Yukireen meeshaalee waraanaa biyyoota lixaa fayyadamuu eegaluun waraanicha hagam jijjiira?

Amma Yukireen meeshaalee waraanaa biyyoota lixaatti fayyadamuun Raashiyaa haleeluu akka dandeessu eeyyama argatteetti.

Murteen kun maal jijjiira? Adda waraanaarratti Yukireeniif waan buusu qabaa?

Biyyoonni lixaa hanga ammaatti Yukireen meeshaa waraanaasaanii fayyadamuun humnoota Raashiyaa akka haleeltu hin eeyyamne turan.

Meeshaa waraanaa NATO irraa gargaarsaan argameen haleellaa daangaa qaxxaamure raawwachuun waraanicha daranuu hammeessa jedhanii waan yaadda'aniif eeyyamuu didan.

Garuu dhiheenya kana haalli humnoonni Raashiyaa fuulduratti itti deeman, keessattuu milkaa'inni isaan kaaba-baha Karkiiv keessatti argatan, Yukireen meeshaalee waraanaa kunneen fayyadamuu qabdi kan jedhu michoota ishee lixaa amansiiseera.

Akkuma Raashiyaa daangaa ceetee iddoo qiyyaafannaashee Yukireen keessatti barbadeessaa jirtu, Yukireenis waan kanaan walgitu raawwachuu qabdi ejjennoo jedhu agarsiisan biyyoonni lixaa.

Ji'a darbe Raashiyaan naannawa Karkiiv keessatti haleellaa lafoo heddumminaan banuun gandoota hedduu qabatteetti.

Milkaa'inni Raashiyaa kun magaalaa Yukireen keessatti guddinaan lammaffaa taatee fi daangaarraa kiilomeetira 30 qofa fagaattee argamtu Karkiiv keessatti yaaddoo guddaa uumee jira.

Daangaan karaa kanaan jiru biyyoota lameen gidduutti adda waraanaati, biyyoonni lixaa Yukireen meeshaa waraanaasaanii daangaasheen alatti fayyadamuu dhorkuunsaanii Raashiyaan salphaatti akka boojitu taasiseera.

Kana hordofee Yukireen fi biyyoota Awurooppaa irraa dhiibbaan cimeera, sababa kanatti US imaammatashee jijjiiruun, Yukireen meeshaalee waraanaa biyyoonni lixaa arjoomaniif fayyadamuun Raashiyaa haleeluu akka dandeessu eeyyamteetti.

''Kan nuti itti seenneef Yukireen yeroo barbaaddetti (adda waraanaatti) waan barbaaddu (waan ishee barbaachisu) akka argattuufi,'' jedhan Ministirri Dhimma Alaa US Antonii Bilinkan.

Ameerikaan kana ibsuu ishee yeroo gabaabaa dura, Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin daangaasaaniirratti of eeggannoo akka cimsan ibsanii turan.

Akka carraa yoo Yukireen misaa'ela biyyoota lixaa fageenya dheeraa furguggifamu fayyadamteef jechuun daangaarratti humna cimsuu dubbatan Puutin.

Biyyoonni Awurooppaa miseensa NATO ta'an ''biyyoota xixiqqoo uummata hedduu of keessaa qaban daangaa kanarraa akka qaban hubachuu qabu,'' jedhan.

''Waa'ee Raashiyaa haleeluu wayita mari'atan dhimma kanarrattis yaaduu qabu,'' jedhan Putiin.

US kan misaa'ela fageenya dheeraa akka Yukireen hin fayyadamne dhorkiteefis kanumaaf ta'uu mala.

Ameerikaan misaa'ela fageenya dheeraa furguggifamu- ATACMS (Army Tactical Missile Systems) jedhamu meeshaalee waraanaa Yukireen akka fayyadamtu eeyyamte keessatti hin daballe.

Misaa'elli kun fageenya kiilomeetira 300 imaluun iddoo buufata waraanaa Raashiyaa fi humna qilleensaa biyyattii haleeluu danda'a.

Daangaan akkasii kaa'amuun ammoo Yukireen humnoota Raashiyaa ollaa ishee jiran qofa akka haleeluu dandeessu ishee taasisa.

Garuu kanarraa taatu meeshaalee waraanaan walqabatee biyyoonni lixaa michuuwwan Yukireen ta'an imaammatasaanii fooyyessaa akka jirantu hubatama.

Misaa'eloonni fageenya gabaabaa kan warri lixaa deggarsaan Yukireeniif kan akka HIMARS fageenya kiilomeetira 70 imalu.

Kanaafuu yoo xiqqaate haleellaa Raashiyaan qindeessite fashaleessuu danda'a.

Pirezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskii yeroo dhihoo as waa'ee haleellaa Raashiyaa guddoo akka yaadda'an ibsaa jiru.

Keessattuu humnoonni Raashiyaa naannawa Karkiiv keessatti akkaan cimuun isaan yaaddessuun warra lixaa irraa birmannaa gaafataa turan.

Raashiyaan haala addaan Karkiiv keessatti milkaa'uun alattis, naannawa magaalaattii irraa kiilomeetira 90 irrattis humna jabaa ijaaraa jiraachuu Zeleniskiin himaniiru.

Biyyoota Awurooppaa keessaa UK fi Faransaay akkuma Ameerikaa michuunsaanii Yukireen akka meeshaa waraanaasaanii fayyadamtu eeyyamaniiru.

Isaan ammoo inumaa akka Ameerikaallee daangaa hin keenye. Meeshaaleen waraanaa isaan akka Yukireen fayyadamtu eeyyaman misaa'ela fageenya kiilomeetira 250 imalufaa of keessaa qaba.

Misaa'elli kun akka warri Faransaay waamanitti Scalp jedhama.

Pirezidantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon ''Yukireen adda waraanaa misaa'elli irratti dhukaafamaa jiru dura dhaabbachuuf meeshaalee waraanaa kunneen fayyadamuu qabdi. Adda waraanaa irratti haleelalamaa jirtu irratti misaa'ela kanatti dhimma bahuu qabdi,'' jedhan.