Yeroo dheeraa hawaa keessatti dabarsuun qaama namaarratti jijjiirama akkamii fida?

Qorattoota hawaa

Madda suuraa, Alamy

Takkaa deemamee hawaarra guyyaan turame rikkardiin amma jiru guyyoota 437 yoo ta'u, turtii hawaarratti dabarsuutiin qaama dhala namaarratti jijjiirama akkamiitu akka ta'u ilaalamaa jira.

Yeroo dheeraa orbiitii keessa turuun qaama qorattoota hawaarratti haala ajaa'iba ta'een jijjiirama fida; maashaa isaaniirratti, sammuu isaaniirratti, kanarra darbeeeyyu baakteeriyaa marrummaan isaanii keessa jirurrattiyyu jijjiirama fida.

Astiroonoomeroonni Sunii Wiliyaams fi Baach Wilmoor hawaa keessa ji'a sagaliif turra jedhanii hin yaadne ture yeroo deeman.

Xiyyaar-samii Boeing Starliner koranii yeroo Waxabajji 2024 gara Buufata Hawaa Idil-addunyaatti (ISS) qajeelan guyyoota saddet qofa turanii deebiyuuf ture.

Haata'u malee, xiyyaar-samiin sun rakkoo tekinikaa ishee mudateen jara kana achuma keessatti dhiistee isaan malee gara Dacheetti deebite. Sababa kanaan, turtiin isaanii kan karoorfameen ol dheerateera.

Gara hawaatti imaluun qorattoota kanaaf haaraa miti. Hundi lamaan isaanii astiroonoomeroota muuxannoo qabanidha.

Haata'u malee, lafa haaraa ta'e, humni harkisa lafaa (gravity)n bakka keessa hin jirre keessatti yeroo turtii dheerataa deemuun qaama isaanii miidhuu danda'a. Jijjiirama qaama namaarratti mul'achuu danda'u, warra yeroo dheeraaf achirra ture ilaaluu qabna.

Hanga ammaatti imala tokkoon yeroo dheeraan turame kan astiroonaatii NASA Firaank Ruubiyoo lammii Ameerikaa yoo ta'u, ISS keessa guyyoota 371 ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ruubiyoon turtii USn galmaa'e guyyoota 355 ture kan caaluu danda'eef Bitootessa 2023 xiyyaar-samii inniifi waahellan isaa ittiin imalan waan dhimisteef isaan dhiistee deebiyuuf dirqamte. Isaan booda Onkoloolessa 2023 ture kan Dacheetti deebiye.

Ji'oota dabalataaf hawaa keessa turuun Ruubiyoon naannoo Dacheerra orbiitii 5,963 akka naanna'u isa kan dandeessise yoo ta'u, kun ammoo akka inni kiiloomeetira miliyoona 252.3 deemu isa taasiseera.

Akka addunyaatti turtii hawaa keessaa jiru kan lammiin Raashiyaa Vaalerii Poliiyaakov baroota 1990 keesa guyyoota 437 hanqatus muuxannoo addaa argateera.

Fulbaana bara 2024 astiroonaatonni Raashiyaa lama – Oleeg Kononeenkoo fi Nikoolaay Chuub yeroo dheeraaf hawaa keessa kan turan yoo ta'u, guyyoota 374f ammoo oorbiitii keessatti dabarsaniiru.

Jarri kunneen lamaan xiyyaar-samii Soyuz MS-25 jedhamtuun astiroonaatii US Tiraasii Dayisan jedhamu ji'a ja'a achi ture waliin ISS keessaa Dacheetti deebiyan.

Kononeenkoon fuula ifaatiin yeroo Dacheerra gahu warra xiyyaar-samii keessaa isa baasuuf isa marsaniin mallattoo mo'ichaa agarsiisuuf quba guddaa isaa ol qabe. Kan marsaa gara garaa deemeen walumaagalatti turtii guyyoota 1,111 ta'u hawaarratti dabarsuun rikkoordii qabateera.

leeg Kononeenkoo fi Nikoolaay Chuub Orbiitii Dacheerra marsaa 5,984 taasisaniin maayilii miliyoona 158 ol imalaniiru.

Yeroo dheeraa hawaa lafa harkisi lafaa hin jirre keessatti dabarsuun isaanii qaamasaanii hedduu waan miidheef yeroo qubatanitti garee baraartotaatiin kaafaman ture.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Daawwadhaa: Qorattoonni hawaa yeroo turtii haga karoorfameen ol turanii deebiyan

Ruubiyoon turtiin isaa hawaa keessaa dheereffamuun dhalli namaa xiyyaar-samii keessa yeroo dheeraa turuusaatiin waan irra gahuu malu akkamiin akka dandamatuufi rakkooleen biroo isa mudatan akkamiin akka furachuu danda'urraa waan guddaa barateera.

Namni kun astironaatii jalqabaa meeshaa jiimii (ispoortii) murtoofteen ispoortii hojjechuun akkamiin akka dhiibbaa qaama namaarratti qabaachuu danda'u ilaaluudhaaf yeroo jalqabaaf qorannoorratti hirmaatedha.

Bu'aan qorannoo kanaa ammallee hin maxxanfamiin kan jiru yoo ta'u, dhalli namaa yeroo gara Soolaar Siistemiitti imaluun gadi fageenyaan qorannoo taasisuuf yaadu odeeffannoo gaarii ta'a jedhameera.

Fakkeenyaaf, imalli gara Maarsitti deebiyuu guyyoota 1,100 (waggaa sadii ol) fudhata karoora amma jiruun. Xiyyaar-samii isaani ittiin deeman kan ISS gadi xiqqaa waan taateef meeshaa ispoortiif barbaadan ulfaatina guddaa hin qabne qabatanii deemu jechuudha.

Rakkoowwan jiran akkuma jiranitti ta'ee, hawaa keessa balali'uun qaama namaarratti jijjiirama akkamii fidaa?

Baach fi Suniin hawaa keessa yero deemanitti

Madda suuraa, NASA

Maashaafi lafee

Harkisni lafaa yeroo hunda qaama keenyarratti mil'utu yoo hin jiraanne, maashaafi lafeen namaa hawaa keessatti dafee hir'achuu jalqaba.

Kanneen baay'ee miidhaman maashaalee dugda, mormaafi sarbaa miila keenyaa keessatti haala dhaabbii keenya eeguuf gargaaranidha. Qaamoleen kunneen suuta dadhaaa deemu. Torban lama qofa booda maashaan hanga %20 gadi bu'uu kan danda'u yoo ta'u, ergama dheeraa ji'a sadii hanga jahaa irratti %30 gadi bu'uu danda'a.

Haaluma walfakkaatuun, astiroonoomaroonni lafee isaanii akka yeroo harkisa lafaa jala jiranitti dhiibbaa makaanikaal keessa waan hin galchineef, lafeen isaaniis albuuda dhabuufi humna dhabuu jalqabu. Astiroonoomaroonni ji'a ji'aan hawaa keessa dabarsan keessaa %1-2, ji'a jaha keessatti ammoo hanga %10 dhabuu danda'u (lafa irratti, dhiiraa fi dubartoonni umuriin isaanii guddaa ta'e waggaa waggaan ulfaatina lafee isaanii %0.5-1% dhabu).

Kunis carraa caccabbuu isaanii dabaluufi yeroo fayyuuf fudhatan dabaluu danda'a. Lafeen isaanii erga gara lafaatti deebi'anii booda gara duraan tureti deebi'uuf hanga waggaa afurii fudhachuu danda'a.

Kana qolachuuf, astiroonoomeroonni guyyaatti sa'aatii 2.5 sochii qaamaafi leenjii cimaa yeroo orbiitii ISS irra jiranitti gochuu qabu. Akkasumas, lafeen isaanii hanga danda'ametti fayyaa akka qabaatu gargaaruuf dabalata nyaataa fudhatu.

Qorannoon dhiheenya kana godhame garuu sirni sochii qaamaa kun hojii maashaaleefi guddina maashaalee akka hin dhabne gahaa akka hin taane ibseera. Shaakala mormii fi shaakala gidduu cimina guddaa qabu keessatti fe'iinsi ol'aanaa ta'e kasaaraa maashaa kana ofirraa ittisuuf gargaaruu danda'uu fi dhiisuu isaa qorachuuf gorseera.

Harkisa lafaa qaama isaanii gadi harkisuu dhabuun isaas, qorattoonni hawaa yeroo turtiisaanii ISS keessatti xiqqoo hojjaan isaanii dabaluu danda'a. Kun ammoo sababii lafeen dugda isaanii suuta dheerataa deemuufidha.

Kun ta'un isaas yeroo hawaarra jiranitti dhukkubbiin dugdaa akka isaan mudatuufi yeroo gara lafaatti deebiyan ammoo luqqeettuun isaanii akka bu'u gochuu danda'a.

Gara lafaatti deebi'uu isaa dura ISS irratti ibsa kenneen, Ruubiyoon mataan isaa lafee dugdaa isaa dheerachaa akka jiru ibse. Kana ta'uu isaatiin yeroo xiyyaar-samuun hawaarra turee yeroo deebiyee Dacheerra qubatutti dheeratee kireenii keessa taa'utti waan guuteef yeroo lafa tuqutti miidhaan morma isaarra gahuuf malu hambisuuf isa gargaareera.

"Lafeen dugdaa koo dheeratee waanan jiruuf akka waan teessoo kootti hidhamee jira jedheen yaada, kanaaf tasuma baay'ee socho'uu hin qabu," jedhe.

Ulfaatina hir'isuu

Yeroo oorbiitiirra jiraniti ulfaatina jechuun waayyu jechuu miti ykn bakka hin qabu. Kanaaf, bakka humni harkisa lafaa hin jirre kana keessatti qaama dhala namaa dbalatee wanti naannnawaa ISS jiru bilisaan callisee bololi'a. Kanaaf, bakka akkasii ykn orbiitiirratti ulfaatina qaamaa fayyaalessa ta'e qabaachuuf yaaluun rakkisaadha.

Naasaan dhiyenya kana muduraalee garagaraa buufata hawaarratti biqilchuun qorattonni hawaa akaakuu nyaata garagaraa akka argatan gochuuf yaalus, qaamn qorattoota hawaa miidhamuun isaa hin oolle.

Qorataan Naasaa ISS keessa guyoota 340 turuun dhiibbaa yeroo dheeraa turuun qaama dhala namaarratti qabu hubachuuf qorannoo baayyee bal'aa ta'erratti hirmaate Iskoot Keliin, orbiitiirra yeroo turetti waliigala Body mass isaa %7 dhabeera. Iskoot Keliin yeroo hawaarra turetti obboleessi isaa lakuuun ammoo lafarra ture.

Qorattoonni erga Iskoot Keliin gara ISS deemee isarratti qorannoo gaggeessaa jiran beekteeriyaafi fangasiin marrummaan isaa keessa jiran yeroo inni gara hawaatti hin balali'iin dure waliin yoo ilaalamu jijjiiramuu isaa adda baafataniiru.

Yeroo Iskoot Keliin hawaa turetti obboleessi isaa lakkuun ammoo Dacheerra ture.

Hawaa keessatti yeroo ispoortii hojjetanitti

Madda suuraa, NASA

Dandeettii arguu ijaa

Dacheerratti, harkisi lafaa gravity) dhiigni akka qaama keenya keessa gadi yaa'u harkisa, onneen keenya ammoo akka dhiigni ol deebiyu gargaara. Hawaa keessatti, garuu adeemsi kun ni jeeqama (hanga tokko qaamni of sirreessuu yaalus).

Kun ammoo dhiigni hanga barameen ol akka sammuu keessatti kuufamu gochuu danda'a.

Dhangala'aa kana keessaa garri tokko dugda duuba ijaafi naannawaa otik narviitti kuufamuun gara dhiita'uuti geessa.

Kun ammoo qulqullinaan arguu hir'achuufi ijarratti jijjiirama caasaa dabalatee gara agartuu keenya jijjiiruuttillee geessuu danda'a.

Jijjiiramni kun akkuma hawaa keessa galanii torban lamarraa kaasee mul'achuu danda'a garuu hanguma yeroo deemaa dhufe balaan isaa dabalaa deema.

Jijjiiramni ijarratti mul'atu hangi tokko erga qorattoonni hawaa gara Dacheetti deebiyanii waggaa tokko keessatti deebiyuu danda'a, kaan garuu dhaabbataa kan achumaan hafu ta'uus danda'a.

Carallaawwan akka galaaktik Kosmootik fi paartikiloota inarjatik soolaartiif saaxilamuunis garaa ijoo birootiif nama saaxiluu danda'a.

Atimoosferiin Dachee kanneen irraa nu eeguuf gargaara garuu takkaa orbiitii ISS irra deemnaan wanti eegumsa nuuf taasisu kun ni bada. xiyyaar-samiin carallaa humnaa ol ta'erraa wanta nu da'uu danda'u qabatus, qorattoonni hawaa ISS irra jiran garuu balaqqee ifaa akka ijasaanii argatu dubbatu.

Sirni narvii wal jala darbuu

ISS irra erga yeroo dheeraa tureen booda, Iskoot Keliin akkaata sammuun isaa itti hojjetu xiqqoo kan jijjiirame ta'us, kan obboleessa isaa lafarra jiruu waliin waluma fakkaata.

Haata'u malee, erga Keeliin gara Dacheetti deebiyee ji'a ja'aan booda saffisniifi sirrummaan hojiin sammuu isaa hir'achaa dhufuu qorattoonni adda baafachuu danda'aniiru. Kun ammoo sammuun isaa harkisa Dachaa (ravity) fi jireenya biraa duraan turetti deeisee of sirreessuu ta'uu mala.

A study on a Russian cosmonaut who spent 169 days on the ISS in 2014 also revealed some changes to the brain itself seem to occur while in orbit. It found there were changes in the levels of neural connectivity in parts of the brain relating to motor function – in other words, movement – and also in the vestibular cortex, which plays an important role in orientation, balance and perception of our own motion. This is perhaps unsurprising given the peculiar nature of weightlessness while in space; astronauts often have to learn how to move efficiently without gravity to anchor them to anything and adjust to a world where there is no up or down.

Qorannoon dhiyoo bahe ergama qorannoo hawaatiif ba'anii yeroo dheeraa turuu keessatti jijjiiramonni caasaa sammuurratti dhufuu danda'a yaaddoo jedhu kaasaniiru.

Qorattoonni hawaa yeroo gara Dacheetti deebiyanitti

Madda suuraa, Nasa/Getty Images

Baakteeriyaa michuu ta'an

Qorannoowwan waggoota dhiyoo keessa hojjetamaniirra ahubachuun akka danda'amutti, fayyaa gaarii qabaachuun kunuunsa garii qabaachuufi maayikiroo-orgaanizimoonni garagaraa qaama keenya keessaafi irra jiraachuu isaaniirraa argama.

Maayikiroo-orgaanizimoonni kunneen ammoo akkamitti akka nyaata bulleessinu, qaama keenya keessatti sadarkaa dhukkubbii uumamurratti dhiibaa gochufi akkamitti akka sammuun keenya hojjetu jijjiiruu danda'u.

Keliin erga gara ISS deemeen booda baakteeriyaafi fangasiin marrummaan isaa keessa jiran ka yeroo inni Dahceerra jiruu waliin yeroo ilaalaman aka jijjiiraman qorattoonni adda baafataniiru.

Kun ta'uu isaa ammoo waan nama ajaa'ibus miti, sababiin isaas soorata addaa hawaarratti hi fayyadamaa tureefi namoota inni guyyaa isaa waliin dabarsu jijjiiramuu irraa kan ka'edha. (Namoota waliin dabarsinurraa maayikiroo-orgaanizimii afaaniifi marrummaan akka malee guddaa ta'e fudhanna.)

Haata'u malee, raadiyeeshiniif saaxilamuufi bishaan xurii irra deebiin fayyadamuun, jijjiirama sochii qaamaa isaa waliin gahee mataasaa qabaachuu danda'a. (Kun sochiin qaamaa hangam akka maayikiroo-orgaanizimii marrummaan keenya keessarratti dhiibbaa qabaachuu dandau agarsiisa.)

Gogaa

Namoonni Naasaarra guyyoota 330 al dabarsan shan jiranis, Keeliin isaan keessaa akkamitti akka gogaan isaa yeroo orbiitiirratti dabarse addaataa dhufe nu agarsiiseera.

Buufata hawaarraa akkuma deebiyeen guyyoota ja'aaf gogaan isaa dhukkuba kan hin hafanneefi shiffiitaan irratti mul'ate yoo ta'u, kun ammoo hanqina gogaan dhibeef deebii kennuu yeroo inni hawaarra tureerraa kan ka'e ta'uu mala jedhu qorattoonni.

Qaccee sanyii (Genes)

Argannoowwan guddaa turtii dheeraa Keeiin hawaa keessa ture keessaa tokko jijjiirama inni DNA isaarratti argedha.

Dhuma tokkoo tokkoo DNA irra wanti [telomeres] jedhamu akka qaceen sanyii hin miidhamne eegu jira.

Yeroo umuriin keenya dulloomaa deemutti wanti kun gabaabbachaa dhufu. Haata'u malee, warri Keelii fi qorattoota hawaa biroorratti qorannoo gaggeessan gara hawaa deemuun [telomeres] kun dheerina isaanii jijjiira.

"Hunda caalaa kan nama ajaa'ibu, garuu yeroo hawaarra turanitti [telomeres] ku baayyee dheerachuu isaa bira ga'muu isaati," jetti Suusaan Belii.

Suusaan Kolombiyaa Isteet Yunivarsiitii keessatti piroofeesara naankaluufi fayyaa raadiyooloojii yoo taatu, garee Keeliifi obboleessa isaarratti qorannoo taasisan keessaa tokkodha.

Addatti ammoo qorattoota hawaa biroo 10 yeroo gabaabaa turanirratti qorannoo gaggeessiteetti.

Akka qorattuun kun jettutti, yeroo hawaa keessa turanitti carallaawwan (raadiyeeshinii) adda addaatiif saaxilamuufi sababoota biroorraa kan ka'een qorattoonni hawaa yeroo dheeraaf orbiitiirra turan DNA isaanii ni miidhama.

Akkaataa qacceen sanyii itti mul'atuufi ibsamus carraan jijjiiramuu akka jiraachuu malu qorattoonni adda baafataniiru.

Sirna immiyuniitii (qaamni dhukkuba ofirraa ittisuu)

Keeliin osoo gara hawaa hin demiin dura, yeroo deemettiifi erga deemeen boodas talaaliiwan walitti aansuun kan fudhate yoo ta'u, sirni immiyuniitii isaa qajeeltoomaan fudhata ture.

Haata'u malee, qorannoon Suusaan Belii akka mul'isetti, garuu adaduma orbiitiirra turaanii raadiyeeshinii fudhataa deemaniin qorattoonni hawaa seeliin dhiiga adii isaanii hir'achuu isaarraan ni rakkatu.

Gara hawaatti imaluun sanyii lubbu-qabeessa miilla lamaan deemaniifi sammuu guddaa qaban Dacheerra jiraatanirratti qabaachuu danda'u ilaalchisee aAmmallee gaaffiin deebii barbaadan hedduuti jiru.

Qorattoonni turtii isaa hawaarraa guyyoota 371 hordofee qorannoowwan fayyaa Ruubiyoo, saamuda dhiiga isaafi iskaanii isaaf taasifame ilaaluuf itti dachaa kan jiran yoo ta'u, shakkii tokko malee dabalataan kan baratan akka jiru abdii ni qabu.