Dhiibbaa cimaa sanyummaa fayyaa namootaarratti qabaatu

nama ciisee siitii skaaniin iallaalamaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Laayar Liivarpuul jedhamti. Qorattuu wallaansa fayyaa taatee hojjachaa turte. Ammaan tana ammo gaazexessituu saayinsii ta’un hojjataa jirti.

Kitaaba loogiin sanyummaa dame saayinsiifi wallaansaa irra jiru attamiin fayyaa namootaarratti dhiibbaa akka qabaatu agarsiisu barreessiteeti.

Kibaani isheetiis ‘Systematic: How racism Is making us Ill’ jedha. Kitabichis garaagarummaa fayyaa hawaasa loogeeffamaniifi warra adii jidduu jiruuf haala itti sirreeffamu danda’amu irratti xiyyeeffata.

Laayal kitaaba kana barreessuuf muxannoon mataashee akka ishee kakkaase dubbatti. Isheenis jijjirama haalluu gogaa xixiqqaa fuulaafi harkasheerratti argu kan dandeesse osoo umurii xiqqoo jirtuu turte. Yeroo sanattis Neezarlaand keessa jiraataa turte.

Yeroo mana yaalaa deemtuuttis kan ajajamuuf qorichoota farra infeekshiniifi farra baakteeriyaa ture. Haata’u malee jijjirama omaatu hin argamsiifneef. Sababii kanaatiin dhukubni ishee mudate kana hin wallaanamneefi kan hin baramne akka ta’e yaadame.

Rakkoon fayyaa hospitaala Neezarlaandiitti dedebiiteen kunis kan adda baafame UK keessatti ture. UKtti wayita hakiima gurraacha oggeessa gogaa ta’e wayita aragatteetti, yeroo tokkichaan rakkoonshee dhukkuba gogaa ‘Exosome’ jedhamu akka ta’e itti himame.

Duraan dhibaaneshee adda kan hin bahiin ture, sababii hakiimoonni adiin dhukkubni sun attamiin nama gogaa gurraachaa irratti akka mul’atu waan hin beekneefi qorannoo dogongoraa waan taasisaniif akka ta’e hakiimiin kun itti hime.

Laayal loogii sanyii dhiibbaa fayyaa namootaarraan gahuurratti akkumashee barreessaa saayinsii kan ta’e Deeviid Roobsan waliin turti taasiifte jirti.

gaazexessituu saayinsii

Madda suuraa, Alamy

Maaltu kitaaba barreessuuf si kakaase?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhiheenya keessan haadha ta’e. UK keessatti dubartoonni ulfaa akka koo gurraacha ta’na tibba ulfaafi dahumsaatti carraan du’usaanii kan warra adiitiin dachaan dabala.

Bakkeewwan kaanitis baayyiinni walfakkaataatu jira. Akka gaazexessituu saayinsiifi nama beekuma fayyaa qabuutti kana ilaaluufan murteesse.

Waa’ee dhima kanaa kanan baayyee beeku natti fakkaata ture. Waanan argadheen garuu baayyeen nahe. Addunyaarratti biyyoota hedduu keessatti hawaasni loogiifamman dahumsaan alatti, dhukkuba dadarboo, dhukkuba onneefi ujummoo dhiigaa, kaansarii, fayyaa sammuu fi rakkoo fayyaa cimaa kkf akka isaan saaxilaa jiru hubadheera.

Sanyummaa akka rakkoo fayyaa ummataatiin ibsa. Kunis sirna eegumsa fayyaa haqa qabeessa hin taane qofaa osoo hin taane, akka bu’aa qabeessa hin taanes ni taasisa. Yeroo maallaqaa fi qabeenya qiisaaseessa.

Barattoonni fayyaa hawaasa garaa garaa jidduu adda addummaan baayoloojii jiraachusaarratti amantaa dogongoraa akka qaban qorannoowwan eeraniiru.

Ilaalchawwan dogongoraa kanneen keessaa fakeenya muraasa nu kaaftaa?

Jalqaba kitaabichaarratti gogaan warra gurraachootaa kan warra adii caalaa furdaadha ykn naashaan saanii dafee hin miidhamu, kanaafuu warra gurraacha haala adda ta’een dhukkubni itti dhagahama kan jedhu argeera. Ameerikaa keessatti barattoonni wallaansaa wallakkaan ilaalcha dogogoraa kana amanu turan.

Kun fakkeenya tokko qofaadha. Bakkeewwan gara biraatti ammoo yaadniwwan kunneen gara qajeelfama wallaansaatti hikamaniiru.

Fakkeenyaaf yaada kaleen warra gurraachaa kan warra adiitiin haala adda ta’een hojjata jedhu ka’umsa taasifachuudhaan, eenyummaa dhukkubsataa irratti hundaa’uun qorannoo taasisuun kan barame ture.

Kun qorannoo baayyee xiqqoorraa kan maddee fakkaata. Achiinis qorannoowwan biraatiin eeramuun dhumarrattis gara qajeelfama keessatti hammatama. Kunis miidhaa fayyaa olaanaa akka qabaatu qorannoowwan ni agarsiisu.

Waa’ee dhimma kanaa jalqaba barruu saayinsii ‘Niiw Saayintist’ jedhamuufan gabaase. Erga UKtti dhaabbata Fayyaafi Kunuunsa Biyyaaleessaa dubbuuseen boda, fayyadama sanyii jechuun qajeelfama fooyyeessaniiru. Addunyaarrattis jijjirama argaa jirra.

Wallaansa sombaatiin wal qabate adeemsa sanyuurratti hundaa’e ilaaluu dandeenya. Kunis kanneen yaada sombi ummata gurraachaa dadhabaadha jedhuu fi garboofamunsaanii isaan fayyaada kan jedhu Saamu’el Kaartiraayit, hakiimii Ameerikaafi bulchiinsa garbomfannaatiin kan waliin qabatuha. Kunis haala ta’e wallaansa keessatti hammatameera.

Dhimma kana bara 2021tto osoo gabaasa hin goone, qajeelfamoonni addunyaa yoo dandeettii sombaa safarru sanyii ilaaluu akka qabnu himan jiru.

Bara darbe yoo gulaallii kitaabichaa isa dhumaa hojjadhuutti, Soosaayitiin Riispaaraatorii Ameerikaafi Awurooppaa akka dhimma sanyii qajeelcha isaanii keessaa baasan hubadhe.Kunis osoo durtee ta’e ture gaarii ture. Ta’us jijjiramuufi mariiwwan jiraachusaatti gammadduudha.

Dubartii ulfaa wayita yaalamaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Sanyii eegumsa fayyaa sammuu irratti dhiibbaa atamii qaqabsiisa?

Dhimmoonni walqixa ilaalamu qaban hedduun jiru. Fakkeenyaaf, gurrachi wallaansa samuutiif jecha fedhiisaanii malee carraan hidhamu olaanaa ta’u hubanna. Ameerikaa keessatti dhiiroonni gurraachoonni rakkoon fayyaa sammuu isaan mudate warra adii caalaa carraan poolisootaan ajjeeffamusaanii olaanaadha.

Qorannoon akka mul’isuutti kun ta’u kan danda’e namoonni guraaleen caalaa yaaddeessoo ykn balaafamoodha jedhamee waan yaadamuudhaaf.

Sanyummaan qorannoo irrattis dhiibbaa taasisuu danda’a. Dhiphiinni hawaasa loogeeffaman biratti kan haala gahaa ta’een hin qoratamneefi wallaansi hin kennamneef yoo ta’u, rakkoon waa yaaduu ammoo yeroo tokko tokko UK fi Ameerikaatti namoota guraalee irratti qorannoon baayyeen gaggeeffamuun beekama.

Kanaafuu, oggeessoonni fayyaa haala ittiin warra gurraachaa ilaalaniifi ilaalchawwan isaan irratti dhiibbaa taasisuu danda’na dogongoraa tokko tokko jiraachu danda’u. Kuna ammoo rakkoodha.

Gurraachoonni biyyoota hedduu keessatti argamanis dhiibbaannni inni muuxannoofi nageenyaa isaanii irratti qabaatu, hakiimoota sammuutiin xiyyeeffannoon akka hin kennamneef itti dhagahama.

Kun ammoo namoonni yoo rakkiinaaf saaxilamanii fi yeroo itti deeggarsa barbaadaniitti waa’ee rakkoo isaan mudate dubbachuun fedhii deeggarsa itti argatan hir’isu danda’a.

Sanyummaafi dhukkuuboota akka onneefi alzaayimar jidduut walitti dhufeenya attamiitu jira?

Haalli sammuu keenyaa fayyummaa qaama keenyaarratti dhiibbaa taasisuu danda’a.

Dhibeen onnee addunyaarratti dhukkuba namoota ajjeesuu olaanaa fi rakkoo fayyaa ummaataa olaanaadha. Odeeffannoowwan akka mul’isaniitti, sanyummaan kana irratti gahee olaanaa qabaata.

Ilaalcha carraan gurraachoonni hatuusaanii olaanaadha jedhurraa ka’uun, suuqii keessa seentee hordoffiin sirratti raawwatamu danda’a ta’a? Yaadni jedhan akka rukuttaan onnee ol ka’uufi dhiphina itti uma.

Sanyummaa bara jireenyaa hundatti si mudachuun sirna onneefi narvii irratti dhiibbaa yeroo dheeraa qabaata.

Fakkeenyaaf, gurraachoonni AMeerikaa keessa jiraatan carraan dhiibbaa dhiigaatiin qabamusaanii fi dhibee onneetiin qabamu olaanaadha.

Dhiphinni yeroo dheeraatiif tureefi rakkoon miiraarakkoo hubannoo umurii waliin wal qabate fi rakkoo waa dagachuu waliin walitti qabachu danda’a.

Abdiin jiru maaliidha?

Tibban kitaaba kana barreessuutti namoota dhimmoon kunneen isaan dhiphisaniifi rakkoolee kanneen furuudhaaf hojjataa jiran hedduu argadheera. Fakkeenyaaf, UK’tti dhaabbanni fayyaa dubartoota gurraaleef hojjatu ‘Five X’s’ jedhamu jira.

Qorannoon warreen guraalee fi dhubartoonni gurraachaafi adiirraa dhalatan %43 ta’an irra, tibba kunuunsa dahumsaatti loogiin akka irratti raawwatamu agarsiisuu hojjatameera.

Dubartoonni guraachaa ulfa ta’an haala eegumsa fayyaasaaniif attmiin ofiisaanitiif falmu akka qaban gorsa kaa’eera.

Hojjattoota eegumsa fayyaa dhimma kanarratti hirmaachuu barbaadaniifi yoo tajaajila argatan akka isaaniitti tolu taasisuuf barbaadaniif leenjii kenniineerra.

Saayintistoonni hedduun qorannoo wallaansa isaanii keessaa loogii hambiisuuf cimanii hojjataa jiru.

Doktaoonnis jalqaba marii keenyaarratti, loogii sanyii dubbanneefi malawwan wallaansa fakkaa sanyii irratti bu’uurreeffatan dura dhaabachuu eegalaniiru. Kunis wallaansa keessatti haalaan babal’ate arguu barbaadulleen, sadarkaa dhunfaatti argaa jirra, baayyee ajaa’ibadha.