Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Zeleniskiin Chaayinaa fi Raashiyaan 'na tuffatan' jechuun himatan
Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskii Chaayinaa fi Raashiyaan kora nageenyaa Siwiizarlaanditti taa'amuuf jiru tuffataniiru jechuun himatan.
Korri kun dhimma nageenyaarratti kan xiyyeeffatu yoo ta'u, kan qopheesses Zeleniskiidha.
Chaayinaa fi Raashiyaan waliin ta'uun biyyoonni kaanis kora kanarratti akka hin argamne gochaa jiru jedhan bulchaan Yukireen kun.
Fooramii nageenyaa Eeshiyaa irratti argamuun wayita haasawa taasisan ''meeshaaleen waraanaa Raashiyaa kanneen Chaayinaarraa ergamaniif jiraachuu hubanneerra,'' jedhan Zeleniskiin.
Chaayinaan waraana Yukireen ilaalchisee garee deeggartu yookiin tumsitu tokkollee akka hin qabne ibsiti.
US fi biyyoonni lixaa ammoo ejjennoo Chaayinaan ibsattu kanarratti gaaffii kaasaa turan.
Inumaa Beejiingi meeshaalee waraanaatiin Moskoo deeggarteetti jechuun himatu biyyoonni lixaa.
Chaayinaan wayita biyyoonni lixaa Raashiyaa qoqqobuun itti roorrisan oomishaalee Raashiyaa kanneen akka boba'aa fi gaasii bitachuun jajjabeessaa turte.
Kora Singaapporitti gaggeeffame kan qondaalota humna waraanaa addunyaa mara irraa walitti fide- Shangri-la Dialogue jedhamurratti tasa kan argaman Aab Zeleniskiin, carraa kana fayyadamuun waan biyyisaanii barbaaddu dubbataniiru.
Kora kanarratti ministirri ittisaa US Liyood Ostiin fi kan Chaayinaa Dong Jun argamaniiru.
Kaayyoon daawwannaa Zeleniskii kun biyyoota Eeshiyaa irraa deeggarsa gaafachuuf ture.
Aab Zeleniskiin dureewwan biyyoota Eeshiyaa biyyasaanii marsanii jiranii hedduu argachuun dubbisaniiru, kana malees qondaalonni kora kanarratti argaman hundinuu kora nageenyaa Waxabajjii kana gara dhumaarra gaggeeffamurratti akka argaman gaafataniiru.
Pirezidant Zeleniskiin nageenya niwukilaraa, wabiin nyaataa biyyasaanii akka mirkanaa'uu fi hidhamtoonni yeroo waraanaa fi daa'imman harka Raashiyaatti ugguramanii jiran akka gadhiifaman iyyataa jiru.
Kanarrattis birmannaa gaafachuuf kora waaman.
Hanga ammaa biyyoonni 106 ta'an kora kanarratti jila bakkasaan bu'u akka ergan mirkaneessaniiruuf.
Raashiyaan (diinni) silumaa hin affeeramne, Chaayinaan ammoo hin hirmaadhu jette.
US biyya jila kora kanarratti hirmaatan erguuf jalqabarratti waadaa galteedha. Biyyoonni kaanis akka kora kanarratti hirmaachuun galmasa milkeessan dhaamteetti Ameerikaan.
Ministeerri Dhimma Alaa Chaayinaa korrii kun ''beekamtii Raashiyaa fi Yukireen qabaachuu qaba. Hirmaannaan walqixa ta'es biyyoota lameeniif kennamuu qaba,'' jedhe.
''Kanaan achi korri kun nageenya buusuu keessatti ga'een ba'atu qabatamaan hin jiraatu,'' jedhan dubbi himtuun ministeerichaa.
Pirezidant Zeleniskiin akka jedhanitti Chaayinaan duraan akka Yukireen bira dhaabbatuu fi Raashiyaaf meeshaa waraanaa akka hin kennine waadaa galteettiif.
Amma garuu meeshaalee waraanaan Raashiyaa tumsaa jirti jechuun komatu.
US akka jettutti Chaayinaan meeshaalee waraanaa kanneen akka rasaasa, konkolaattota waraanaa fi misaa'elaan deeggaraa jirti.
Raashiyaan maashinariiwwan waraanaa dhibbeentaa 70 akkasumas meeshaalee elektirooniksii akkaan xixiqqoo ta'anii fi mala-maltee waraanaa keessaa tokko ta'an dhibbeentaa 90 Chaayinaarraa galchiti jetti US.