Aadde Lalisee Dassaalany Pirezidantii Mana Murtii Olaanaa Federaalaa ta’un muudaman

Madda suuraa, EBC
Aadde Lalisee Dassaaleny Pireezidantii Mana-Murtii Olaanaa Federaalaa, Aadde Zaaraa Umar Pireezidantii Itti-Aantuu mana murtichaa ta'uun muudaman.
Manni-Maree Bakka Bu'oota Uummataa Itoophiyaa Yaa'ii Idilee 13ffaa Kibxata har'aa (Ebla 4, 2023) taa'een muudama hooggantoota kunneenii raggaasiseera.
Yaa'iin kun dhimmoota sadi ilaaleera.
Isaanis: Qaboo yaa’ii idilee 12ffaa bara hojii lammaffaa mana-maree bakka bu’oota uummataa ja’affaa raggaasisuu.
Bakka aanga’oota fedhiisaaniin aangoo gadhiisanii muudamoota eeraman irratti mari’achuun yaadota murti raggaasisuu
Akkasumas miseensa tokkorraa mirga himatamuu dhabuu kaasuu fi Wiixinee labsii dhaabbilee misooomaa mootummaa irratti mari’achuun gara koree dhaabbii dhimmi ilaaluutti dabarsuudha.
Muudama Pirezidantii fi Itti-Aanaa kan dhiheessan Pireezidantiin duraanii Mana-Murtii Olaanaa Federaalaa Obbo Tasfaayeen, akkaataa heera mootummaa keewwata 79, keewwata xiqqaa 4 tiin abbootiin seeraan yeroo sooramaa isaanii osoo hin ga’in sababoota sadiin hojii gadhiisuu danda’u jedhan.
Isaanis naamusa, haala fayyaa fi fedhiidhaani.
Akkaataa Kanaan daanyaan hojii gadhiisuu barbaadu barreeffamaan Yaa’ii Bulchiinsa Daanyotaatti iyyata.
Yaa’iin daanyotaa ammo namoota hojii gadhiisan bakka bu’uu kan danda’an secca’ee erga adda baasee booda Ministira Muummeef dhiheessa.
Ministirri Muummee ammoo yaada murtee kana Mana-Maree Bakka Bu’oota Uummataaf dhiheessuun akka muudama mirkaneessu taasisu.
Bu’uuruma Kanaan Aadde Lalisee Dasaaleny Pireezidantummaaf, Aadde Zaaraa Umar ammo Itti-Aantuu Pireezidantii ta’uun kaadhimaman.
Manni-Maree Bakka Bu’ootaas muudama Pireezidaantii Mana-Murtii Olaanaa Federaalaa Aadde Lalisee Dassaleny fi Pireezidantii Itti Aantuu Aadde Zaaraa Umar sagalee caalmaan raggaaiseera
Hooggantoonni mudaman eenyu?
Aadde Lalisee Dassaaleny ALI bara 1994 Yuuniversitii Finfinneerraa barnoota seeraan digirii jalqabaa argatan.
Bara 2001 ammoo bulchiinsa Jijjiiramaan digirii lammataa (MA) argatan.
Bara 1994 Mana-Murtii Waliigalaa Oromiyaatti gargaartuu Daanyaa ta’uun hojii eegalan.
Bara 1995 hanga 1999tti Mana-Murtii Olaanaa Godina Wallaggaa Bahaa fi Godina Addaa Adaamaa daanyaa ta'uun hojjetaniiru.
Bara 2000 hanga 2005 Pireezidantii Mana-Murtii Olaanaa Godina Addaa Adaamaa, akkasumas bara 2005 hanga 2007tti Mana-Murtii Waliigalaa Oromiyaatti daanyaa ta’uun tajaajilaniiru.
Bara 2007 hanga 2008 ammoo Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti daanyummaan, bara 2008 hanga 2011tti Pireezidantii Itti Aantuu Mana Murtichaa ta’uun hojjetaniiru.
Bara 2011 hanga ammaatti Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti daanyaa ta’anii hojjetaa jiru.
Muudamni Aadde Lalisee Dassaalenyi sagalee mormii malee, sagalee callisaa lamaan, sagalee caalmaan ragga'eera.

Madda suuraa, EBC
Pireezidantii Itti-Aantuu Mana-Murtii Olaanaa Federaalaa ta'uun kan muudaman Aadde Zaaraa Umar bara 1993 Yuuniversitii Siivil Sarvisii Itoophiyaarraa barnoota seeraan digirii jalqabaa argatan.
Bara 1993 hanga 2008 Mana-Murtii Waliigalaa Naannoo Somaaleetti daanyaa ta'uun hojjetaniiru.
Hanga ammaatti ammoo Naannoo Somaaleetti Komishinii Nagaa fi Araaraatti gargaartuu Komishinaraa ta'uun tajaajilaa jiru.
Manni-Maree Bakka bu'ootaa muudama Aadde Zaaraa sagalee mormii lamaan sagalee caalmaan raggaasiseera.
Daanyonni Itoophiyaa maaliif hojii gadhiisu?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yeroo dhihoo aangoo olaanaa Mana-Murtii biyyattiirraa baqachuun heddummaataa jira.
Ji'a afur duras Pireezidantii fi Pireezidantii Itti Aanaan Mana Murtii Waliigalaa Itoophiyaa aangoosaanii gadhiisanii turan.
Aadde Ma'aazaa Ashannaafii fi Itti Aanaan isaanii Obbo Solomoon Araddaa fedhii isaaniin aangoo gadhiisan erga jedhamee booda bakkasaanii Obbo Tewoodiroos Mihrat fi Abeba Imbiyaalee muudamaniiru.
Dhimmi kun akka isaan yaaddessu miseensi paarlaamaa gaafataniiru.
Haalli kun walabummaa mana murtii waliin walqabata yaaddoo jedhu kan kaasan miseensi kun Manni Maree kun dhimma kana akka sakatta'u yaada dhiheessan.
Kun qaamni hoji raawwachiistuu mootummaa walabummaa daanyotaa keessa seenaa jiraachuu waan akeeku ta'uu kaasan.
Yeroo dhihoo as wanti argaa jirru murteen daanyotaa qixa sirrii ta'een hojiirra oolaa aka hin jirreedha jedhan miseensi kun.
Murteen mana murtii poolisiidhaan hojiitti hiikamuu wayita dhabu argaa jirra jedhan.
Haalli kun tarkaanfii daanyonni fudhataa jiran irratti hagam dhiibbaa uumeera kan jedhu sakatta'amuu qaba jedhan.
''Ariifannee waan kana raggaasisuutti fiiguu dura Koreen Dhaabbii dhimma kana ilaalu sirriitti rakkoo jiru qorachuu qaba.''












