Pirezidaantiifi Itti aanaan mana murtii waliigalaa aangoo gadhiisuun haaraan muudaman

Obbo Teediroo fi Aaddee Ma'aazaa

Pirezidaantin mana murtii waliigaala Itoophiyaa Aadde Ma'aazaa Ashannaaffii fi Ittaanan isaanii Salamoon Araddaa (Dr) fedhiisaanitiin aangoo gadi dhiisanii bakka isaanii ammoo haaraan mudaman.

Waggoota arfan darbaniif pirezidaantummaan mana murtichaa hogganaa kan turan Aaddee Ma'aazaan fedhiisaanitiin aangoo gadhiisuu hordofes bakka isaanii pirezidantii haaraan mudamaniiru.

Angawoonni lamaan kunneen si'a tokkotti aangoo gadi dhiiisuun sababiin isaanii maal akka ta'e ilaalchisee ammatti waanti jedhame hin jiru.

Pirezidaantii fi ittaanaa pirezidaantii mana murtii waliigala Itoophiyaa aangoo gadi dhiisuu hordofee, Obbo Teewodiroos Mihirat Pirezidaantii, mana murtiichaa gochuun manni maree bakka bu'oota uummataa yaa'ii har'a Amajjii 17, 2023 taa'een mudeera.

Yaa'ii kanaan manni maree bakka bu'oota uummataa Adde Ababaa Imbiala itti aantuu pirezidaantii mana murtii walii galaa Itoophiyaa akka ta'aniif yaada dhiyaate sagalee guutun akka raggaasise miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.

Pirezidaanti fi ittaanaa pirezidaantii mana murtii waliigala Itoophiyaa haaraa muudaman har'a parlaamatti dhiyaachuun waadaa galanii jiru.

Aadde Ma'aazaa Ashannaafii bara 2018 yeroo Muummee Ministeeraa Abiy Ahimad gara aangootti dhufan pirezidaantii mana murtii walii galaa ta'uun muudaman.

Aadde Ma'aazan osoo pirezidaantii mana murtii ta'anii hin muudamin dura aktivistii mirgoota dubartootaa ta'uun sirna haqaa Itoophiyaa keessatti jijjiiramni akka dhufuufi mirgoonni dubartootaa akka kabajamaniif hedduu falmaa turan.

Akkasumas abbaa alangaa mana murtii olaanaa ta'uunis tajaajilaniiru. Itti aansunis Waldaa Abbbootii Alangaa Dubartoota Itoophiyaa hundeessun dubartoonni deeggarsa seeraa bilisaa akka argatan hojjataa turan

Bakka Adde Ma'aazaa Ashannaafi bu'uun pirezidaantii mana murtii walii gala Itoophiyaa ta'uun har'a kan muudaman Obbo Tewodiros Mihirat ammoo ogeessa seerati.

Obbo Salamoon Araddaa Mana bara 2022 keessa Murtii Ijibbaataa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii keessa abbaa seeraa ta’anii akka tajaajilaniif filamunsaanii ni yaadatama.