Yukireen jeettiwwaan waraanaa Faransaay akka qilleensaa saffisan 100 of harka galfachuufi

Madda suuraa, AFP
Yukireen xiyyaarota waraanaa saffisoo Raafaal F4 jedhaman Faransaayitti hojjataman 100 ta'an akkasumas sirna ittisa qilleensaa sadarkaa olaanaa qabu argachuuf jirti.
Meeshaan waraanaa kun ammoo biyyattiin haleellaa guddaa Raashiyaan irratti raawwattu irraa of ittisuuf akka gargaaru himama.
Deeggarsa meeshaalee waraanaa Ameerikaa fi biyyoota Awurooppaa irraa argattu kanneeniin Yuukireen raashiyaarra ooluu dandeessi?
Pirezidaantiin Yukireen Volodiyiimiir Zeleniskii tarkaanfii kana "seena qabeessa" jechuun kan jajan yoo ta'u, gita isaanii Faransaay Imaanu'eel Maakroon waliin buufata xiyyaaraa naannoo Paaris jirutti waliigaltee kana mallatteessaniiru.
Xiyyaarootni kunneen hundi isaanii hanga bara 2035tti Yukireeniif kennamanii kan xumuraman yoo ta'u, sirni oomishaa waloo ittisa qilleensarraa bara kanarraa eegala.
Gabaasaaleen akka jedhanitti murteen kun Raashiyaa dhaabuuf yoo ta'u tarkaanfii falmisiisaa Gamtaa Awurooppaa miseensota 27 qabu addaan qoodedha.
"Kun waliigaltee tarsiimoo waggaa itti aanu irraa eegalee waggoota 10f hojirraa ooludhaa" jechuun Zelenskiin ibsa walooWixata kaleessaa Maakroon waliin kennan irratti dubbataniiru.
Yukireen ''raadaroota Faransaay baayyee ciccimoo, sirna ittisa qilleensaa saddeet fi meeshaalee waraanaa sadarkaa olaanaa biroos ni argatti'' jedhan.
Zelenskiin sirnoota sadarkaa olaanaa akkasii fayyadamuun "lubbuu nama tokkoo baraaruu jechuudha ... Kun baayyee barbaachisaa dha" jechuun cimsanii dubbataniiru.
Raashiyaan ji'oota darban keessa haleellaa diroonii fi misaa'elaa Yukireen irratti raawwattu dabaluudhaan bu'uuraalee anniisaa fi baaburaa irratti xiyyeeffataa turte.
Kunis guutuu biyyattiitti humni ibsaa bal'inaan akka addaan citu taasiseera.
Haleellaa kanaan lammiileen nagaa kudhanootaan lakkaa'aman kan ajjeefaman yoo ta'u, kunas Kiiv fi michoonni ishee warra dhihaa yakka waraanaa jedhanii ibsan.
Haleellaa misaa'ela Raashiyaan halkan tokkotti raawwatameen, kaaba baha Yukireen magaalaa Balakliyaa keessatti, namoonni sadii du'uu fi 15 madaa'uu qondaaltonni biyya keessaa himaniiru.

Madda suuraa, Reuters
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Maakroon Zelenskii waliin haasawa taasisaniin, "Raafaal, 100 karoorfannee jirra - kun guddaadha. Waraana Yukireen haaromsuuf kan barbaachisu kana" jedhan.
Yukireen waan dhufu hundaaf akka qophooftu gargaaruu akka barbaadanillee Pireezidaantiin Faraansaayi Emaanu'el Maakroon dubbataniiru.
Xiyyaaronni waraanaa Raafaal kun samii Yukireen eeguuf murteessaa ta'ee kan ilaalamu yoo ta'u, biyyattiin haleellaa qilleensaa fageenya dheeraa naannoo daangaa fi magaalota ishee irratti raawwatamu irraa of ittisuuf dandeettii waan hin qabneefidha.
Xiinxalaan ittisa Yukireen Serhiy Kuzhan BBC'tti akka himanitti, ''Raashiyaan ji'atti boombii glide 6000 fayyadamaa jirti.
"Faransaay lola qilleensaatif fageenya kiiloo meetira 200 qabaachuun barbaachisaa dha. Raashiyaan meeshaa waraanaa mataa isaanii kan qaban yoo ta'u, fageenya kiiloo meetira 230 qaba" jedha
Walii galteen Kiiv fi Paaris gidduutti ta'e kun guddaa ta'us, Jastiin Biroonk Dhaabbata Tajaajila Rooyaal Yunaayitid (RUSI) irraa ''garaagarummaan jiru yeroo fi misaa'eloota isa waliin dhufan irratti argama,'' jedhan
Kun ajaja bittaa salphaa osoo hin taane waliigaltee siyaasaa yeroo dheeraa ti. Kanaafuu walii galteen kun haleellaa Raashiyaa ni jijjiira jedhamee eeggama. Garuu waadaan biyyoota dhihaa deeggarsa meeshaa waraanaa leenjii waraanaa waliin yoo ta'e malee bu'a qabeessa ta'uun isaanii shakkisiisadha
Taankiiwwan Lehopardi 2 kan Jarmanitti hojjetame haa ta'u ykn xiyyaara waraanaa Ameerikaa F-16 ta'us,kan Faransaayi hundi isaanii leenjii cimaa, garee deeggarsa guddaa fi meeshaalee dabalataa hedduu barbaadu.
Raafaal waliin walqabtee gaaffii eenyutu kaffala jedhu irratti waanta ifa hin taanetu jira.
Faransaay deeggarsa Kiyeev gootu keessatti hammachuu moo Gamtaan Awurooppaa waliigaltee kana hojiirra oolchuuf akka liqiitti kenniti jedhamees yaadama.
Garuu wanti ifa ta'e Gamtaa Awurooppaatinis ta'e, maallaqni sun suuta kanfalamee dhumuu isaati.
Gamtaan kun waggoota lamaan dhufaniif dinagdee Yukireen miidhame deeggaruuf waligaltee adda addaa kan taasisan yoo ta'u deeggarsi gama waraanaan taasifamus cimaa jira.
Humni qilleensaa Yukireen duraanuu xiyyaarota waraanaa Faransaay Mirage akkasumas xiyyaarota F-16 Ameerikaan hojjetaman fayyadamaa jira .
Kiiv dhiheenya kanas xiyyaarota waraanaa Siwiidin Giripen argachuuf yeroof walii galtee jirti.
Faransaay booda Zelenskiin gara Ispeen imaluun deeggarsa waraanaa dabalataa fi kanneen biroo Yukireenif barbaadu.
Dhuma torbee darbee Giriik waliin waliigaltee gaazii mirkaneessun himameera. Dhiyeessiin barbaachisaan gaazii uumamaa dhangala'aa Ameerikaa amma qorra kana karaa ujummoo Baalkaan keessaa gara Yukireenitti yaa'uu ni jalqaba jedhamee eegama.
Yeroo ammaa kana Moskoo naannoo Yukireen keessaa gara %20 kan to'atte yoo ta'u, loltoonni Raashiyaa sarara fuulduraa bal'aa irratti suuta suutaan tarkaanfii fudhachaa turaniiru - miidhaan lolaa guddaan akka qaqqabe gabaafameeera















