Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kiristaanoo Ronaaldoon gara Chelsii deemuufii?
Taphataan collee addunyaa irratti beekamu Kiristaanoo Ronaaldoo ganna kana Maanchester Yunaayitid gadhiisuu akka fedhu beeksisuu isaa hordofee Chelsiin fudhachuudhaaf yaada akka qabu himaa jira.
Taphataan umurii ganna 37, Ronaaldoon, Chelsii deemuudhaaf fedhii qabaachuu danda’a ta’a, garuu Chelsiin ammallee karaa seera qabeessa ta’een gaaffii taphataa kana fudhachuu hin dhiyeessiin jira.
Gama biraan ammoo, taphataan duraanii Riyaal Maadiriid kun haala ittiin gara La Liga Ispeenitti deebiyuun Baarseloonaaf taphachuun danda’amu irratti pirezidantiin kilaba Baarseloonaa Yohaan Laaportaa fi ejentiin taphata akanaa Jorgee Mendeez waliin dubbachaa jiru.
Kilaboota Ispeen La Liga keessatti masaanota yeroo hundaa kan ta’an Riyaal Maadiriid fi Baarseloonaaf yeroo gara garaatti carraan Ronaaldoon taphatu jiraannaan deeggartoota kubbaa miilaa waan ajaa’ibu ta’uuf deema.
Taphataa lammii Poorchugaal kan ta’e Ronaaldoon, miindaa torbaniin Paawondii 500,000 Maanchester Yunaayitid keessatti isaaf kafalamu irraas akka hir’isu danda’u fedhii qabaachuus dubbachaa jira.
Oduu jijjiirraa taphattoota kilaboota Awurooppaa birootiin Maanchester Siitiin taphataa sarara gidduu Liids Yunaayitid Kalviin Filiippiin, Arsenaal ammoo Gabri’el Jeesuus Maanchester Siitii irraa Paawondii milyoona 45 fudhataniiru.
Kalviin Filiippiin shaampiyoonaa Piriimer Liigii Ingiliiz kan ta’e Maanchester Siitii waliin turuuf walii galtee waggaa ja’aa mallatteesseera.
Kana malees, chelsiin Raahem Isterliing Maanchester Siitii irraa fudhachuuf dubbachaa jira.
Taphataa umuriin isaa wagga 27 ta’e Isterliing, gatii Paawondii miliyoona 50 ta’utu itti gaafatame.
Aanga’oonni Maanchester Yunaayitid ammoo taphataa sarara ittisaa lammii arjentiinaa Lisaandiroo Maartiineez fudhachuuf aanga’oota Ayaaks waliin dubbachaa jiru.
Taphataa umuriin isaa wagga 24 ta’e kanaaf, Maanchester Yunaayitid Paawondii miliyoona 29.6 kenneera.