’aatii 06:30 irratti yeroo rookkeettiin eegalu,’’ jedha. ‘‘Isheenis bakka jiruu teessoo ishee naaf qoodde, akka namni ta’e isheefi hiriyaashee baraaruuf jecha. Boolla keessatti dhokattee turte.’’

"Gara sa’aatii 08:30 ture ergaa dhumaa kan nan irraa qaqabe. Akka tasgabooftuuf itti himaan ture. Poolisii fi waraana quunnamuuf yaalee ture akka baakka jirtu adda baasuun isaan barbaaraniif jecha,’’ jedha.

"Sa’aatii wallakkaan booda garuu, viidiyoo isin gartan sanan arge…attamiin akka sodaatte ifatti argu dandeessu.’’

Aab Neetaanyaahuu nageenyummaa lammiilee Israa’eel Hamaas buteef akkeekkachiisuun yoo ‘‘riifeensi mataasaanii takka buqqaatee garuu tarkaanfii cimaa fudhanna’’ jedhan.

‘Gaazaa keesssatti bakka hundatti du’a agarta’

Dr Khaamis Elesii, oggeessa dandamannaa dhukkuba sammuu (neuro-rehabilitation) fi gorsaa wallaansaa dhukkubbii magaala Gaazaa keessa bu’urreeffatan, haallii cimaa ta’u akka ture BBCtti himan.

‘‘Gaazaa keessa bakka kamu yoo deemte du’aafi awwaalcha agarta. Gamoowwan jijjigan agarta. Akka waan dhuma addunyaa kanaa fiiliimiidhaa argaa jirtuu fakaata,’’ jedhan.

"Daa’immanni iyyaafi bohaa jiru, ibsaa ammo hin jiru. Intarneetii hin jiru. Akka waan kan itti aanu si ta’eetti yaadda.’’

Kaabineetiin Nageenya Israa’eel haamaas irratti haaloo bahuuf jecha, Gaazaa irraa ibsaa,meeshaaleen akka hin seennee fi dhiyeessitii boba’aa adda kutan.