Prezidaantiin US Joo Baayidan bishikileetiirraa kufan

Joo Baayidan bishikiliitii irraa kufan

Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan osoo daandii Delaweer irra bishikileetii oofaa jiranii irraa kufan.

Joo Baayidan osoo naannoo mana jireenya isaaniitti Bishikileetii oofanuu yeroo dhaabuf jedhanitti ture kan irraa kufan.

Viidiyoon yeroo isaan kufan agarsiisu irraa akka argamuutti waan miidhaman hin fakkaatu. Asoosheetid piress akka gabaasetti, Baayidan yeroo bishikileetii irraa bu’uuf jedhan miilli isaanii peedaalii bishikileetii keessa galuun kufan.

Pirezidaantichis “homaa hin taane fayyaa kooti” jechaa yoo namoota isaan waliin turaniitti himan dhagahamu.

Yeroo pirezidaantichi kufanittis namoonni daandii irra turan miira naasutiin ilaalaa turan.

Joo Baayidan iddoo kufanii ka’anii namoota isaan marsanii jiranitti osoo dubbatanii mul’atu.

Miidhama irraa hafuu isaaniif nammoonni achi turan harka rukutun gammachu yoo ibsatan dhagahama. “Galatoomaa Pirezidaant!” osoo jedhanii mul’atu.

Joo Baayidanis, “Galatamoomaa! Jedhaa ega wal agarraa,” jedhanii bishikileetii isaanitti deebii'uun yaabanii imalasaaniin qajeelan.

Baayidan amma ganna 79 guutaniiru.

Tarii kufaatin isaanii kun dullumaan wal-qabataa laata?

Kufaatin isaanii kun kan yeroo jalqabaa miti. Kana duras osoo saree isaanii wajjin taphatanii kufuun lafeen koroonyoo isaanii cabee akka ture ni yaadatama.

Yeroo sana ogeessa fayyaa dhuunfaa isaanii Kevin O'Connor jedhamuun ilaalamanii lafeen miila isaanii lama akka cabe itti himame ture.

Tarii kufaatiin isaanii kun dullumaan wal-qabataa laata?