Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yukireen $ bil. 61 US irraa argattus loltoonnishee humna Raashiyaa dura dhaabbachuu dadhabne jedhan
Ajajaan humna waraanaa Yukireen haleellaan humnoota Raashiyaarraa isaan mudataa jiru haala dirree waraanaa jiru isaanitti hammeessuu hime.
Sababa kanaan loltoonni isaanii baha Doonesk gadhiisanii bahuu hime Oleksaandar Siriiskii.
Raashiyaan olaantummaa gama loltootaa fi meeshaa waraanaan qabdu fayyadamuun, [osoo Yukireen deeggarsa akkaan barbaaddu US irraa waadaa galameef harkaan hin ga'atin], haleellaa hamaa raawwachaa jirti.
Ameerikaan deeggarsa waraanaa doolaara biiliyoona 61 ta'u Yukireeniif waadaa galuushee torbee darbe mirkaneessitee turte.
Haata'u malee meeshaaleen waraanaa US waadaa seente ammallee adda waraanaa hin qaqqabne.
Loltoonni Yukireen adda waraanaatti hanqina meeshaa waraanaa fi humna namaan rakkataa turan ammallee akkasumatti jiru.
Raashiyaan ammoo oduu deeggarsa Ameerikaa kana erga dhageessee booda, osoo deeggarsi kun loltoota Yukireen bira hin qaqqabin haleellaa cimsite.
''Haalli dirree waraanaa jiru akkaan hammaateera,'' jedhe Jenaraal Siiriskiin.
Loltoonni isaa naannawa irratti ijibbaatanii falmataa turan, Doonesk, keessaa of duuba deebi'uu kan hime qondaalli waraanaa kun, ammallee iddoo buufatanii jiranittis rakkoo keessa jiru jedha.
Loltoonni Raashiyaa Guraadhala darbe keessa iddoo naannawa Doonesk keessaa akkaan murteessaa ta'e, Avdiivkaa qabatanii, achirraa ka'uun waraana hamaa iddoo Chasiv Yar jedhamutti gaggeessaa jiru.
''Moskoon dameewwan waraanaa hedduun sirnaa fi taaktika waraanaan akkaan milkoofteetti,'' jedhe jenaraal Siiriskiin.
Ministeerri Ittisaa Raashiyaa Dilbata kaleessaa akka beeksisetti loltoonni isaa ganda kiilomeetira 10 fagaattee kaaba Avdiivka keessatti argamtu, Novobakhmutivka jedhamtu to'ateera.
Jenaraal Siiriskiin hogganaa waliigalaa humna waraanaa Yukireen kan ta'e Guraandhala darbe ture.
Kun kan ta'e atakaaroo fi burjaajiin akkasumas walshakkiin qondaala waraanaa isa dura ture- Valerii Zaluznyi fi Pirezidantii biyyattii Voloodmiir Zeleniskii gidduutti hammaateeti.
Jenaraalli kun jalqaba ji'a kanaas adda waraanaa baha biyyattiitti ''waraanni akkaan hammaataa jiraachuu'' ibsee ture.
Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan torbee darbe deeggarsa waraanaa walumaagalatti doolaara biiliyoona 95 ta'u Yukireen, Israa'el fi Taayiwaniif gochuuf mallatteessaniiru.
Ameerikaan Guraandhala 2022 hanga Amajjii 2024 deeggarsa waraanaa doolaara biiliyoona 4o caalu Yukireeniif taasisuu jaarmiyaan qorannoo Jarman- Kiel Institute ibseera.