Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pogbaan Man Yunaayitid gadhiisuu, hamii maqaan Neymaar Chelsii waliin ka’uufi kaan
Pool Pogbaan guyyaan kontiraata Maanchester Yunaayitid waliin qabu waan dhumateef jijjiirraa bilisaan deebiyee Juuventuusitti makamuuf.
Taphataan lammii Firaans sarara gidduurraa taphatu Pogbaan, osoo dhimma jijjiirraa isaa hin xumuriin dursee dhuma torban kanaa fayyaansaa guutuu tahuusaa ilaalamuuf jira.
Pogbaafi Manchester Yunaayitid kontiraata haaraa waliif mallatteessuu irratti waan waliigaluu hin dandeenyeef bilisaan akka gadhiisu jalqaba Waxabajjiirratti kilabichi mirkaneessee ture.
Taphataan umuriin isaa ganna 29 kun torban dhufu osoo Juuventuus tapha Baarseloonaafi Riyaal Maadiriid waliin Adoolessa 27 fi 30 Yunaayitid Isteet keessatti qabaniif garas hin imaliin dura itti makamuun shaakala akka jalqabu himameera.
Pogbaan umurii wagga 16 yeroo ture bara 2019 akaadaamii Yunaayitiditti kan makame yoo ta’u, kanaan dura bilisaan Juuventuusitti makamee taphawwan 178 taphateefiif gooolii 34 lakkoofsiseeraaf.
Pogbaan bara darbe si’a 91 Maanchester Yunaayitidiif hiriiree gooliiwwan 8 qofa lakkoofsisuun isaa dhiibbaan akka irratti cimu taasiseera.
Gama biraan Maanchester Yunaayitd, taphataa lammii Neezerlaandis Tiirel Malaashiyaa Feeyinoord irraa fudhateera.
Kilabichi taphataa umuriin isaa waggaa 22 ta’e kana kontiraata waggaa afuriin hanga 2026 isa tursiisuuf Yuuroo miliyoona 15 baaseera.
Kana malees, Maanchester Yunaayitid Kiristiyaan Eriksan miindaa torbanitti Paawondii 150,000 kaffaleef akka fudhatu itti himeera.
Paawuloo Dibaalaa Arsenaal bilisaan Juuventuus irraa fudhachuutti dhiyaateerus, Maanchester Yunaayitid harkatti gojoma’aa jira.
Taphataa lammii Deenmaark kan ta’e Erkisaniin kilaboonni akka Bireentfoord, Tootenhaam, Evertan, Niiwuukasiliifi Leesteris kajeelaa jiru.
Hamii jijjiirraa taphattootaa biroon ammoo taphataan Biraazil Neeymaar Paris St-Germain gadhiisuuf yaadaa akka jiru dubbatamuu hordofee maqaan isaa Chelsii waliin ka’aa jira.
Chelsii, Paris St-Germain fi Baayer Muniik ammoo jijjiiraa bilisaan kan argamu Osmaan Dembeelee fudhachuuf gabaa bahaniiru.
Arsenaal taphataa kanaan dura Arsenaal ture yeroo ammaa garuu Baayiren Muniikiifi taphatu Serge Gnabrifudhachuuf kajeelaa jira.
Taphataan sarara gidduu Maanchester Siitii lammii Poorchugaal ta’e Bernaardoo Silvaa ammoo ganna kana Baarseloonaatti makamuu akka barbaadu dubbateera.
Taphataan collee addunyaa irratti beekamu Kiristaanoo Ronaaldoo ganna kana Maanchester Yunaayitid gadhiisuu akka fedhu beeksisuu isaa hordofee Chelsiin fudhachuudhaaf yaada akka qabu himaa jiraachuun gabaafameera.
Taphataan umurii ganna 37, Ronaaldoon, Chelsii deemuudhaaf fedhii qabaachuu danda’a ta’a, garuu Chelsiin ammallee karaa seera qabeessa ta’een gaaffii taphataa kana fudhachuu hin dhiyeessiin jira.
Gama biraan ammoo, taphataan duraanii Riyaal Maadiriid kun haala ittiin gara La Liga Ispeenitti deebiyuun Baarseloonaaf taphachuun danda’amu irratti pirezidantiin kilaba Baarseloonaa Yohaan Laaportaa fi ejentiin taphataa kanaa Jorgee Mendeez waliin dubbachaa jiru.
Oduu jijjiirraa taphattoota kilaboota Awurooppaa birootiin Maanchester Siitiin taphataa sarara gidduu Liids Yunaayitid Kalviin Filiippiin, Arsenaal ammoo Gabri’el Jeesuus Maanchester Siitii irraa Paawondii miliyoona 45 fudhataniiru.
Kalviin Filiippii shaampiyoonaa Piriimer Liigii Ingiliiz kan ta’e Maanchester Siitii waliin turuuf walii galtee waggaa ja’aa mallatteesseera.
Kana malees, Chelsiin Raahem Isterliing Maanchester Siitii irraa fudhachuuf dubbachaa jira.