Mirgi himatamuu dhabuu maaliif bakka bu'oota uummataaf kennama? Akkamiin ammoo mulqama?

Madda suuraa, FBC
Paarlaamaan Itoophiyaa yaa'ii idilee 13ffaa Kibxata- Ebla 04, 2023 taa'een miseensa paarlaamichaa Dr Caalaa Waataa irraa mira himatamuu dhabuu mulqeera.
Heera mootummaa Dimokiaatawaa Federaalawaa Itoophiyaa keewwata 54 jalatti akka tumametti bakka bu'aan uummataa tokko hanga yakka ulfaataa hojjetee harkaa fi harkatti hin qabamnetti yakkoota xixiqqoon himatamuu hin danda'an.
Ogeessi seeraa Obbo Tuulii Baayyisaa biyya tokko keessatti aangoo mootummaa olaanaarra namoonni jiran- kanneen akka miseensota Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa, daanyota, fi miseensonni hawaasa dippiloomaasii mirga himatamuu dhabuu qabu jedhu.
''Ta'us mirgi kun haala ittiin daangeffamu qaba. Fakkeenyaaf, heera mootummaa keewwata 54 jalatti miseensonni paarlaamaa mirga himatamuu dhabuu qofa osoo hin taane mirga to'atamuu dhabuus qabu jedha.
Garuu yakka cimaa raawwatanii yoo irratti mirkanaa'e himatamuu akka danda'anis ni eera,'' jedhan Obbo Tuuliin.
''Yakki irratti dhihaatee ragaadhaan deeggaramee erga mirkanaa'ee booda Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatti dhihaatee akka mirgi himatamuu irraa kaafamu ni taasifama.''
''Haala kanaan mirgi himatamuu dhabuu fi to'atamuu dhabuu irraa mulqamee, himatamuu fi to'atamuu danda'u,'' jechuun ibsu ogeessi seeraa kun.
Heerri mootummaa yaada bu'uuraa kaa'e malee yakkoonni jajjaboon miseensota paarlaamaa himachiisuu danda'an maalfaa akka ta'an bal'inaan hin eerre.
Ogeessi seeraa Obbo Tuulii Baayyisaa akka jedhanitti yakkoonni ciccimoon akka ajjeechaa, saamicha, gudeeddii, malaammaltummaa, dirqisiisanii butuu fi kanneen walfakkaatan miseensa paarlaamaa himachiisu.
Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaatti hoogganaa Itti Aanaa fi Itti Gaafatamaa damee Hariiroo Hubannoo seeraa kan ta'an Mallasaa Abbaayinaa, mirgi himatamuu dhabuu fi qoratamuu dhabuu miseensota bakka bu'oota uummataa naannolee fi federaalaaf kan kennamuudha jedhan.
'Mirgi kun kan kennamus kan mulqamuufis faayidaa uummataaf jecha'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mirgi himatamuu dhabuu fi seeraan to'atamuu dhabuu miseensota Mana Maree Baka Uummataaf kan kennamu faayidaa uummataaf akkuma ta'e wayita mulqamus faayidaa uummataaf jedhameeti jedhan Obbo Tuuliin.
''Namoonni kunneen uummata hedduu bakka bu'anii faayidaa uummataa mirkaneessuuf waan achi jiraniif salphaadhumatti akka hin himatamne, hin hidhamne golgaa seeraa argataniiru.''
Akkuma kana yakki isaan raawwatan dantaa uummataa kan hubu yoo ta'e, ragaan qabatamaa yoo irratti qindaa'e golgaaseeraa kana jalaa ni baafamu jedhan Obbo Tuuliin.
''Kanas yoo ta'e ammoo miseensonni paarlaamaa irratti falmuun itti amanuu qaba.''
Yaadi yookiin motion gosa kamuu yoo paarlaamaatti dhihaatu miseensonni falmii gaggeessuun ifa gochuu qabu kan jedhan Obbo Tuuliin, dhimma mirga himatamuu dhabuu kaasuu irrattis akkasuma jedhan.
''Tokkoffaa yakki raawwatame jedhame cimaadhamoo salphaadha kan jedhu, kan lammataa ragaan dhihaate agarsiistuu yakkichaa ta'uu manni marechaa irratti dubbachuu qaba.''
Miseensotas ta'e miseensi himannaan irratti akka dhihaatu taasifame falmii gaggeessuun waan amansiisaarra erga gahanii booda yaadi dhihaate raggaasifamuu qaba jedhan ogeessi seeraa kun.
''Miseensi himatame adeemsi ittiin ofirraa falmachuu danda'u ifatti hin jiru. Biyyoonni biraa kan dursanii barreeffamaan yaada akka kennan taasifaman jiru. Biyya keenyatti haalli kun hin jiru. Garuu yaada yoo kenne dhagahuun waan miidhu hin qabu.''
Obbo Mallasaan gamasaaniin mirgi kun dantaa namoota dhuunfaaf (bakka bu'oota) kan kenname miti jedhu.
''Bakka bu'ummaa uummataa olaanaa waan qabaniif salphaadhumatti qaamni raawwachiisaan to'achuun dhiibbaa irraan ga'uu akka hin dandeenye tika isaaniif kennameedha.''
''Namni yoo xiqqaate uummata kuma 100 bakka bu'ee jiru kun paarlaamaa keessa wayita jirus ta'e bakka fedhettuu dantaa uummataa tarkaanfachiisa (yaada uummata bakka bu'ee dubbata) waan ta'eef himachuun, to'achuun, qorachuun hin danda'amu,'' jedhu aanga'aan seeraa kun.
Miseensi paarlaamaa Obbo Caalaa Waataa yakkoota cimoodha jedhamanii eeraman keessaa yakka malaammaltummaatu irratti dhihaate.
Obbo Mallasaan yakki malaammaltummaa yakka mirga himatamuu dhabuu namarraa mulqisiisu ta'us garuu ragaa amansiisaan dhihaachuu qaba jedhan.
Koree dhaabbiis ta'e miseensonni paarlaamaa kaan dhimma kana raggaasisuun dura sirriitti irratti falmuun dhimmicha hawaasaaf ifa gochuu qabus jedhan.
Miseensi mirgi himatamuu dhabuu irraa mulqame tokko yakka ittiin himatamerraa bilisa yoo ta'e bakkasaati deebi'uu danda'a jedhan Obbo Mallasaan.












