Naa'oomii Girmaa maaliif qalbii addunyaa akkas hawwatte?

Naa'oomii Girmaa Istaanfoordi Yuunvarsiitii keessatti taphoota 25 irratti dursituu taphattootaa turte.

Madda suuraa, Getty Images

Taphattooni sarara ittisaa hammam cimaniyyuu yeroo baay'ee qalbii namoota hedduu hin booji'an.

Garuu Naa'oomi Girmaa Suupper Liigii Dubartoota Ingiliziin yeroo Cheelsiif hiriiruun taphatte iji addunyaa isheerra ture.

Taphattuun internaashinaalaa Ameerikaa, Naa'oomii Girmaa, gatii jijjiirraa taphattootaa rikardii adunyaa taheen ji'a Amajjii darbe Cheelsii galte.

Tapha Cheelsiin Biraayitan waliin taasise irratti jalqaba irratti kan hiriirte Naa'oomiin gahumsa addaa yeroo gabaabaa keesatti agarsiifte.

Garuu maal godha gara sa'a tokkoo akka taphatteen miidhamtee baate.

Haa tahu malee, Naa'oomii Girmaa kan qalbii jaalattoota ispoortii adunyaa irraa hawwattee fi kileboonni gurguddoon akkaan barbaadaa turan eenyu? Fuuldurri ishee maal tahuu danda'a?

Imala Naa'oomii Girmaa gara Cheelsii

Maatii dhaloonni isaanii Itoophiyaa tahan irraa Ameerikaa Kaalifoorniyaatti dhalattee magaalaa saan Jooseetti kan guddatte Naa'oomiin paarkii kireeffachuun hiriyyoota ishee waliin kubba miilaa taphachaa guddatte.

Abbaan ishee kileba xiqqaa magaalicha keessaa Maaledaa Sooker Kilab jedhamu lenjisa ture. Naa'oomiinis yeroo umuriin ishee waggaa afur guutu kubba miilaa taphachuu jalqabde.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waggaa shan booda yeroo umuriin ishee waggaa sagal guutu kilaba Senteraal Vaalii Kiroosfaayer jedhamu galte.

Garee sana keessaa dubartii gurraattiin ishee qofa akka ture himte. Lammiilee Ameerikaa hiddi dhaloota isaanii Itoophiyaa tahanii fi maatii ishee guddina kubba miilaa keessatti agarsiifteef gumaacha olaanaa qabaachuu himte.

Leenjisaan ishee yeroo Boob Jooyis akka Naa'omiin sadarka guddaarra geessuuf hedduu gargaarte.

Senteraal Vaalii Kiriisfaayer keessa umurii ishee waggaa sagalii hanga 17tti taphatte. Jooyis waliin hariiroo jabaa uummatte.

''Fiigicha meetira 400 mana barumsaa isheef dorgomaa turte. Atileetii saffisaa fi jabina guddaa qabdudha'' jette leenjistuun ishee Jooyis BBC Ispoortitti yoo dubbattu.

''Yeroo baay'ee anaaf sarara gidduu irra taphachaa turte. Nan yaadadha! Leenjisaan tokko dhufee 'ooh waaqako, har'a raajii nu goote, nutti taphatte,' na jedhe.''

''Miila bitaanis tahe mirgaan homaa rakkoo tokkoyyuu hin qabdu. Miila ishee isa dadhabaa [bitaa] fooyyessuuf hedduu irratti hojjette. Miila lamaaniin akka feetetti kubba miidhaksitee taphachuu dandeessi. Milkaa'ina isheef kanatu sababa tahe.''

Garee Biyyaalessaa Ameerikaa galuuf yeroo qophii irra turte irra caalaa kan beekamtu turtii Yuunvarsiitii Istaanfoordi keessatti dabarsiteenidha.

Hojiin jalqabaa leenjistuu duraanii kileba Saan Deegoo Weev, Kaaseey Istoonii wixinee kolleejichaa ilaaluu yoo tahu, taphattoota ammoo eenyu akka filannoo ishee jalqabaa tahu shakkiiyyuu hin qabdu ture.

''Nan yaadadha. Viidiyoo Naa'oomii Girmaa hedduu ilaaleen taphattuu sarara ittisaa kana jalqaba irratti filachuu qabnan jedhe'' jette Istooniin.

''Kilebicha keessaa Naa'oomii lakkoofsa tokko goonee filachuu hin qabnu mormiin jedhu na mudatee ture.

Dandeettii guddaa waanan ishee keessatti argeef ejjennookootti cicheen akka isheen filamtu murteesse.''

''Yeroon taphataa tokko argu taphataa sarara ittisaa akkamii akka tahe nan beeka. Bu'uura keenya akkamitti akka ijaaruu qabnu waanan jabeessee beekuuf Naa'oomiin jabina kana nuuf kenniti jedhee nan amane.''

Cheelsiin akka rikardii cabsee Naa'oomii mallattessisu maaltu taasise?

Cheelsiin rikardii cabsee paawondii 900,000 Naa'omii Girmaa mallatesise

Madda suuraa, Getty Images

Milkaa'inni Naa'oomii Kileba Saan Deegoo keessaa waan yeroo gabaabaa keessatti argame ture.

Taphattuu cimtuu sarara ittisaa liigii dubartoota Ameerikaa tahuun filamte.

Kontiraata waggaa sadii mallatteessuun Saan Deegoon Waancaa Suupper Liigii Biyyaalessaa Dubartootaa 2024, 'Shiid' jedhamu akka mo'atu gargaarte.

Ammas taphattuu cimtuu sarara ittisaa liigichaa tahuun filamte.

Bara 2023 keessa ammoo taphattuu Cimtuu Kubba Miilaa Dubartootaa Ameerikaa tahuun filamte.

Olompikii Paaris bara 2024 irratti daqiiqaa hundayyuu garee biyyaalessaa Ameerikaaf taphachuun medaaliyaa warqee injifataniiru.

''Yeroon jalqaba Naa'omii argu hanga ammaattiyyuu hammam cimtuu akka taate of irratti hin beektu ture'' jette Istooniin.

''Qofaatti baasnee akkaataa bakka itti qabatanii fi kubba dabarsan irratti shaakala guddaa hojjechiifne. Tapha haala gaariin dubbisuun saffisa gaariidhaan dirree guutuu fiiguun taphachuu dandeessi.''

"Waan of shakkituuf, lakki sirrii jirta. Ofitti amanin ishee jedha ture.''

Jooyis, leenjistuun duraanii, Naa'oomii Girmaa liigii Ingilaandi keessatti yeroo gabaabaatti bartee akka milkooftu shakkii hin qabu jette.

''Amala qabeettii waan taateef haala hundattu baruu dandeessi. Barnoota isheettis qaxaleedha. Dirree keessatti ammoo haala taphichaa dubbisuun salphaatti hubachuu dandeessi. Jireenya hawwaasummaa isheetti baay'ee gaariidha. Fuula namaa dubbisuun hubachuu dandeessi. Akkamiin akka milkooftu sirriitti hubatti,'' jechuun leenjistuun ishee dhuga baateef.

Suupper Liigii Ingilizii maaliif filatte?

Naa'oomii Girmaa fi Kaaateriinaa Makariyoo, Cheelsii keessatti

Madda suuraa, Getty Images

Cheelsiin osoo rikardii cabsee Naa'oomii hin mallatteessisiin dura yeroo saddet Shaampiyoonaa Awurooppaa kan tahan Liyoon ishee fudhachuuf gaafatanii ture.

Akka leenjisaan ammaa Saan Deegoo Joonaas Iidvaal jedhanitti taanaan '''Waggaa darbe ture'' gara Awurooppaa deemuu akka barbaaddu kan beeksifte.

Landan jiraachuu fi Shaampiyoonsi Liigii keessa taphachuu barbaaddi ture.

Naa'oomiin ''abjuu ishee milkeessuuf'' gaa Cheelsii akka imalte himteetti.

Leenjistuun ishee duraanii IstooniinNaa'oomiin Cheelsii galuun ishee waan nama raajeffachiisu miti. Waanuma eegamu ture jette.

Leenjistuun garee biyyaalessa Ameerikaa Eemaa Hayes ammoo taphattoonni kubba miilaa dubartoota agara Awurooppaatti imaluu isaanii waan gaariidha jedhan.

''Akka gammadanin barbaada. Taphattoonni gammadanii fi haala gaariin guddatan dirree keessattis milkaa'ina gaarii galmeessu,'' jette Eemaa Haayes.

Eemaa Haayes osoo leenjistuu garee biyyaalessa Ameerikaa hin tahiin dura Cheelsii waggoota 12'f leenjisteetti.

''Taphattoota Ameerikaa hedduu adunyaarra imaluun taphatan arguuf jirra. Dorgommiin kubba miilaa dubartootaa guddataa jira. Kun waan hamaa miti,'' jette.

Leenjistuun Saan Deegoo Iidvaal ''kileboonni Ameerikaa miindaa kileboonni Awurooppaa taphattoota jajjaboof kaffalan kennuu hin dandeenye.

Kanaaf taphataan kamiyyuu akka kileba koo keessa turuuf dirqisiisuu hin danda'u'' jette.

Cheelsiifi Saan Deegoon gama gatii jijjiirraanis wana gaarii akka raawwatan amanti.

Kubba miilaan ala maal jaalatti?

Naa'omii Girmaa Istaanfoordi Yuunvarsiitii keessatti Soofiyaa Ismiiz waliin yeroo taphattu

Madda suuraa, Getty Images

Naa'oomiin dubartii jabduu yeroo hedduu fuula ifaan nama simattudha. Fuula ishee irraa seeqa hin dhabdu.

Miira namaa akkaan hubatti. Nama simatti. Taphattoonni ishee waliin taphatan hundii fi leenjistooni ishee ishee jaalatu.

''Namoonni ishee waliin taphatan ykn ishee leenjisan kamiyyuu Naa'oomii nan jaaladha jedhu,'' jette Jooyis.

Leenjistuun ishee biraan Istooniin ammoo ''ofitti amanamummaa guddaa qabdi. Ammoo garraamiidha. Nama hundaa waliin waliigalti. Dhugumatti nama jaalatamtudha,'' jette.

''Guyyaa tokko kutaa uffannaa keessattis sagalee guddaa dubbattee hin beektu. Garuu nama jaalatamtuu fi nama baay'ee gaarii taatedha.''

Naa'oomiin kubba taphachuu qofa osoo hin taane barnootaanis akkaan jabduudha.

Sagantaa 'symbolic systems ' jedhamuun digirii jalqabaa qabdi.

Akkasumas saayinsii Manaajimantiidhaan digirii lammaffaa [ MA] qabdi.

Naa'oomiin waan haaraa barachuufis tahe kan jalqabde hundaa irratti baay'ee dhamaati.

''Baay'ee tasgabbooftuudha. Baay'ees ol of hin kaastu, baay'ees gadi of hin buustu,'' jette Istooniin.

Taphattoonni ciccimoon tokko tokko rakkoo xiin-sammuu qabu. Naa'oomiin garuu baay'ee tasgabbooftuudha. Baacoo jaalatti. Gammadduu fi amala qabeettiidha. Haala kamiyyuu keessatti haala gaariin hojjechuu dandeessi,'' jette leenjistuun ishee duraanii Istooniin.

Bara 2022 hiriyyaa ishee Keetii Meyer erga du'aan of biraa dhabdee fayyaa sammuu irratti cimsitee hojjechaa turte.

Keetii Meyer sababa dhibee sammuun bara 2022 keessa of ajjeeste.

Keetiif bara 2023 xalayaa banaa barreessiteen gahumsa Waancaa Adunyaa irratti agarsiifte yaaddannoo isheef [Keetiif] akka tahu adunyaatti himte.

Booda kaampaanii eegumsa fayyaa Ameerikaa Kaayizer Permaanente jedhamutti ambasadara taate.

''Akka nama tokkootti akkasumas akka dursituu [leader] tokkootti dubarti baay'ee garraamummaa qabdudha. Uumamaan ammoo haala ulfaataa keessatti dandeettii isheen tapha dubbisuun murtoo fudhachuuf qabdu baay'ee umurii isheen olidha,'' jette Eemaa Haayes, leenjistuun garee Biyyaalessaa US.

''Akka gareetti nama hojjechuu jaalatu, qunnamtii namoota waliin gootuunis jabduu kan taate Naa'oomiin gaggeesituudha jette Eemaan.

Cheelsii keessatti yeroo ajaa'ibaa ni dabarsiti. Deeggartoonnis ishee jaalatu jette Eemaa Haayes.

Qormaanni akkamii ishee eeggata?

Lindisii Hooraanii fi Naa'oomii Girmaa

Madda suuraa, Getty Images

Leenjistuun duraanii Cheelsii Eemaa Haayes, ''taphattuu sarara ittisaa cimtuu adunyaa'' jechuun Naa'oomii ibsite.

Iji hunduu waan ishee irra jiruuf daftee Suupper Liigii Dubartootaa Ingiliziitti ni barti jette.

Cheelsiin barana waancaa sadiif dorgomaa waan jiruuf Naa'omiin kilebicha galuun akka Suupper Liigiittis tahe Awurooppaatti akka milkaa'u gargaarti jedhamee abdatama.

Taphattuun kana dura Liyoon waliin wanacaa Shaampiyoonsi Liigii mo'atte, liigii haalli tapha isaa adda tahe keessa galuu matumti isaa qormaatadha jette.

''Amala haaraa, falaasama taphaa haaraa, kubbaaf ilaalcha jiruu fi kaanitti baruun murteessadha'' jette Hooran.

''Taphni Suupper Liigii hunduu ulfaataadha. Kun ammoo muuxannoo fi guddina isheef baay'ee gaariidha.

Shaampiyoonsi Liigii taphachuu...dabalatee waan hundaan baay'een siheef gammade.''

Namoonni baay'een Naa'oomiin guyyaa tokko dursituu garee biyyaalessaa Ameerikaa akka taatu amanu.

Amma Hooraantu dursituu garichaati. ''Yeroon ani kubba dhaabutti Naa'oomiin akka ana bakka buutun barbaada'' jette.

Taphattoota ciccimoo jiran keessaa isheen tokko. Gahumsa sana tapha hundaa irratti agarsiifti. Namuu kan barbaadu waan akkanaati,'' jette Hooraan.