Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tootenhaam Roodiriigoo Saaniin bakka buusuuf kajeeluufi oduu jijjiirraa biroo
Tootenhaam taphataa isaa Saan Heung-min kan waggaa 10 booda kilabicha gadhiisaa jiru bakka buufachuuf Riyaal Maadiriidirraa taphataa lammii Biraazil Roodiriigoo fudhachuuf abbalaa jira.
Maanchester Yunaayitid fi Niwukasil Yunaayitid ammoo taphataa RB Leepizhiing Benjaamiin Seeskoo fudhachuurratti wal dorgomaa jiru.
Niiwukasil maallaqa Paawondii miliyoona 110 Liiverpuul Aleksaander Isaaq fudhacuuf kenne dideera. Niiwukasil taphataa kanaaf Paawondii miliyoona 150 gaafate.
Maajer Liigii Sookar Ameerikaa keessaa kilaba Los Anjalas FC deemuuf kan jedhu taphataa pirofeeshinaalaa lammii Kooriyaa Kaabaa Saan bakka buufachuuf Tootenhaam, taphataa sarara cinaa Biraazil umuriin isaa waggaa 24 ta'e Riyaal maadiriid irraa fudhachuuf fedhii agarsiisaa jira.
Maanchester Yunaayitid taphataa sarara lammii Siloveeniyaa RB Leepizhing Benjaamiin Seeskoo umuriin isaa waggaa 22 ta'e fudhachuuf gatii dhiyeessuuf jedha. Niiwukasil dursee taphataa kana fudhachuuf sochii jalqabeera.
Kana malees, Niiwukasil yaaliin Benjaamiin Seeskoo fudhachuuf taasisu yoo milkaa'uu baateef, taphataa sarara fuula duraa PSG fi Poorchugaal umuriin isaa waggaa 24 ta'e Gonkaaloo Raamos fudhachuuf barbaadaa jira.
Inter Miilaan ammoo taphata duraanii sarara fuula duraa Maanchester Yunayitid fi Ingilaand Maason Gireenwuud kan umuriin isaa yeroo ammaa waggaa 23 ta'e kilaba Faransaay Maaseerraa fudhachuu barbaada.
Karra eegaan PSG fi Xaaliyaanii Giyaanluwiing Donaaruumaa umuriin isaa waggaa 26 ta'e Maanchester Yunaayitid deemuu barbaada.
Kilabiin jarmanii RB Leepizhiing taphataa sarara cinaa Ingilaand Tiriiq Joor kan umuriin isaa waggaa 19 ta'e fudhachuuf marii taphataa isaa sarara gidduu lammii Daach Zhaavii Saayiman , 22, kennuuf yeroo Chelsii waliin dubbachaa jirutti gaafateera.
Kilabiin Sa'ud Arabiyaa al-Hilaal taphataa sarara fuula duraa Liiverpuul fi Uraagaay waggaa 26 fudhachuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.
Taphtaan sarara cinaa Maanchester Yunaayitid fi Biraazil waggaa 25 ta'e Antooniin Sa'ud Arabiyaa deemuu fedhii akka hin qabne, garuu bakka amma ergisaan taphchaa jiru Riyaal Beetis turu barbaabaada.
Taphataan sarara cinaa Maanchester Yunaayitid fi Arjentiinaa Alehaandiroo Gaarnaachoo waggaa 21 ta'e gara Chelsii deemuuf dursa kennuun haala deemuu danda'urratti dursa kennuun eegaa jira.
Taphataan duraanii sarara gidduu Ingilaand Daalee Alii kan umuriin isaa waggaa 29 ta'e, karoora kilaba Seerii A Xaaliyaan keessa akka hin jirre erga itti himameen booda kilaba haaraa barbaadaa jira.