'Qaamni nageenya dide dirqamee araaratti akka deebi'uuf tarkaanfiin fudhatamaa jira'- Kominikeeshinii Oromiyaa

Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) dirqamuun marii nagaa dhiyaateef akka fudhatuuf mootummaan tarkaanfii fudhataa jira jechuun Biiroon Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa gabaase.

Kun yeroo Ameerikaa fi IGAD dabalatee qaamoleen adda addaa mootummaa fi WBO marsaa sadaffaan wal arguun wal dhabdee isaanii akka furataniif waamicha gochaa jiranitti dhagahame.

Biiroon Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa hogganaa biirichaa Obbo Haayiluu Adunyaa turtii Dhaabata Pireesii Itoophiyaa waliin taasisan wabeeffachun fuula Feesbuukii isaa irratti akka maxxansetti, ‘mootummaan fedhii nageenya buusuuf qaburraa kan ka’e kanaan dura karaa duudhaa Oromoo eegeen Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqeefi jaarsolii biyyaan murnichi gara nageenyaatti akka deebi’uuf yaalii taasisaa tureera’ jedhan.

"Ammas qaama sadaffaa murnichi barbaade guutuunis marii marsaa 2ffaa Taanzaaniyaatti taasiseera. Ta’us, haalduree sadarkaa har’a biyyattiin irra jirtu hin madaalle dhiyeessuun fashalaa’uu marichaatiif ka’umsa ta’eera," jechuun maxxanse.

Mariin nagaa Taanzaaniyaatti qindeesummaaa Ameerikaa fi IGAD, akkasumas Noorweyiin gaggeeffame waliigaltee malee xumurame.

Mootummaan Itoophiyaa fedhii daangaa hin qabne qaamni biraa agarsiise irraa kan ka’e marii milkii malee xumurame jedhe.

WBOn ammoo carraa seena qabeessi rakkoolee yeroo dheeraaf turan furuuf argame osoo hin milkaa’iin hafuu hime. Kanaaf ammoo mootummaan Itoophiyaa rakkoo bu'uuraa siyaasa biyyattii furuuf fedha dhabeera jechuun komate.

Qaamoleen lamaan ibsa gabaabaa kennaniin wal komachuurra kan darbe ibsa bal’aa miidiyaaf kennan hin qaban.

Maal irratti wal tahuun maal irratti wal dhaban kan jedhus hedduu hin beekamu.

Mariin nagaa marsaa jalqabaa fi lammaffaa mootummaa Itoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti yeroo jalqabe, mootummaan kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti waraana jabaa gaggeessaa ture.

Kun maaliif akka tahe ifatti osoo hin beekamiin turus amma Obbo Haayiluun akka WBO kan isaan' Shanee' jedhan dirqamee marii araaraa dhiyaateef fudhatuuf jedhan.

Qondaalli mootummaa Itoophiyaa Obbo Taayyee Danda’aa waliigalteerra gahamuu dhabu isaaniitti gaduu ibsuun, yeroo mariin jalqabutti dibbee waraanaa reebuun maaliif barbaachise jechuun, gochi akkasii kun gidiraa hawaasarra bubbule daran hammeessuurraa kan hafe fala akka hin fidne kaasuun qeeqaniiru.

Haatahu malee, waraanni mootummaa fi WBO gidduutti waggoota shanan darban gaggeeffamaa ture osoo xumura hin argatiin tureera.

Mootummaan waggoota sadii dura aduu torbanotaa keessatti balleesina jechuun oppireehsinii jalqabe. Yeroo sana irra caalaa godinaalee Wallaggaa keessa socho’aa kan ture WBO amma kutaalee gidduugaleessa biyyaa keessas sochii isaa dabale.

Wal dhabdeen mootummaa fi WBO gidduu kun nageenya naannoo Oromiyaa booressuurra darbee namootni hedduun lubbuu akka dhaban sababa taheera.

Mootummaan Ameerikaa wal dhabdeen WBO fi mootummaa Itoophiyaa gidduu oppireeshinii waraanaan furmaata akka hin argannee fi marii nagaa qofa garaagartee isaanii furuu akka qaban dhaame.

Kun ejjennoo mootummaa Ameerikaa akka tahee fi mootummaa Itoophiyaa beeksisuus Gaanfa Afrikaatti, Ergamaan Addaa Ameerikaa Maayik Haamer Koree dhaabbii Hariiroo Alaa Koongireesii US Kamisa darbe dhimma Itoophiyaarratti wal gahii gaggeesse irratti himaniru.

Maayik Haamer marii nagaa mootummaa Itoophiyaa fi WBO Taanzaaniyaatti turban lamaa fi walakkaaf gaggeeffamaa ture bu’a qabeessa tahus ulfaataa ture jedhan.

Kanaaf yeroo gabaabaatti bu’aa barbaadamu fiduu hin dandeenye jedhanii garuu hanga dhumaatti mootummaan Ameerikaa cimsee maricha akka deeggaruu fi waliigalteerra gahaniif akak hojjetu hime.

Waraana mootummaa fi WBO gidduutti gaggeeffamu keessa lubbuun namoota nagaa bakka hedduutti gaagaga’amaa jira.