Zeleniskiin sochii humnoota Raashiyaan yaadda'uun gargaarsa humna waraanaa dabalataa gaafatan

Yukireen sodaa hamaa keessaa galteetti. Tibbana humnoonni Raashiyaa handaara magaalaa Karkiivitti guddoo milkaa’an.

Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskii Raashiyaan kutaa Kaaba baha Yukireenitti haleellaa hammeessuu dandeessi, humnasaa akka qabdus mul’isaa jirti jechuun yaaddoo qaban ibsaniiru.

Humnoonni Yukireen, kan Raashiyaa caalaa meeshaalee waraanaa hedduu qabaachuun dhaadatan, humna adda waraanaarratti laafe utubuuf wayita ifaajaa jiranitti, loltoonni Raashiyaa ammoo fuulduratti malee duubatti hin jennu jechaa jiru.

Haalli Raashiyaa kun bitaa kan itti galee fi sodaa keessa kan isaan galche bulchaan Yukireen kun, gurmuun humna waraanaasaanii fi hamileen loltootaa rakkoo keessa galuu amananiiru.

Kutaaleen waraanaa (brigades) hedduun qullaatti hafaniiru jedhan.

Humni qilleensaa isaanii hanqina xiyyaarota waraanaan rakkoo keessa galuu AFPtti kan himan Zeleniskiin, ammas deeggarsa humna ittisaa qilleensaa fi jeettiiwwan waraanaa gaafataniiru.

''Har’a Yukireen ittisuuf kan nu barbaachisu keessaa dhibbeentaa 25 qofa harkaa qabna,'' jechuun dandeettii humni qilleensaa isaanii irra jiru ibsan.

''Raashiyaan akka nurratti olaantummaa hin arganne gochuuf, humni qilleensaa keenya xiyyaarota waraanaa ammayyaa 120 hanga 130 qabaachuu qaba.''

Dhiheenya kana Ameerikaan deeggarsa kuufamaa walumaagalatti doolaara biiliyoona 61 ta’u Yukireeniif akka kennitu mirkaneessiteetti.

Sagantaan gargaarsaa US kun deeggarsa humna waraanaas ni dabalata.

Ammoo Raashiyaan yeroo dhihoo as haala hin eegamneen gara fuulduraatti deemuun iddoowwan baayyee Yukireen harkaa oolfataa jirti.

Kaaba baha Yukireenitti kan argamtu, magaalaa guddinaan lammaffaa taate- Karkiiv keessatti gandoota hedduu qabataniiru warri Raashiyaa.

Bulchaan naannawa Karkiiv Oleg Synegubov, torban tokko keessatti namoonni kuma 10 ta’an bakka jireenyaasaanii gadhiisanii baqataniiru jedhan.

Kun kanaan osoo jiruu, Ministirri Muummee Poolaand Donaald Task ammoo humna daangaarra jiru cimsuun ''diina karaa bahaa itti dhufuu malu'' ofirraa qolachuuf yuuroo biiliyoona 2.3 ramaduu ibsaniiru.

Daangaan isaan baanan kun kan Raashiyaa, Beelaarus fi Yukireen waliin qooddatanidha.

Aab Zeleniskiin gamasaan loltoota hedduu daangaa [adda waraanaa] irratti akka isaan barbaachisu AFPtti himan.

''Kutaaleen waraanaa (brigades) hedduutu jiru, kanneen haaraa gurmaa’anii fi kan duraan turanis. Hedduunsaanii amma duwwaatti hafaniiru. Humna dabaluu qabna. Kun ammoo loltoonni dabareedhaan wal harkaa fuudhanii akka hojjetaniif gargaara. Hamileensaaniis ni dabala.''

Rakkoo kana furuuf seerri humna waraanaa haaraa gurmeessuuf ba’e Sambata kaleessaa hojiirra ooluu eegale.

Akkaataa seera haaraa kanaan umriin namni tokko humna waraanaatti makamuuf filatamuu danda’u (dirqamni miseensa humna waraanaa biyyattii ta’uu) waggaa 27 irraa 25tti xiqqaateera.

Jalqaba wayita Raashiyaan Guraandhala 2022 Yukireen weerartu lakkoofsi namoota fedhaan humna waraanaa Yukireenitti dabalamanii hedduu ture, lakkoofsi kun amma gu’eera.

Kanneen biyyasaaniif loluuf fedhii agarsiisaa turan hedduun du’aniiru, gariin miidhamaniiru, kaan ammoo ammallee adda waraanaarraa falmatu. Miseensota haaraa gurmaa’anii adda waraanaatti bobba’uun isaan boqochiisan eegatu.

Guraandhala darbe Aab Zeleniskiin erga weerara Raashiyaatii as loltoonni Yukireen kuma 31 ajjeefamuu ibsanii ture.

Aanga’oonni Yukireen lakkoofsa loltoota jalaa ajjeefamanii ibsuurraa of qusachuun beekamu, isaan haga kana jedhanis lakkoofsi loltoota du’anii kanaa ol ta’uu kan tilmaaman hedduudha.

BBCn Raashiyaa fi marsariitiin Mediazona jedhamu waliin ta’uun lakkoofsi loltoota Raashiyaa waraana kanaan du’anii kuma 50 akka caalu adda baasaniiru.